الجاثية

تفسير سورة الجاثية

الترجمة الأورومية

Oromoo

الترجمة الأورومية

ترجمة معاني القرآن الكريم للغة الاورومية ترجمها غالي ابابور اباغونا، عام الطبعة 2009م

﴿بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ حم﴾

Haa Miim.

﴿تَنْزِيلُ الْكِتَابِ مِنَ اللَّهِ الْعَزِيزِ الْحَكِيمِ﴾

Bu’iinsi Qur’aanaa Rabbii Injifataa, ogeessa ta’e irraayi

﴿إِنَّ فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ لَآيَاتٍ لِلْمُؤْمِنِينَ﴾

Dhugumatti, samiifi dachii keessa mu’uminootaaf mallattooleetu jira.

﴿وَفِي خَلْقِكُمْ وَمَا يَبُثُّ مِنْ دَابَّةٍ آيَاتٌ لِقَوْمٍ يُوقِنُونَ﴾

Uumama keessaniifi lubbu qabeeyyii irraa waan Inni (Rabbiin dachii keessa) facaasu keessas namoota dhugaan amananiif raajiiwwantu jiru.

﴿وَاخْتِلَافِ اللَّيْلِ وَالنَّهَارِ وَمَا أَنْزَلَ اللَّهُ مِنَ السَّمَاءِ مِنْ رِزْقٍ فَأَحْيَا بِهِ الْأَرْضَ بَعْدَ مَوْتِهَا وَتَصْرِيفِ الرِّيَاحِ آيَاتٌ لِقَوْمٍ يَعْقِلُونَ﴾

Wal dhabuu halkanii, guyyaatiifi rooba irraa waan Rabbiin duumeessa irraa buusee, dachii eega goggogina isheetii ittiin magarseefi qilleensa gara gaggalchuu keessa warra xinxalaniif mallattooleen taatuudha.

﴿تِلْكَ آيَاتُ اللَّهِ نَتْلُوهَا عَلَيْكَ بِالْحَقِّ ۖ فَبِأَيِّ حَدِيثٍ بَعْدَ اللَّهِ وَآيَاتِهِ يُؤْمِنُونَ﴾

(Yaa Muhammad!) Kunniin keeyyattoota Rabbiitii, dhugaan sirratti dubbifnaSila erga Rabbiifi keeyyattoota Isaatii oduu akkamii amanu?

﴿وَيْلٌ لِكُلِّ أَفَّاكٍ أَثِيمٍ﴾

Cufa nama akkaan kijibaa, dilaawaa ta’eetiif laga ibiddaatu jira.

﴿يَسْمَعُ آيَاتِ اللَّهِ تُتْلَىٰ عَلَيْهِ ثُمَّ يُصِرُّ مُسْتَكْبِرًا كَأَنْ لَمْ يَسْمَعْهَا ۖ فَبَشِّرْهُ بِعَذَابٍ أَلِيمٍ﴾

Keeyyattoota Rabbii kan isa irratti dubbifaman dhaga’aa; ergasii akka waan ishee hin dhaga’iniitti boona isaa itti fufaadabbii laalessaan isa gammachiisi.

﴿وَإِذَا عَلِمَ مِنْ آيَاتِنَا شَيْئًا اتَّخَذَهَا هُزُوًا ۚ أُولَٰئِكَ لَهُمْ عَذَابٌ مُهِينٌ﴾

Yeroo keeyyattoota keenya irraa waa beeke qishina (qoosaa) ishee godhataWarra san adabbii xiqqeessaa ta’etu isaaniif jira.

﴿مِنْ وَرَائِهِمْ جَهَنَّمُ ۖ وَلَا يُغْنِي عَنْهُمْ مَا كَسَبُوا شَيْئًا وَلَا مَا اتَّخَذُوا مِنْ دُونِ اللَّهِ أَوْلِيَاءَ ۖ وَلَهُمْ عَذَابٌ عَظِيمٌ﴾

Fuuldura isaanii jahannamtu jiraWanti isaan horatanis ta’ee wanti isaan Rabbiin ala jaalallee godhatanis homaa isaan irraa hin deebisanuIsaaniif adabbii guddaatu jira.

﴿هَٰذَا هُدًى ۖ وَالَّذِينَ كَفَرُوا بِآيَاتِ رَبِّهِمْ لَهُمْ عَذَابٌ مِنْ رِجْزٍ أَلِيمٌ﴾

(Qur’aanni) kun qajeelfamaIsaan keeyyattoota Gooftaa isaaniitti kafaran, qooda adabbii laalessaa irraa ta’etu isaaniif jira.

﴿۞ اللَّهُ الَّذِي سَخَّرَ لَكُمُ الْبَحْرَ لِتَجْرِيَ الْفُلْكُ فِيهِ بِأَمْرِهِ وَلِتَبْتَغُوا مِنْ فَضْلِهِ وَلَعَلَّكُمْ تَشْكُرُونَ﴾

Rabbiin Isa galaana, akka dooniwwan ajaja Isaatiin isa keessa deeman, akka tola Isaa irraa kajeeltaniifi akka Isa galateeffattaniif jecha isiniif laaffise sani,

﴿وَسَخَّرَ لَكُمْ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ جَمِيعًا مِنْهُ ۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَاتٍ لِقَوْمٍ يَتَفَكَّرُونَ﴾

Waan samii keessa jiruufi waan dachii keessa jiru hunda (laaffisuu) Isa irraa ta’e isiniif laaffiseDhugumatti, kana keessa ummattoota xiinxalaniif mallattooleetu jira.

﴿قُلْ لِلَّذِينَ آمَنُوا يَغْفِرُوا لِلَّذِينَ لَا يَرْجُونَ أَيَّامَ اللَّهِ لِيَجْزِيَ قَوْمًا بِمَا كَانُوا يَكْسِبُونَ﴾

(Yaa Muhammad!) Warra amananiin, “warra guyyoota Rabbii hin sodaanneef dhiifama godhaa” jedhiAkka Inni namootaaf waan isaan dalaganiin mindaa kennuuf (dhiifama godhaa).

﴿مَنْ عَمِلَ صَالِحًا فَلِنَفْسِهِ ۖ وَمَنْ أَسَاءَ فَعَلَيْهَا ۖ ثُمَّ إِلَىٰ رَبِّكُمْ تُرْجَعُونَ﴾

Namni toltuu hojjate lubbuma isaatiifiNamni badii dalages isheedhuma irrattiErgasii gara Gooftaa keessanii deebifamtu

﴿وَلَقَدْ آتَيْنَا بَنِي إِسْرَائِيلَ الْكِتَابَ وَالْحُكْمَ وَالنُّبُوَّةَ وَرَزَقْنَاهُمْ مِنَ الطَّيِّبَاتِ وَفَضَّلْنَاهُمْ عَلَى الْعَالَمِينَ﴾

Dhugumatti, ilmaan Israa’iliif kitaaba, hubannoo seera isaatiifi nabiyyummaas kennineerraWantoota gaggaarii irraas isaaniif kenninee, aalama (yeroo isaanii) hunda irras isaan caalchifne.

﴿وَآتَيْنَاهُمْ بَيِّنَاتٍ مِنَ الْأَمْرِ ۖ فَمَا اخْتَلَفُوا إِلَّا مِنْ بَعْدِ مَا جَاءَهُمُ الْعِلْمُ بَغْيًا بَيْنَهُمْ ۚ إِنَّ رَبَّكَ يَقْضِي بَيْنَهُمْ يَوْمَ الْقِيَامَةِ فِيمَا كَانُوا فِيهِ يَخْتَلِفُونَ﴾

Shari’aa irraas waan ifa ta’e isaaniif kannineErga beekumsi isaanitti dhufee booda, jibbansa gidduu isaanii jiruuf malee (waan birootiif) wal hin dhabneDhugumatti, Gooftaan kee waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan keessatti Guyyaa Qiyaamaa gidduu isaanitti murteessa.

﴿ثُمَّ جَعَلْنَاكَ عَلَىٰ شَرِيعَةٍ مِنَ الْأَمْرِ فَاتَّبِعْهَا وَلَا تَتَّبِعْ أَهْوَاءَ الَّذِينَ لَا يَعْلَمُونَ﴾

Ergasii karaa ajaja (keenya) irraa ta’e irra si keenyee, ishee hordofiFedha lubbuu warra homaa hin beeknee hin hordofin.

﴿إِنَّهُمْ لَنْ يُغْنُوا عَنْكَ مِنَ اللَّهِ شَيْئًا ۚ وَإِنَّ الظَّالِمِينَ بَعْضُهُمْ أَوْلِيَاءُ بَعْضٍ ۖ وَاللَّهُ وَلِيُّ الْمُتَّقِينَ﴾

Isaan homaa (adabbii) Rabbii irraa si hin duroomsanMiidhaa hojjattoonni gariin isaanii jaalallee gariitiRabbiin immoo jaalallee warra Isa sodaataniiti.

﴿هَٰذَا بَصَائِرُ لِلنَّاسِ وَهُدًى وَرَحْمَةٌ لِقَوْمٍ يُوقِنُونَ﴾

(Qur’aanni) kun namootaaf beekumsa ifa ba’aadhaWarra dhugoomsaniif qajeelfamaafi rahmata.

﴿أَمْ حَسِبَ الَّذِينَ اجْتَرَحُوا السَّيِّئَاتِ أَنْ نَجْعَلَهُمْ كَالَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ سَوَاءً مَحْيَاهُمْ وَمَمَاتُهُمْ ۚ سَاءَ مَا يَحْكُمُونَ﴾

Sila warri hamtuu hojjatan, jiraa isaaniitiifi du’aa isaaniitis akka warra amananii toltuu hojjatanii gochuu keenya yaadanii? Wanti isaan murteessan waa fokkate!

﴿وَخَلَقَ اللَّهُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ بِالْحَقِّ وَلِتُجْزَىٰ كُلُّ نَفْسٍ بِمَا كَسَبَتْ وَهُمْ لَا يُظْلَمُونَ﴾

Odoo hin miidhamne akka lubbuun hundi mindeeffamtuuf, Rabbiin samiifi dachii haqaan uume.

﴿أَفَرَأَيْتَ مَنِ اتَّخَذَ إِلَٰهَهُ هَوَاهُ وَأَضَلَّهُ اللَّهُ عَلَىٰ عِلْمٍ وَخَتَمَ عَلَىٰ سَمْعِهِ وَقَلْبِهِ وَجَعَلَ عَلَىٰ بَصَرِهِ غِشَاوَةً فَمَنْ يَهْدِيهِ مِنْ بَعْدِ اللَّهِ ۚ أَفَلَا تَذَكَّرُونَ﴾

Sila nama gabbaramaa isaa fedhii isaa godhate, kan Rabbiin beekumsaan isa jallisee, dhageettii isaatiifi onnee isaa irratti cufee, ija isaa irrattis haguuggaa godhe mee naaf himi? Erga Rabbiin (jallisee) booda eenyutu isa qajeelcha? Sila hin gorfamtanuu?

﴿وَقَالُوا مَا هِيَ إِلَّا حَيَاتُنَا الدُّنْيَا نَمُوتُ وَنَحْيَا وَمَا يُهْلِكُنَا إِلَّا الدَّهْرُ ۚ وَمَا لَهُمْ بِذَٰلِكَ مِنْ عِلْمٍ ۖ إِنْ هُمْ إِلَّا يَظُنُّونَ﴾

“Jireenya keenya kan addunyaa malee isheen (jiruun biraa) hin jirtu; ni duuna; (gariin keenyas) ni jiraanna; yeroo malee wanti nu balleessu hin jiru” jedhanWaan kanatti beekumsa homaatuu hin qabanuIsaan se’oo malee hin taane.

﴿وَإِذَا تُتْلَىٰ عَلَيْهِمْ آيَاتُنَا بَيِّنَاتٍ مَا كَانَ حُجَّتَهُمْ إِلَّا أَنْ قَالُوا ائْتُوا بِآبَائِنَا إِنْ كُنْتُمْ صَادِقِينَ﴾

Yeroo keeyyattoonni keenya ifa ba’anii isaan irratti dubbifamanis, ragaan isaanii “yoo kan dhugaa dubbattan taataniif abbootii keenya fidaa” jechuu malee hin taane.

﴿قُلِ اللَّهُ يُحْيِيكُمْ ثُمَّ يُمِيتُكُمْ ثُمَّ يَجْمَعُكُمْ إِلَىٰ يَوْمِ الْقِيَامَةِ لَا رَيْبَ فِيهِ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ﴾

(Yaa Muhammad!) Jedhi: “Rabbumatu isin jiraachisee, ergasii isin ajjeesa; ergasii Guyyaa Qiyaamaa keessatti walitti isin qabaIsa keessa mamiin hin jiruGaruu irra hedduun namaa hin beekanu.”

﴿وَلِلَّهِ مُلْكُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۚ وَيَوْمَ تَقُومُ السَّاعَةُ يَوْمَئِذٍ يَخْسَرُ الْمُبْطِلُونَ﴾

Mootummaan samiifi dachii kan RabbiitiGuyyaa Qiyaaman dhaabbattus, guyyaa san warri dharaa ni hoonga’u

﴿وَتَرَىٰ كُلَّ أُمَّةٍ جَاثِيَةً ۚ كُلُّ أُمَّةٍ تُدْعَىٰ إِلَىٰ كِتَابِهَا الْيَوْمَ تُجْزَوْنَ مَا كُنْتُمْ تَعْمَلُونَ﴾

(Guyyaa san) ummata hunda jilbiiffatanii argitaUmmanni hunduu gara kitaaba isheetti waamamti“Har’a waan dalagaa turtan mindeeffamtu” (isaaniin jedhama)

﴿هَٰذَا كِتَابُنَا يَنْطِقُ عَلَيْكُمْ بِالْحَقِّ ۚ إِنَّا كُنَّا نَسْتَنْسِخُ مَا كُنْتُمْ تَعْمَلُونَ﴾

Kun kitaaba keenya kan isin irratti dhugaan dubbatuudhaDhugumatti, Nuti waan isin dalagaa turtan galmeessuu turre.

﴿فَأَمَّا الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ فَيُدْخِلُهُمْ رَبُّهُمْ فِي رَحْمَتِهِ ۚ ذَٰلِكَ هُوَ الْفَوْزُ الْمُبِينُ﴾

Isaan amananii, toltuu dalagan immoo Gooftaan isaanii rahmata Isaa keessa isaan seensisaKun isumatu milkii ifa galaadha.

﴿وَأَمَّا الَّذِينَ كَفَرُوا أَفَلَمْ تَكُنْ آيَاتِي تُتْلَىٰ عَلَيْكُمْ فَاسْتَكْبَرْتُمْ وَكُنْتُمْ قَوْمًا مُجْرِمِينَ﴾

Isaan kafaran immoo “sila keeyyatoonni Kiyya isin irratti dubbifamaa turtee, boontanii, ummata badoo hin turree?” (jedhamaan).

﴿وَإِذَا قِيلَ إِنَّ وَعْدَ اللَّهِ حَقٌّ وَالسَّاعَةُ لَا رَيْبَ فِيهَا قُلْتُمْ مَا نَدْرِي مَا السَّاعَةُ إِنْ نَظُنُّ إِلَّا ظَنًّا وَمَا نَحْنُ بِمُسْتَيْقِنِينَ﴾

Yeroo “waadaan Rabbii dhugaadha; Qiyaamaan akka dhuftu mamiin ishee keessa hin jiru” jedhame, “Qiyaamaan maal akka taate hin beeknu; mamii malee yaada (ishee) hin qabnuNuti dhugoomsoo hin taane” jettan.

﴿وَبَدَا لَهُمْ سَيِّئَاتُ مَا عَمِلُوا وَحَاقَ بِهِمْ مَا كَانُوا بِهِ يَسْتَهْزِئُونَ﴾

Hamtuun waan dalaganii ifa isaaniif ba’a; wanti isaan itti qishnaa (qoosaa) turanis isaan marsa.

﴿وَقِيلَ الْيَوْمَ نَنْسَاكُمْ كَمَا نَسِيتُمْ لِقَاءَ يَوْمِكُمْ هَٰذَا وَمَأْوَاكُمُ النَّارُ وَمَا لَكُمْ مِنْ نَاصِرِينَ﴾

Ni jedhamaani: “Har’a akkuma isin qunnamtii guyyaa keessan kanaa dagattan (Nutis) isin daganna (isin dhiifna); teessoon keessanis ibidda; tumsitoonnis isiniif hin jiranu.”

﴿ذَٰلِكُمْ بِأَنَّكُمُ اتَّخَذْتُمْ آيَاتِ اللَّهِ هُزُوًا وَغَرَّتْكُمُ الْحَيَاةُ الدُّنْيَا ۚ فَالْيَوْمَ لَا يُخْرَجُونَ مِنْهَا وَلَا هُمْ يُسْتَعْتَبُونَ﴾

Kun waan isin keeyyattoota Rabbii qishnaa (qoosaa) taasiiftaniifi waan jiruun addunyaa isin gowwoomsiteefiHar’a ishee (ibidda) irraa hin baafamanu; isaan ceephoos hin buufachiifamanu.

﴿فَلِلَّهِ الْحَمْدُ رَبِّ السَّمَاوَاتِ وَرَبِّ الْأَرْضِ رَبِّ الْعَالَمِينَ﴾

Faaruun kan Rabbii Gooftaa samiifi Gooftaa dachii, Gooftaa aalama hundaati.

﴿وَلَهُ الْكِبْرِيَاءُ فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۖ وَهُوَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ﴾

Samiifi dachii keessatti boonni IsumaafiInnis injifataa, ogeessa.

الترجمات والتفاسير لهذه السورة: