فاطر

تفسير سورة فاطر

الترجمة الأورومية

Oromoo

الترجمة الأورومية

ترجمة معاني القرآن الكريم للغة الاورومية ترجمها غالي ابابور اباغونا، عام الطبعة 2009م

﴿بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ الْحَمْدُ لِلَّهِ فَاطِرِ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ جَاعِلِ الْمَلَائِكَةِ رُسُلًا أُولِي أَجْنِحَةٍ مَثْنَىٰ وَثُلَاثَ وَرُبَاعَ ۚ يَزِيدُ فِي الْخَلْقِ مَا يَشَاءُ ۚ إِنَّ اللَّهَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ﴾

Faaruun hundi kan Rabbii uumaa samiifi dachii ta’e, kan maleykotas ergamtoota abbootii kooluuwwan lama lamaa, sadi sadiifi afur afurii taasiseef haa ta’uUumama keessattis waan fedhe ni dabalaDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha

﴿مَا يَفْتَحِ اللَّهُ لِلنَّاسِ مِنْ رَحْمَةٍ فَلَا مُمْسِكَ لَهَا ۖ وَمَا يُمْسِكْ فَلَا مُرْسِلَ لَهُ مِنْ بَعْدِهِ ۚ وَهُوَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ﴾

Rahmata irraa wanta Rabbiin namaaf bane wanti ishee dhorgu tokkoyyuu hin jiruWanta Inni dhorges Isa boodaan wanti ishee gadi dhiisu (ergu) hin jiruInnis injifataa, ogeessa

﴿يَا أَيُّهَا النَّاسُ اذْكُرُوا نِعْمَتَ اللَّهِ عَلَيْكُمْ ۚ هَلْ مِنْ خَالِقٍ غَيْرُ اللَّهِ يَرْزُقُكُمْ مِنَ السَّمَاءِ وَالْأَرْضِ ۚ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ۖ فَأَنَّىٰ تُؤْفَكُونَ﴾

Yaa namootaa! Ni’imaa Allaah of irratti yaadadhaaSila Rabbiin ala uumaan biraa kan samiifi dachii irraa soorata isiniif kennu ni jiraa? Isa malee gabbaramaan haqaa hin jiruKanaafuu akkamitti isa (irraa) garagaltu?

﴿وَإِنْ يُكَذِّبُوكَ فَقَدْ كُذِّبَتْ رُسُلٌ مِنْ قَبْلِكَ ۚ وَإِلَى اللَّهِ تُرْجَعُ الْأُمُورُ﴾

(Yaa Muhammad!) Yoo si sobsiisan, ergamtoonni si duraas (akkuma kee) sobsiifamanii jiruDhimmoonni hundis gara Rabbiitti deebifamu.

﴿يَا أَيُّهَا النَّاسُ إِنَّ وَعْدَ اللَّهِ حَقٌّ ۖ فَلَا تَغُرَّنَّكُمُ الْحَيَاةُ الدُّنْيَا ۖ وَلَا يَغُرَّنَّكُمْ بِاللَّهِ الْغَرُورُ﴾

Yaa namootaa! Dhugumatti, waadaan Allaah dhugaadhaKanaafu jireenyi addunyaa akka isin hin gowwoomsineGowwoomsaan (Sheyxaanni) (obsa) Rabbiitiin akka isin hin gowwoomsine

﴿إِنَّ الشَّيْطَانَ لَكُمْ عَدُوٌّ فَاتَّخِذُوهُ عَدُوًّا ۚ إِنَّمَا يَدْعُو حِزْبَهُ لِيَكُونُوا مِنْ أَصْحَابِ السَّعِيرِ﴾

Dhugumatti, Sheyxaanni isiniif diinaa, isinis diina isa godhaaGareewwan isaas akka warra ibidda boba’aa (seenu) ta’aniif isaan waama.

﴿الَّذِينَ كَفَرُوا لَهُمْ عَذَابٌ شَدِيدٌ ۖ وَالَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ لَهُمْ مَغْفِرَةٌ وَأَجْرٌ كَبِيرٌ﴾

Isaan kafaran adabbii cimaatu isaaniif jiraIsaan amananii, gaggaarii hojjatan immoo araaramaafi mindaa guddaatu isaaniif jira

﴿أَفَمَنْ زُيِّنَ لَهُ سُوءُ عَمَلِهِ فَرَآهُ حَسَنًا ۖ فَإِنَّ اللَّهَ يُضِلُّ مَنْ يَشَاءُ وَيَهْدِي مَنْ يَشَاءُ ۖ فَلَا تَذْهَبْ نَفْسُكَ عَلَيْهِمْ حَسَرَاتٍ ۚ إِنَّ اللَّهَ عَلِيمٌ بِمَا يَصْنَعُونَ﴾

Sila namni fokkataan hojii isaa isaaf bareechifame, kan gaarii taasisee ishee ilaalu (isa karaa qajeelaa irra jiruu wajjin wal qixa ta’aa)? Dhugumatti, Allaahn nama fedhe ni jallisa; nama fedhe immoo ni qajeelchaKanaafuu isaan irratti lubbuun kee sheenaadhaan akka hin baaneDhugumatti, Allaahn waan isaan hojjatan beekaadha.

﴿وَاللَّهُ الَّذِي أَرْسَلَ الرِّيَاحَ فَتُثِيرُ سَحَابًا فَسُقْنَاهُ إِلَىٰ بَلَدٍ مَيِّتٍ فَأَحْيَيْنَا بِهِ الْأَرْضَ بَعْدَ مَوْتِهَا ۚ كَذَٰلِكَ النُّشُورُ﴾

Allaahnis Isa qilleensa ergee, isheenis duumessa ol kaaftee gara lafa duuteetti isa oofnee dachii erga isheen duutee booda ittiin jiraachifneKaafamni Qiyaamaas akkuma kana.

﴿مَنْ كَانَ يُرِيدُ الْعِزَّةَ فَلِلَّهِ الْعِزَّةُ جَمِيعًا ۚ إِلَيْهِ يَصْعَدُ الْكَلِمُ الطَّيِّبُ وَالْعَمَلُ الصَّالِحُ يَرْفَعُهُ ۚ وَالَّذِينَ يَمْكُرُونَ السَّيِّئَاتِ لَهُمْ عَذَابٌ شَدِيدٌ ۖ وَمَكْرُ أُولَٰئِكَ هُوَ يَبُورُ﴾

Namni jabeenya fedhe (Rabbiin bira haa barbaadu)Jabeenyi hunduu kan RabbiitiHaasofni gaariin gara isaa ol bahaDalagaa gaariitu isa ol fuudhaIsaan hojii gadheef tooftaa baasan adabbii cimaatu isaaniif jiraTooftaan isaanii inuma bada

﴿وَاللَّهُ خَلَقَكُمْ مِنْ تُرَابٍ ثُمَّ مِنْ نُطْفَةٍ ثُمَّ جَعَلَكُمْ أَزْوَاجًا ۚ وَمَا تَحْمِلُ مِنْ أُنْثَىٰ وَلَا تَضَعُ إِلَّا بِعِلْمِهِ ۚ وَمَا يُعَمَّرُ مِنْ مُعَمَّرٍ وَلَا يُنْقَصُ مِنْ عُمُرِهِ إِلَّا فِي كِتَابٍ ۚ إِنَّ ذَٰلِكَ عَلَى اللَّهِ يَسِيرٌ﴾

Rabbiin biyyee irraa, ergasii bishaan irraa isin uumee, ergasii cimdii isin taasiseBeekumsa Isaatiin ala dubartiin kamillee hin ulfooftu; hin deessusNamni umrii dheereffame tokkollee, kitaaba keessa jiraatu malee umriin isaa hin dheereffamuUmrii isaa irraa hin hir’ifamus; dhugumatti, sun Allaah irratti laafaadha.

﴿وَمَا يَسْتَوِي الْبَحْرَانِ هَٰذَا عَذْبٌ فُرَاتٌ سَائِغٌ شَرَابُهُ وَهَٰذَا مِلْحٌ أُجَاجٌ ۖ وَمِنْ كُلٍّ تَأْكُلُونَ لَحْمًا طَرِيًّا وَتَسْتَخْرِجُونَ حِلْيَةً تَلْبَسُونَهَا ۖ وَتَرَى الْفُلْكَ فِيهِ مَوَاخِرَ لِتَبْتَغُوا مِنْ فَضْلِهِ وَلَعَلَّكُمْ تَشْكُرُونَ﴾

Galaanni lamaan wal qixa hin ta’anu; inni tokko mi’aawaa, dheebu kutaa, dhugaatiin isaas mijaa’aadha; inni kun immoo ashaboo akkaan kuraawaadhaHunduma irraayyuu foon haarawa ni nyaattu; faaya ishee uffattanus ni baafattuAkka tola isaa irraa barbaaddattanuufi akka isa galatoomfattanuuf dooniiwwan isa (galaana) keessa baqaqsituu taatee (kan deemtu) agarta

﴿يُولِجُ اللَّيْلَ فِي النَّهَارِ وَيُولِجُ النَّهَارَ فِي اللَّيْلِ وَسَخَّرَ الشَّمْسَ وَالْقَمَرَ كُلٌّ يَجْرِي لِأَجَلٍ مُسَمًّى ۚ ذَٰلِكُمُ اللَّهُ رَبُّكُمْ لَهُ الْمُلْكُ ۚ وَالَّذِينَ تَدْعُونَ مِنْ دُونِهِ مَا يَمْلِكُونَ مِنْ قِطْمِيرٍ﴾

Inni halkan guyyaa keessa seensisa; guyyaas halkan keessa seensisaAduufi ji’as ni laaffise; hunduu hanga beellama beekamaa ta’eetti (orbitii isaanii irra) yaa’uInni (kana hojjate) kun Rabbii keessan AllaahdhaIsaan isin Rabbii gaditti kadhattan wanta hanga qola haphii ija timiraallee hin qabanu

﴿إِنْ تَدْعُوهُمْ لَا يَسْمَعُوا دُعَاءَكُمْ وَلَوْ سَمِعُوا مَا اسْتَجَابُوا لَكُمْ ۖ وَيَوْمَ الْقِيَامَةِ يَكْفُرُونَ بِشِرْكِكُمْ ۚ وَلَا يُنَبِّئُكَ مِثْلُ خَبِيرٍ﴾

Yoo isaan kadhattanis, kadhaa keessan hin dhagahan; odoo dhagahaniis isiniif hin owwaatanGuyyaa Qiyaamaas shirkii keessan ni mormu(Yaa Muhammad!) Akka Rabbii keessa beekaatti homtuu siif hin odeessu.

﴿۞ يَا أَيُّهَا النَّاسُ أَنْتُمُ الْفُقَرَاءُ إِلَى اللَّهِ ۖ وَاللَّهُ هُوَ الْغَنِيُّ الْحَمِيدُ﴾

Yaa namootaa! Isinumatu gara Allaahtti haajamoodha; Allaahn Isumatu dureessa, faarfamaadha.

﴿إِنْ يَشَأْ يُذْهِبْكُمْ وَيَأْتِ بِخَلْقٍ جَدِيدٍ﴾

Yoo fedhe isin (dachii irraa) deemsiseeti uumama haaraa fida.

﴿وَمَا ذَٰلِكَ عَلَى اللَّهِ بِعَزِيزٍ﴾

Sunis Allaah irratti ulfaataa miti.

﴿وَلَا تَزِرُ وَازِرَةٌ وِزْرَ أُخْرَىٰ ۚ وَإِنْ تَدْعُ مُثْقَلَةٌ إِلَىٰ حِمْلِهَا لَا يُحْمَلْ مِنْهُ شَيْءٌ وَلَوْ كَانَ ذَا قُرْبَىٰ ۗ إِنَّمَا تُنْذِرُ الَّذِينَ يَخْشَوْنَ رَبَّهُمْ بِالْغَيْبِ وَأَقَامُوا الصَّلَاةَ ۚ وَمَنْ تَزَكَّىٰ فَإِنَّمَا يَتَزَكَّىٰ لِنَفْسِهِ ۚ وَإِلَى اللَّهِ الْمَصِيرُ﴾

(Lubbuun) badii hojjattu (tokkos) badii lubbuu biraa hin baadhattu(Lubbuun) ba’aan (badiin) itti ulfaate tokkos akka ba’aa ishee namni biraa irraa baadhatu yoo gaafattes, odoma fira ishee ta’eellee ishee irraa homaayyuu hin baadhatamuKan ati akeekkachiiftu isaan Rabbii isaanii fagootti sodaatanii, Salaatas gadi dhaabaniidhaNamni (badii irraa) of qulqulleesse, kan inni of qulqulleessu matuma isaatiifiDeebi’iinsi garuma Rabbiiti.

﴿وَمَا يَسْتَوِي الْأَعْمَىٰ وَالْبَصِيرُ﴾

Jaamaafi namni Ija qabus wal hin qixxaatu.

﴿وَلَا الظُّلُمَاتُ وَلَا النُّورُ﴾

Dukkanniifi iftis (akkasuma).

﴿وَلَا الظِّلُّ وَلَا الْحَرُورُ﴾

Gaaddisniifi ho’i cimaanis

﴿وَمَا يَسْتَوِي الْأَحْيَاءُ وَلَا الْأَمْوَاتُ ۚ إِنَّ اللَّهَ يُسْمِعُ مَنْ يَشَاءُ ۖ وَمَا أَنْتَ بِمُسْمِعٍ مَنْ فِي الْقُبُورِ﴾

Namoonni lubbuun jiraniifi isaan du’anis wal qixaa mitiDhugumatti, Allaahn nama fedhe ni dhageessisaAti garuu nama awwaala keessa jiru dhageessisaa miti.

﴿إِنْ أَنْتَ إِلَّا نَذِيرٌ﴾

Ati akeekkachiisaa malee waan biraa hin taane.

﴿إِنَّا أَرْسَلْنَاكَ بِالْحَقِّ بَشِيرًا وَنَذِيرًا ۚ وَإِنْ مِنْ أُمَّةٍ إِلَّا خَلَا فِيهَا نَذِيرٌ﴾

Nuti gammachiisaafi akeekkachiisaa taasifnee dhugaadhaan si erginee jirraUmmanni tokkollee kan akeekkachiisaan isaan keessatti hin ergamin hin jiru.

﴿وَإِنْ يُكَذِّبُوكَ فَقَدْ كَذَّبَ الَّذِينَ مِنْ قَبْلِهِمْ جَاءَتْهُمْ رُسُلُهُمْ بِالْبَيِّنَاتِ وَبِالزُّبُرِ وَبِالْكِتَابِ الْمُنِيرِ﴾

Yoo si sobsiisanis, warri isaaniin duraas dhugumatti (ergamoota) sobsiisanii jiruErgamtoonni isaanii ragaalee ifa ta’aniin, kitaabota wanta hunda of keessatti hammataniifi kitaaba ibsaa ta’een, isaanitti dhufanii turan.

﴿ثُمَّ أَخَذْتُ الَّذِينَ كَفَرُوا ۖ فَكَيْفَ كَانَ نَكِيرِ﴾

Ergasiis isaan kafaran qabeen jiraadabbiin kiyyaas akkam ta’e!

﴿أَلَمْ تَرَ أَنَّ اللَّهَ أَنْزَلَ مِنَ السَّمَاءِ مَاءً فَأَخْرَجْنَا بِهِ ثَمَرَاتٍ مُخْتَلِفًا أَلْوَانُهَا ۚ وَمِنَ الْجِبَالِ جُدَدٌ بِيضٌ وَحُمْرٌ مُخْتَلِفٌ أَلْوَانُهَا وَغَرَابِيبُ سُودٌ﴾

Rabbiin bishaan samii irraa buusee, ittiin fuduraalee bifti isaa adda adda ta’e akka biqilchine hin arginee? Gaarreen irraas karaalee adaadiifi diddiimaa, bifti isaanii gara gara ta’eefi akkaan gurraacha ta’anis (akka uumne hin arginee?)

﴿وَمِنَ النَّاسِ وَالدَّوَابِّ وَالْأَنْعَامِ مُخْتَلِفٌ أَلْوَانُهُ كَذَٰلِكَ ۗ إِنَّمَا يَخْشَى اللَّهَ مِنْ عِبَادِهِ الْعُلَمَاءُ ۗ إِنَّ اللَّهَ عَزِيزٌ غَفُورٌ﴾

Namoota, lubbu qabeeyyiifi beyladoota irraahis warra bifti isaanii akkasuma gara gara ta’es ni uumneGabroota Isaa irraas kan Allaah sodaatan beektota qofaDhugumatti, Rabbiin injifataa, araaramaadha

﴿إِنَّ الَّذِينَ يَتْلُونَ كِتَابَ اللَّهِ وَأَقَامُوا الصَّلَاةَ وَأَنْفَقُوا مِمَّا رَزَقْنَاهُمْ سِرًّا وَعَلَانِيَةً يَرْجُونَ تِجَارَةً لَنْ تَبُورَ﴾

Dhugumatti, isaan kitaaba (Qur’aana) Rabbii dubbisanii, salaatas sirnaan dhaabaniifi kan waan Nuti isaaniif kennine irraa dhoksaafi ifattis kennan, daldala kasaaraa hin qabne kajeelu.

﴿لِيُوَفِّيَهُمْ أُجُورَهُمْ وَيَزِيدَهُمْ مِنْ فَضْلِهِ ۚ إِنَّهُ غَفُورٌ شَكُورٌ﴾

Akka Inni (Rabbiin) mindaa isaanii guutee isaaniif kennuufi tola isaa irraas isaanii dabaluuf (kajeelu)Dhugumatti, Inni araaramaa, galateeffataadha.

﴿وَالَّذِي أَوْحَيْنَا إِلَيْكَ مِنَ الْكِتَابِ هُوَ الْحَقُّ مُصَدِّقًا لِمَا بَيْنَ يَدَيْهِ ۗ إِنَّ اللَّهَ بِعِبَادِهِ لَخَبِيرٌ بَصِيرٌ﴾

Kitaaba (Qur’aana) irraa waan isa duraa kan dhugoomsu ta’ee kan Nuti gara keetti buufne isatu dhugaadhaDhugumatti Rabbiin gabroota isaa akkaan beekaa argaadha.

﴿ثُمَّ أَوْرَثْنَا الْكِتَابَ الَّذِينَ اصْطَفَيْنَا مِنْ عِبَادِنَا ۖ فَمِنْهُمْ ظَالِمٌ لِنَفْسِهِ وَمِنْهُمْ مُقْتَصِدٌ وَمِنْهُمْ سَابِقٌ بِالْخَيْرَاتِ بِإِذْنِ اللَّهِ ۚ ذَٰلِكَ هُوَ الْفَضْلُ الْكَبِيرُ﴾

Ergasii kitaabicha (Qur’aana kana) isaan gabroota keenya keessaa filanne dhaalchifnee jirraIsaan irraas nama lubbuu ofii miidhutu jira; isaan irraas nama karaa giddu galeessaa filatutu jiraIsaan irraas warra hayyama Rabbiitiin hojiiwwan gaggaarii irratti dursantu jiraSun isumatu tola guddaadha.

﴿جَنَّاتُ عَدْنٍ يَدْخُلُونَهَا يُحَلَّوْنَ فِيهَا مِنْ أَسَاوِرَ مِنْ ذَهَبٍ وَلُؤْلُؤًا ۖ وَلِبَاسُهُمْ فِيهَا حَرِيرٌ﴾

Jannata qubannaa kan ishee seenan, ishee keessattis gumeewwan warqee irraa ta’aniifi faaya uffifamantu (isaaniif jira)Uffanni isaaniis ishee keessatti hariira

﴿وَقَالُوا الْحَمْدُ لِلَّهِ الَّذِي أَذْهَبَ عَنَّا الْحَزَنَ ۖ إِنَّ رَبَّنَا لَغَفُورٌ شَكُورٌ﴾

Ni jedhus: “faaruun kan Rabbii gadda nurraa deemsiseetiDhugumatti, Gooftaan keenya araaramaa, galateeffataadha.

﴿الَّذِي أَحَلَّنَا دَارَ الْمُقَامَةِ مِنْ فَضْلِهِ لَا يَمَسُّنَا فِيهَا نَصَبٌ وَلَا يَمَسُّنَا فِيهَا لُغُوبٌ﴾

(Inni) Isa tola Isa irraa ta’een mana jireenyaa kan gonkumaa keessaa hin baane, kan ishee keessatti rakkoon nu hin tuqneefi kan ishee keessattis dadhabbiin nu hin tuqne keessa nu qubachiiseedha.

﴿وَالَّذِينَ كَفَرُوا لَهُمْ نَارُ جَهَنَّمَ لَا يُقْضَىٰ عَلَيْهِمْ فَيَمُوتُوا وَلَا يُخَفَّفُ عَنْهُمْ مِنْ عَذَابِهَا ۚ كَذَٰلِكَ نَجْزِي كُلَّ كَفُورٍ﴾

Isaan kafaran ibidda jahannamtu isaaniif jiraIsaanitti murteeffamtees hin du’anuadabbii ishee irraas homtuu isaan irraa hin salphifamuAkkaan kafaraa hunda akka kanatti mindeessina.

﴿وَهُمْ يَصْطَرِخُونَ فِيهَا رَبَّنَا أَخْرِجْنَا نَعْمَلْ صَالِحًا غَيْرَ الَّذِي كُنَّا نَعْمَلُ ۚ أَوَلَمْ نُعَمِّرْكُمْ مَا يَتَذَكَّرُ فِيهِ مَنْ تَذَكَّرَ وَجَاءَكُمُ النَّذِيرُ ۖ فَذُوقُوا فَمَا لِلظَّالِمِينَ مِنْ نَصِيرٍ﴾

Isaanis ishee keessatti “(Yaa) Gooftaa keenya! Isa duraan hojjachaa turreen ala toltuu hojjennaa nu baasi” jechuun ishee keessaa waywaatu“Sila umrii dheeraa namni gorfamuu fedhe isa keessatti gorfamuu danda’u isin hin jiraachifnee? akeekkachiisaanis isinitti hin dhufnee? (Adaba kiyya) dhandhamaa; miidhaa hojjattootaaf tumsaan hin jiru.”

﴿إِنَّ اللَّهَ عَالِمُ غَيْبِ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۚ إِنَّهُ عَلِيمٌ بِذَاتِ الصُّدُورِ﴾

Dhugumatti, Rabbiin beekaa fagoo samiifi dachiitiInni beekaa wantoota qoma keessa jiraniiti.

﴿هُوَ الَّذِي جَعَلَكُمْ خَلَائِفَ فِي الْأَرْضِ ۚ فَمَنْ كَفَرَ فَعَلَيْهِ كُفْرُهُ ۖ وَلَا يَزِيدُ الْكَافِرِينَ كُفْرُهُمْ عِنْدَ رَبِّهِمْ إِلَّا مَقْتًا ۖ وَلَا يَزِيدُ الْكَافِرِينَ كُفْرُهُمْ إِلَّا خَسَارًا﴾

Inni Isa dachii keessatti bakka bu’oota isin godheNamni kafare kufriin isaa isuma irrattiKaafiroota kufriin isaanii Rabbii isaanii biratti jibbaa malee homaa isaaniif hin dabaluKaafiroota kufriin isaanii hoongoo malee homaa isaaniif hin dabalu.

﴿قُلْ أَرَأَيْتُمْ شُرَكَاءَكُمُ الَّذِينَ تَدْعُونَ مِنْ دُونِ اللَّهِ أَرُونِي مَاذَا خَلَقُوا مِنَ الْأَرْضِ أَمْ لَهُمْ شِرْكٌ فِي السَّمَاوَاتِ أَمْ آتَيْنَاهُمْ كِتَابًا فَهُمْ عَلَىٰ بَيِّنَتٍ مِنْهُ ۚ بَلْ إِنْ يَعِدُ الظَّالِمُونَ بَعْضُهُمْ بَعْضًا إِلَّا غُرُورًا﴾

“Sila hiriyoota (shariikoota) keessan kan Rabbiin ala gabbartan mee naaf himaa? Dachii irraa waan isaan uuman mee na argisiisaaSila samii (uumuu) keessatti hirmaannaan isaaniif ni jiraa? Moo kitaaba isaan ragaa qabatamaa isa irraa ta’e irratti jiran isaaniif kenninee? Lakkisaa; miidhaa hojjattoonni gariin isaanii gariif wal gowwoomsuu malee homaa waadaa waliif hin galanu.

﴿۞ إِنَّ اللَّهَ يُمْسِكُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ أَنْ تَزُولَا ۚ وَلَئِنْ زَالَتَا إِنْ أَمْسَكَهُمَا مِنْ أَحَدٍ مِنْ بَعْدِهِ ۚ إِنَّهُ كَانَ حَلِيمًا غَفُورًا﴾

Dhugumatti, Rabbiin samiifi dachiin akka hin deemne qabaOdoo bakkaa deemaniis Isa malee wanti tokkoyyuu isaan lamaan hin qabuInni obsaa, araaramaa ta’eera

﴿وَأَقْسَمُوا بِاللَّهِ جَهْدَ أَيْمَانِهِمْ لَئِنْ جَاءَهُمْ نَذِيرٌ لَيَكُونُنَّ أَهْدَىٰ مِنْ إِحْدَى الْأُمَمِ ۖ فَلَمَّا جَاءَهُمْ نَذِيرٌ مَا زَادَهُمْ إِلَّا نُفُورًا﴾

Yoo akeekkachiisaan isaanitti dhufe ummatoota kamillee caalaa qajeelaa taana jechuun kakuu isaanii cimaa Rabbitti kakatanYeroma akeekkachiisan isaanitti dhufu (dhugaa irraa) dheefa malee homaa isaaniif hin daballe

﴿اسْتِكْبَارًا فِي الْأَرْضِ وَمَكْرَ السَّيِّئِ ۚ وَلَا يَحِيقُ الْمَكْرُ السَّيِّئُ إِلَّا بِأَهْلِهِ ۚ فَهَلْ يَنْظُرُونَ إِلَّا سُنَّتَ الْأَوَّلِينَ ۚ فَلَنْ تَجِدَ لِسُنَّتِ اللَّهِ تَبْدِيلًا ۖ وَلَنْ تَجِدَ لِسُنَّتِ اللَّهِ تَحْوِيلًا﴾

Dachee keessatti boonaafi tooftaa dharaa (malee isaaniif hin daballe)Tooftaan hamaan abbaa isaatti malee hin marsuSila karaa warra durii malee maal eegan? Karaa Rabbiitiif jijjiirama hin argitu; karaa Rabbiitiif (nama biraatti) naannessuu hin argitu

﴿أَوَلَمْ يَسِيرُوا فِي الْأَرْضِ فَيَنْظُرُوا كَيْفَ كَانَ عَاقِبَةُ الَّذِينَ مِنْ قَبْلِهِمْ وَكَانُوا أَشَدَّ مِنْهُمْ قُوَّةً ۚ وَمَا كَانَ اللَّهُ لِيُعْجِزَهُ مِنْ شَيْءٍ فِي السَّمَاوَاتِ وَلَا فِي الْأَرْضِ ۚ إِنَّهُ كَانَ عَلِيمًا قَدِيرًا﴾

Sila isaan dachii keessa deemanii booddeen warra isaaniin duraa oduma humnaanis isaan irra cimoo ta’anii akkam akka ture hin ilaalanuu? Rabbiin samii keessattiifi dachii keessattis wanti isa dadhabsiisu hin jiruInni beekaa, danda’aa ta’eera

﴿وَلَوْ يُؤَاخِذُ اللَّهُ النَّاسَ بِمَا كَسَبُوا مَا تَرَكَ عَلَىٰ ظَهْرِهَا مِنْ دَابَّةٍ وَلَٰكِنْ يُؤَخِّرُهُمْ إِلَىٰ أَجَلٍ مُسَمًّى ۖ فَإِذَا جَاءَ أَجَلُهُمْ فَإِنَّ اللَّهَ كَانَ بِعِبَادِهِ بَصِيرًا﴾

Rabbiin odoo namoota waan isaan hojjataniif qabee dugda ishee (dachii) irratti lubbu qabeeyyii tokkoyyuu hin dhiisu tureGaruu hanga yeroo beekamaatti isaan tursiisaYeroon isaanii hoggaa dhufe (mindeessa)Rabbiin gabroota isaa argaa ta’eera

الترجمات والتفاسير لهذه السورة: