الأنفال

تفسير سورة الأنفال

الترجمة الأورومية

Oromoo

الترجمة الأورومية

ترجمة معاني القرآن الكريم للغة الاورومية ترجمها غالي ابابور اباغونا، عام الطبعة 2009م

﴿بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ يَسْأَلُونَكَ عَنِ الْأَنْفَالِ ۖ قُلِ الْأَنْفَالُ لِلَّهِ وَالرَّسُولِ ۖ فَاتَّقُوا اللَّهَ وَأَصْلِحُوا ذَاتَ بَيْنِكُمْ ۖ وَأَطِيعُوا اللَّهَ وَرَسُولَهُ إِنْ كُنْتُمْ مُؤْمِنِينَ﴾

Boojii irraa si gaafatu“Boojiin kan Rabbiifi ergamaa IsaatiKanaafuu Rabbiin sodaadhaaHariiroo gidduu keessan jirus tolchaaYoo mu’uminoota taatan Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajamaa” jedhi

﴿إِنَّمَا الْمُؤْمِنُونَ الَّذِينَ إِذَا ذُكِرَ اللَّهُ وَجِلَتْ قُلُوبُهُمْ وَإِذَا تُلِيَتْ عَلَيْهِمْ آيَاتُهُ زَادَتْهُمْ إِيمَانًا وَعَلَىٰ رَبِّهِمْ يَتَوَكَّلُونَ﴾

Mu’uminoonni (dhugaa) warra yeroo maqaan Rabbii dubbatamu onneen isaanii rifattu, kan yeroo keeyyatoonni Isaa isaan irratti dubbifamtu Iimaana isaaniif dabaltuufi Gooftaa isaanii irratti irkataniidha.

﴿الَّذِينَ يُقِيمُونَ الصَّلَاةَ وَمِمَّا رَزَقْنَاهُمْ يُنْفِقُونَ﴾

Isaannan salaata seera ishee guutanii dhaabaniifi waan isaaniif kennine irraas kennitaniidha.

﴿أُولَٰئِكَ هُمُ الْمُؤْمِنُونَ حَقًّا ۚ لَهُمْ دَرَجَاتٌ عِنْدَ رَبِّهِمْ وَمَغْفِرَةٌ وَرِزْقٌ كَرِيمٌ﴾

Isaannan kun isaan qofatu dhugumatti mu’uminootaGooftaa isaanii biratti sadarkaa hedduu, araaramaafi soorata gaarii ta’etu (jannatatu) isaaniif jiraaf

﴿كَمَا أَخْرَجَكَ رَبُّكَ مِنْ بَيْتِكَ بِالْحَقِّ وَإِنَّ فَرِيقًا مِنَ الْمُؤْمِنِينَ لَكَارِهُونَ﴾

)Qoodiinsa boojii kana gariin namaa jibbuun) akkuma gariin mu’uminootaa kan jibban ta’anii dhugaa irratti taatee Rabbiin kee mana kee irraa si baaseeti.

﴿يُجَادِلُونَكَ فِي الْحَقِّ بَعْدَمَا تَبَيَّنَ كَأَنَّمَا يُسَاقُونَ إِلَى الْمَوْتِ وَهُمْ يَنْظُرُونَ﴾

Dhugaa irratti, erga inni ifa ta’ee booda, akka waan odoo argan gara du’aa oofamaaraniitti siin falmu.

﴿وَإِذْ يَعِدُكُمُ اللَّهُ إِحْدَى الطَّائِفَتَيْنِ أَنَّهَا لَكُمْ وَتَوَدُّونَ أَنَّ غَيْرَ ذَاتِ الشَّوْكَةِ تَكُونُ لَكُمْ وَيُرِيدُ اللَّهُ أَنْ يُحِقَّ الْحَقَّ بِكَلِمَاتِهِ وَيَقْطَعَ دَابِرَ الْكَافِرِينَ﴾

Yeroo tokkoon gareewwan lamaanii isiniif ta’uu Rabbiin waadaa isiniif galee, isinis isheen abbaa lolaa hin ta’Islaamni (gareen daldaalaa) isiniif ta’uu jaallattan, Rabbiin immoo jechoota (waadaa) Isaatiin dhugaa mirkaneessuufi hidda kaafirootaa kutuu yeroo fedhe san (waan ta’e yaadadhu).

﴿لِيُحِقَّ الْحَقَّ وَيُبْطِلَ الْبَاطِلَ وَلَوْ كَرِهَ الْمُجْرِمُونَ﴾

(Wanti kana hojjateef) odoo kaafiroonni jibban akka dhugaa mirkaneessee soba barbadeessuufi.

﴿إِذْ تَسْتَغِيثُونَ رَبَّكُمْ فَاسْتَجَابَ لَكُمْ أَنِّي مُمِدُّكُمْ بِأَلْفٍ مِنَ الْمَلَائِكَةِ مُرْدِفِينَ﴾

Yeroo isin Rabbii keessan irraa birmannaa barbaaddanii “Ani maleykoota kuma tokko wal hordofoo ta’an isiniif gargaarsa godhaadha” jechuun isiniif owwaate [yaadadhu].

﴿وَمَا جَعَلَهُ اللَّهُ إِلَّا بُشْرَىٰ وَلِتَطْمَئِنَّ بِهِ قُلُوبُكُمْ ۚ وَمَا النَّصْرُ إِلَّا مِنْ عِنْدِ اللَّهِ ۚ إِنَّ اللَّهَ عَزِيزٌ حَكِيمٌ﴾

Rabbiin gammachuu (keessanii)fi akka onneen keessan ittiin tasgabbooftuuf malee waan biraatiif isa hin gooneInjifannoon Rabbiin biraa malee hin jiruDhugumatti Rabbiin injifataa, ogeessa.

﴿إِذْ يُغَشِّيكُمُ النُّعَاسَ أَمَنَةً مِنْهُ وَيُنَزِّلُ عَلَيْكُمْ مِنَ السَّمَاءِ مَاءً لِيُطَهِّرَكُمْ بِهِ وَيُذْهِبَ عَنْكُمْ رِجْزَ الشَّيْطَانِ وَلِيَرْبِطَ عَلَىٰ قُلُوبِكُمْ وَيُثَبِّتَ بِهِ الْأَقْدَامَ﴾

Yeroo Inni tasgabbii Isa biraa ta’ee (adda waraanaatti) hirribaan isin haguugeefi ittiin isin qulqulleessuf, waswaasa sheyxaanaas isin irraa deemsisuuf, onnee keessanis (obsaan) jabeessuuf, faanawwan (keessanis cirracha irratti) ittiin gadi dhaabuuf jecha samii irraa yeroo bishaan isin irratti buuse [yaadadhaa].

﴿إِذْ يُوحِي رَبُّكَ إِلَى الْمَلَائِكَةِ أَنِّي مَعَكُمْ فَثَبِّتُوا الَّذِينَ آمَنُوا ۚ سَأُلْقِي فِي قُلُوبِ الَّذِينَ كَفَرُوا الرُّعْبَ فَاضْرِبُوا فَوْقَ الْأَعْنَاقِ وَاضْرِبُوا مِنْهُمْ كُلَّ بَنَانٍ﴾

Yeroo Gooftaan kee gara maleykotaatti “dhugumatti, Ani (gargaarsaan) isin waliin jiraa, isaan amanan (miila isaanii) gadi dhaabaaAni onnee isaan kafaranii keessa sodaan buusa; Morma (isaanii) gubbaa rukutaaIsaan irraas quba hunda rukutaa” (jedhee) beeksisa godhe [yaadadhu].

﴿ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ شَاقُّوا اللَّهَ وَرَسُولَهُ ۚ وَمَنْ يُشَاقِقِ اللَّهَ وَرَسُولَهُ فَإِنَّ اللَّهَ شَدِيدُ الْعِقَابِ﴾

Kun waan isaan Rabbiifi ergamaa Isaa faallessaniifiNamni Rabbiifi ergamaa Isaa faallesse, (Rabbiin isa adaba)Dhugumatti Rabbiin adabbiin isaa cimaadha.

﴿ذَٰلِكُمْ فَذُوقُوهُ وَأَنَّ لِلْكَافِرِينَ عَذَابَ النَّارِ﴾

Kun (adaba keessanii), isa dhandhamaaDhugumatti kaafirootaaf adabbii ibiddaatu jira.

﴿يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِذَا لَقِيتُمُ الَّذِينَ كَفَرُوا زَحْفًا فَلَا تُوَلُّوهُمُ الْأَدْبَارَ﴾

Yaa warra amantan! (waraanaaf) kan walitti qabaman ta’anii yeroo warra kafaran qunnamtan, duuba keessan isaanitti gara hin galchinaa (hin baqatinaa).

﴿وَمَنْ يُوَلِّهِمْ يَوْمَئِذٍ دُبُرَهُ إِلَّا مُتَحَرِّفًا لِقِتَالٍ أَوْ مُتَحَيِّزًا إِلَىٰ فِئَةٍ فَقَدْ بَاءَ بِغَضَبٍ مِنَ اللَّهِ وَمَأْوَاهُ جَهَنَّمُ ۖ وَبِئْسَ الْمَصِيرُ﴾

Namni guyyaa san duuba isaa isaaniitti garagalche, yoo mijjeeffannaa lolaatiif yookiin gara hoomaa (isaa) siquuf ta’e malee, inni dhugumatti dallansuu Rabbi irraa ta’een deebi’ee jiraTeessoon isaas jahannamiDeebiin (isaanii jahannam) waa fokkate.

﴿فَلَمْ تَقْتُلُوهُمْ وَلَٰكِنَّ اللَّهَ قَتَلَهُمْ ۚ وَمَا رَمَيْتَ إِذْ رَمَيْتَ وَلَٰكِنَّ اللَّهَ رَمَىٰ ۚ وَلِيُبْلِيَ الْمُؤْمِنِينَ مِنْهُ بَلَاءً حَسَنًا ۚ إِنَّ اللَّهَ سَمِيعٌ عَلِيمٌ﴾

Isin isaan hin ajjeefneGaruu Rabbitu isaan ajjeeseYeroo darbattus ati hin darbanneGaruu Rabbiitu darbateMu’uminootaafis tola gaarii isa biraa ta’e akka kennuuf (kana hojjate)Dhugumatti, Rabbiin dhagahaa, beekaadha.

﴿ذَٰلِكُمْ وَأَنَّ اللَّهَ مُوهِنُ كَيْدِ الْكَافِرِينَ﴾

Kun (dhugaadha)Dhugumatti, Rabbiinis dadhabsiisaa tooftaa kaafirootati.

﴿إِنْ تَسْتَفْتِحُوا فَقَدْ جَاءَكُمُ الْفَتْحُ ۖ وَإِنْ تَنْتَهُوا فَهُوَ خَيْرٌ لَكُمْ ۖ وَإِنْ تَعُودُوا نَعُدْ وَلَنْ تُغْنِيَ عَنْكُمْ فِئَتُكُمْ شَيْئًا وَلَوْ كَثُرَتْ وَأَنَّ اللَّهَ مَعَ الْمُؤْمِنِينَ﴾

)Yaa warra kafartan!) Yoo murtii barbaaddan, dhugumatti murtiin isiniif dhufee jiraYoo (badii irraa) dhorgamtan inni isiniif caalaadhaAmmas yoo isin (waraanatti) deebitan, nutis (tumsa keenyaan) ni deebinaTuunni keessan odoo baay’atanillee homaa isin hin fayyadanuDhugumatti Rabbiin (gargaarsaan) mu’uminoota waliin jira.

﴿يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا أَطِيعُوا اللَّهَ وَرَسُولَهُ وَلَا تَوَلَّوْا عَنْهُ وَأَنْتُمْ تَسْمَعُونَ﴾

Yaa warra amantan! Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajajamaaOdoo dhageessanuu Isa irraas gara hin galinaa.

﴿وَلَا تَكُونُوا كَالَّذِينَ قَالُوا سَمِعْنَا وَهُمْ لَا يَسْمَعُونَ﴾

Akka isaan haala hin dhageenyeen “dhageenyee jirra” jedhanii hin ta’inaa.

﴿۞ إِنَّ شَرَّ الدَّوَابِّ عِنْدَ اللَّهِ الصُّمُّ الْبُكْمُ الَّذِينَ لَا يَعْقِلُونَ﴾

Dhugumatti, irra badaan lubbu qabeeyyii Rabbiin biratti duudaa, arraba qabamaa, isaan hubannoo hin qabneedha.

﴿وَلَوْ عَلِمَ اللَّهُ فِيهِمْ خَيْرًا لَأَسْمَعَهُمْ ۖ وَلَوْ أَسْمَعَهُمْ لَتَوَلَّوْا وَهُمْ مُعْرِضُونَ﴾

Rabbiin odoo isaan keessatti toltuu beekee, silaa isaan dhageessisa tureOdoo isaan dhageessisees, silaa isaan kan garagalan ta’anii irraa baqatu.

﴿يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا اسْتَجِيبُوا لِلَّهِ وَلِلرَّسُولِ إِذَا دَعَاكُمْ لِمَا يُحْيِيكُمْ ۖ وَاعْلَمُوا أَنَّ اللَّهَ يَحُولُ بَيْنَ الْمَرْءِ وَقَلْبِهِ وَأَنَّهُ إِلَيْهِ تُحْشَرُونَ﴾

Yaa warra amantan! Rabbiif awwaadhaaErgamaa Isaatiifis; yeroo inni waan isin jiraachisutti isin waame (awwaadhaa)Dhugumatti Rabbiin gidduu namichaatiifi onnee isaa akka golguufi isinis gara Isaatti kan walitti qabamtan ta’uu beekaa.

﴿وَاتَّقُوا فِتْنَةً لَا تُصِيبَنَّ الَّذِينَ ظَلَمُوا مِنْكُمْ خَاصَّةً ۖ وَاعْلَمُوا أَنَّ اللَّهَ شَدِيدُ الْعِقَابِ﴾

Rakkoo (Fitnaa) isin irraa warra miidhaa hojjatan qofa kophaatti hin mudannes sodaadhaaDhugumatti, Rabbiin adabbiin isaa cimaa akka ta’es beekaa

﴿وَاذْكُرُوا إِذْ أَنْتُمْ قَلِيلٌ مُسْتَضْعَفُونَ فِي الْأَرْضِ تَخَافُونَ أَنْ يَتَخَطَّفَكُمُ النَّاسُ فَآوَاكُمْ وَأَيَّدَكُمْ بِنَصْرِهِ وَرَزَقَكُمْ مِنَ الطَّيِّبَاتِ لَعَلَّكُمْ تَشْكُرُونَ﴾

Yeroo isin muraasa, dachii keessattis hacuucamoo, namoonnis (saamichaafi ajjeechaan) isin bubbutuu sodaachaa, (Rabbiin) isin qubsiisee, tumsa Isaatiinis isin gargaaree, akka isin galateeffattaniif wantoota gaggaarii irraas isin soore yaadadhaa.

﴿يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تَخُونُوا اللَّهَ وَالرَّسُولَ وَتَخُونُوا أَمَانَاتِكُمْ وَأَنْتُمْ تَعْلَمُونَ﴾

Yaa warra amantan! Rabbiifi ergamaa Isaa hin ganinaaOdoo beektanii amaanaa keessanis hin ganinaa.

﴿وَاعْلَمُوا أَنَّمَا أَمْوَالُكُمْ وَأَوْلَادُكُمْ فِتْنَةٌ وَأَنَّ اللَّهَ عِنْدَهُ أَجْرٌ عَظِيمٌ﴾

Dhugumatti, qabeenyi keessaniifi ilmaan keessanis mokkoroo (fitnaa) akka ta’an beekaaDhugumatti Rabbiin mindaan guddaan Isa bira jira

﴿يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِنْ تَتَّقُوا اللَّهَ يَجْعَلْ لَكُمْ فُرْقَانًا وَيُكَفِّرْ عَنْكُمْ سَيِّئَاتِكُمْ وَيَغْفِرْ لَكُمْ ۗ وَاللَّهُ ذُو الْفَضْلِ الْعَظِيمِ﴾

Yaa warra amantan! Yoo Rabbiin sodaattaniif, addaan baasaa (dhugaafi dharaa) isiniif godhaBadii keessanis isin irraa harcaasaIsiniif araaramasRabbiin abbaa tola guddaati.

﴿وَإِذْ يَمْكُرُ بِكَ الَّذِينَ كَفَرُوا لِيُثْبِتُوكَ أَوْ يَقْتُلُوكَ أَوْ يُخْرِجُوكَ ۚ وَيَمْكُرُونَ وَيَمْكُرُ اللَّهُ ۖ وَاللَّهُ خَيْرُ الْمَاكِرِينَ﴾

  Yeroo isaan kafaran si hidhuuf yookiin si ajjeesuf yookiin (biyya irraa) si baasuuf tooftaa sirratti baasan [yaadadhu]Isaan tooftaa baasu; Rabbiinis tooftaa baasa (tooftaa isaanii isaan irratti deebisa)Rabbiin irra caalaa warra tooftaa baasuuti.

﴿وَإِذَا تُتْلَىٰ عَلَيْهِمْ آيَاتُنَا قَالُوا قَدْ سَمِعْنَا لَوْ نَشَاءُ لَقُلْنَا مِثْلَ هَٰذَا ۙ إِنْ هَٰذَا إِلَّا أَسَاطِيرُ الْأَوَّلِينَ﴾

  Yeroo keeyyatoonni keenya isaan irratti qara’amtu “Nuti (ishee) dhageenyee jirra, odoo feenee fakkaataa kanaa ni jenna; kuni ogbarruu warra duriiti malee waan biraatii miti” jedhu.

﴿وَإِذْ قَالُوا اللَّهُمَّ إِنْ كَانَ هَٰذَا هُوَ الْحَقَّ مِنْ عِنْدِكَ فَأَمْطِرْ عَلَيْنَا حِجَارَةً مِنَ السَّمَاءِ أَوِ ائْتِنَا بِعَذَابٍ أَلِيمٍ﴾

  Yeroo isaan “Yaa Allaah! Yoo kuni dhugaa si biraa (bu’e) ta’e, samii irraa dhagaa nurratti roobsi; yookiin adabbii laalessaa nutti fidi” jedhan [yaadadhu].

﴿وَمَا كَانَ اللَّهُ لِيُعَذِّبَهُمْ وَأَنْتَ فِيهِمْ ۚ وَمَا كَانَ اللَّهُ مُعَذِّبَهُمْ وَهُمْ يَسْتَغْفِرُونَ﴾

  Rabbiinis odoo ati isaan keessa jirtuu kan isaan adabu hin taaneAmmas Rabbiin odoo isaan araarama kadhatanuu kan isaan adabu hin taane.

﴿وَمَا لَهُمْ أَلَّا يُعَذِّبَهُمُ اللَّهُ وَهُمْ يَصُدُّونَ عَنِ الْمَسْجِدِ الْحَرَامِ وَمَا كَانُوا أَوْلِيَاءَهُ ۚ إِنْ أَوْلِيَاؤُهُ إِلَّا الْمُتَّقُونَ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَهُمْ لَا يَعْلَمُونَ﴾

  Haala isaan masjiida kabajamaa irraa (namoota) kan dhorganiifi itti gaafatamaa isaas hin ta’aniin, Rabbiin maaliif isaan hin adabne? Warra Rabbiin sodaatan malee itti gaafatamaan isaa kan biraa hin taane; garuu irra hedduun isaanii hin beekanu.

﴿وَمَا كَانَ صَلَاتُهُمْ عِنْدَ الْبَيْتِ إِلَّا مُكَاءً وَتَصْدِيَةً ۚ فَذُوقُوا الْعَذَابَ بِمَا كُنْتُمْ تَكْفُرُونَ﴾

  Salaanni isaanii mana (Ka’abaa) biratti fiiysuu (siiksuu)fi harka dhahuu (shubbisuu) malee waan biraa hin taaneSababa kufrii keessaniif adabbii dhandhamaa.

﴿إِنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا يُنْفِقُونَ أَمْوَالَهُمْ لِيَصُدُّوا عَنْ سَبِيلِ اللَّهِ ۚ فَسَيُنْفِقُونَهَا ثُمَّ تَكُونُ عَلَيْهِمْ حَسْرَةً ثُمَّ يُغْلَبُونَ ۗ وَالَّذِينَ كَفَرُوا إِلَىٰ جَهَنَّمَ يُحْشَرُونَ﴾

  Dhugumatti, isaan kafaran (namoota) karaa Rabbii irraa dhorguuf jecha qabeenya isaanii kennuFuula duras ishee kennuSana booda isaan irratti gaabbii taatiErgasiis ni injifatamu; isaan kafaran gara jahannamitti walitti qabamu.

﴿لِيَمِيزَ اللَّهُ الْخَبِيثَ مِنَ الطَّيِّبِ وَيَجْعَلَ الْخَبِيثَ بَعْضَهُ عَلَىٰ بَعْضٍ فَيَرْكُمَهُ جَمِيعًا فَيَجْعَلَهُ فِي جَهَنَّمَ ۚ أُولَٰئِكَ هُمُ الْخَاسِرُونَ﴾

  Rabbiin fokkataa gaarii irraa adda baasee, fokkataas garii isaa garii gubbaatti taasisee, hunda isaanii walitti tuulee, ergasii jahannam keessatti isaan taasisuuf (walitti qabamu)Warri sun isaanumatu hoonga’oodha.

﴿قُلْ لِلَّذِينَ كَفَرُوا إِنْ يَنْتَهُوا يُغْفَرْ لَهُمْ مَا قَدْ سَلَفَ وَإِنْ يَعُودُوا فَقَدْ مَضَتْ سُنَّتُ الْأَوَّلِينَ﴾

  Isaan kafaraniin, yoo (kufrii irraa) dhorgamtan wanti dabre isaaniif araaramamaYoo (itti) deebi’an immoo dhugumatti, karaan (adabbiin) warra duraanii dabritee jirti.

﴿وَقَاتِلُوهُمْ حَتَّىٰ لَا تَكُونَ فِتْنَةٌ وَيَكُونَ الدِّينُ كُلُّهُ لِلَّهِ ۚ فَإِنِ انْتَهَوْا فَإِنَّ اللَّهَ بِمَا يَعْمَلُونَ بَصِيرٌ﴾

  Hanga “fitnaan” (shirkiin) hin argamneefi amantiin hundi isaa Rabbiif ta’utti isaaniin lolaa; (kufrii irraa) yoo dhorgaman, dhugumatti, Rabbiin waan isaan dalagan argaadha.

﴿وَإِنْ تَوَلَّوْا فَاعْلَمُوا أَنَّ اللَّهَ مَوْلَاكُمْ ۚ نِعْمَ الْمَوْلَىٰ وَنِعْمَ النَّصِيرُ﴾

  .Yoo isaan irraa gara galanis, dhugumatti Rabbiin “gargaaraa keessan ta’uu beekaaTiksaan (Isa ta’uun) waa tole; tumsaan (Isa ta’uunis) waa tole.

﴿۞ وَاعْلَمُوا أَنَّمَا غَنِمْتُمْ مِنْ شَيْءٍ فَأَنَّ لِلَّهِ خُمُسَهُ وَلِلرَّسُولِ وَلِذِي الْقُرْبَىٰ وَالْيَتَامَىٰ وَالْمَسَاكِينِ وَابْنِ السَّبِيلِ إِنْ كُنْتُمْ آمَنْتُمْ بِاللَّهِ وَمَا أَنْزَلْنَا عَلَىٰ عَبْدِنَا يَوْمَ الْفُرْقَانِ يَوْمَ الْتَقَى الْجَمْعَانِ ۗ وَاللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ﴾

  Wanti isin boojitan kumiyyuu, tokko shanaffaan isaa Rabbiif, ergamaa Isaa, firoota dhihoo, yatiima, hiyyeeyyiifi kara deemaaf ta’uu isaa beekaa; yoo kan Rabbiifi waan Nuti gabricha keenya irratti guyyaa addaba’iinsaa (dhugaafi soba addaan baafne), guyyaa (Badrii kan) tuutti lamaan wal qunnaman buufnetti kan amantan taatan (sana beekaa)Rabbiinis waan hunda irratti danda’aadha

﴿إِذْ أَنْتُمْ بِالْعُدْوَةِ الدُّنْيَا وَهُمْ بِالْعُدْوَةِ الْقُصْوَىٰ وَالرَّكْبُ أَسْفَلَ مِنْكُمْ ۚ وَلَوْ تَوَاعَدْتُمْ لَاخْتَلَفْتُمْ فِي الْمِيعَادِ ۙ وَلَٰكِنْ لِيَقْضِيَ اللَّهُ أَمْرًا كَانَ مَفْعُولًا لِيَهْلِكَ مَنْ هَلَكَ عَنْ بَيِّنَةٍ وَيَحْيَىٰ مَنْ حَيَّ عَنْ بَيِّنَةٍ ۗ وَإِنَّ اللَّهَ لَسَمِيعٌ عَلِيمٌ﴾

  Yeroo isin moggaa (Madiinaatti) dhihoo taatanii, isaanis moggaa fagootti ta’an, daldaltoonni immoo jala keessan ta’an (waan ta’e yaadadhaa)Odoo waliif beellamtanii, silaa beellama keessatti wal dhabdu turtanGaruu Rabbiin dhimma (beekumsa isaa keessatti) raawwatamaa ta’e raawwachuuf, namni bades ragaa ifa ta’e booda akka baduuf, namni jiraatus ragaa ifa ta’e booda akka jiraatuuf (beellama malee walitti isin qabe)Dhugumatti Rabbiin dhaga’aa, beekaadha.

﴿إِذْ يُرِيكَهُمُ اللَّهُ فِي مَنَامِكَ قَلِيلًا ۖ وَلَوْ أَرَاكَهُمْ كَثِيرًا لَفَشِلْتُمْ وَلَتَنَازَعْتُمْ فِي الْأَمْرِ وَلَٰكِنَّ اللَّهَ سَلَّمَ ۗ إِنَّهُ عَلِيمٌ بِذَاتِ الصُّدُورِ﴾

  Yeroo Rabbiin abjuu kee keessatti xiqqoo ta’uu isaanii sitti argisiises [yaadadhu]Odoo baay’ee ta’anii isaan sitti agarsiisee, silaa luynoomtanii, dhimmicha keessattis wal mormitu turtanGaruu Rabbiin nagaya (isin) godheDhugumatti, Inni beekaa waan qoma keessa jiruuti.

﴿وَإِذْ يُرِيكُمُوهُمْ إِذِ الْتَقَيْتُمْ فِي أَعْيُنِكُمْ قَلِيلًا وَيُقَلِّلُكُمْ فِي أَعْيُنِهِمْ لِيَقْضِيَ اللَّهُ أَمْرًا كَانَ مَفْعُولًا ۗ وَإِلَى اللَّهِ تُرْجَعُ الْأُمُورُ﴾

  Yeroo walitti dhuftanii Rabbiin dhimma (beekumsa Isaa keessatti) raawwatamaa ta’e galmaan ga’uuf jecha, isin ija isaanii keessatti kan xiqqeessu ta’ee, yeroo ilaalcha keessan keessatti xiqqoo taasisee isaan isin agarsiise [yaadadhu]Wantoonni hundi gara Rabbii deebifamti

﴿يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِذَا لَقِيتُمْ فِئَةً فَاثْبُتُوا وَاذْكُرُوا اللَّهَ كَثِيرًا لَعَلَّكُمْ تُفْلِحُونَ﴾

  Yaa warra amantan! Yeroo garee (diinaa) wahii qunnamtan, gadi dhaabbadhaa; akka milkooftaniifis (faaruu) baay’ee Rabbiin faarsaa

﴿وَأَطِيعُوا اللَّهَ وَرَسُولَهُ وَلَا تَنَازَعُوا فَتَفْشَلُوا وَتَذْهَبَ رِيحُكُمْ ۖ وَاصْبِرُوا ۚ إِنَّ اللَّهَ مَعَ الصَّابِرِينَ﴾

  Rabbiifi ergamaa Isaatiifis ajajamaa; walis hin morminaa; luynoomtanii humni keessanis (isin irraa) ni deemtii; obsaaDhugumatti, Rabbiin obsitoota wajjin jira

﴿وَلَا تَكُونُوا كَالَّذِينَ خَرَجُوا مِنْ دِيَارِهِمْ بَطَرًا وَرِئَاءَ النَّاسِ وَيَصُدُّونَ عَنْ سَبِيلِ اللَّهِ ۚ وَاللَّهُ بِمَا يَعْمَلُونَ مُحِيطٌ﴾

  Akka isaan boonaa, namootatti of argisiisiisan ta’anii, karaa Rabbii irraas (namoota) dhorgaa, manneen isaanii irraa bahanii hin ta’inaaRabbiin waan isaan dalaganitti marsaadha

﴿وَإِذْ زَيَّنَ لَهُمُ الشَّيْطَانُ أَعْمَالَهُمْ وَقَالَ لَا غَالِبَ لَكُمُ الْيَوْمَ مِنَ النَّاسِ وَإِنِّي جَارٌ لَكُمْ ۖ فَلَمَّا تَرَاءَتِ الْفِئَتَانِ نَكَصَ عَلَىٰ عَقِبَيْهِ وَقَالَ إِنِّي بَرِيءٌ مِنْكُمْ إِنِّي أَرَىٰ مَا لَا تَرَوْنَ إِنِّي أَخَافُ اللَّهَ ۚ وَاللَّهُ شَدِيدُ الْعِقَابِ﴾

  Yeroo sheyxaanni dalagaa isaanii (gadhee) miidhagsee, “har’a nama irraa injifataan isiniif hin jiruAnis gargaaraa keessan” jedheen san [yaadadhu]Yeroma gareen lamaan wal argan, of duuba deebi’ee “Dhugumatti, ani isin irraa qulqulluudha; ani waan isin hin agarren argaa jiraAni Rabbiinin sodaadhaRabbiin adabbiin Isaa cimaadha” jedhe

﴿إِذْ يَقُولُ الْمُنَافِقُونَ وَالَّذِينَ فِي قُلُوبِهِمْ مَرَضٌ غَرَّ هَٰؤُلَاءِ دِينُهُمْ ۗ وَمَنْ يَتَوَكَّلْ عَلَى اللَّهِ فَإِنَّ اللَّهَ عَزِيزٌ حَكِيمٌ﴾

  Yeroo munaafiqoonniifi warri onnee isaanii keessa dhukkubni (kufrii) jiru “warra kana amantii isaaniitu isaan gowwoomse” jedhan [yaadadhu]Namni Rabbi irratti hirkate (ni moo’ata)Dhugumatti Rabbiin injifataa, ogeessa.

﴿وَلَوْ تَرَىٰ إِذْ يَتَوَفَّى الَّذِينَ كَفَرُوا ۙ الْمَلَائِكَةُ يَضْرِبُونَ وُجُوهَهُمْ وَأَدْبَارَهُمْ وَذُوقُوا عَذَابَ الْحَرِيقِ﴾

  Yeroo maleeykonni lubbuu warra kafaranii fuula isaaniitiifi duuba isaanii rukutaa “adabbii gubu dhandhamaa” jedhaa fuudhan odoo gartee (dubbii cimaa argita).

﴿ذَٰلِكَ بِمَا قَدَّمَتْ أَيْدِيكُمْ وَأَنَّ اللَّهَ لَيْسَ بِظَلَّامٍ لِلْعَبِيدِ﴾

  ”Kun waan harki keessan dabarfatteefi (waan) Rabbiinis gabroota miidhaa hin ta’iniifi” (isaaniin jedhama)

﴿كَدَأْبِ آلِ فِرْعَوْنَ ۙ وَالَّذِينَ مِنْ قَبْلِهِمْ ۚ كَفَرُوا بِآيَاتِ اللَّهِ فَأَخَذَهُمُ اللَّهُ بِذُنُوبِهِمْ ۗ إِنَّ اللَّهَ قَوِيٌّ شَدِيدُ الْعِقَابِ﴾

  )Haalli ummata kanaa) Akkuma haala warra Fir’awniifi warra isaan dura turan kan keeyyattoota Rabbiitti kafaranii Rabbiin badiiwwan isaaniitiin isaan qabeetiDhugumatti Rabbiin jabaa, adabbiin Isaa cimaati.

﴿ذَٰلِكَ بِأَنَّ اللَّهَ لَمْ يَكُ مُغَيِّرًا نِعْمَةً أَنْعَمَهَا عَلَىٰ قَوْمٍ حَتَّىٰ يُغَيِّرُوا مَا بِأَنْفُسِهِمْ ۙ وَأَنَّ اللَّهَ سَمِيعٌ عَلِيمٌ﴾

  Kun waan Rabbiin tola ummata irratti oole tokko hanga isaan waan lubbuu isaaniitti jiru jijjiiranitti kan hin jijjiirre ta’eefi Rabbiinis dhagayaa beekaa waan ta’eefi.

﴿كَدَأْبِ آلِ فِرْعَوْنَ ۙ وَالَّذِينَ مِنْ قَبْلِهِمْ ۚ كَذَّبُوا بِآيَاتِ رَبِّهِمْ فَأَهْلَكْنَاهُمْ بِذُنُوبِهِمْ وَأَغْرَقْنَا آلَ فِرْعَوْنَ ۚ وَكُلٌّ كَانُوا ظَالِمِينَ﴾

  Akka haala namoota Fir’awniifi warra isaan duraa, kan keeyyattoota Gooftaa isaaniitti kafaranii, ergasii badiiwwan isaaniitiin isaan balleessineeti; ummata Fir’awnis bishaaniin dhidhimsine; hundumtuu miidhaa hojjattoota turan.

﴿إِنَّ شَرَّ الدَّوَابِّ عِنْدَ اللَّهِ الَّذِينَ كَفَرُوا فَهُمْ لَا يُؤْمِنُونَ﴾

  Dhugumatti, irra badaan lubbu qabeeyyii Rabbiin biratti warra kafarani; isaan hin amananu.

﴿الَّذِينَ عَاهَدْتَ مِنْهُمْ ثُمَّ يَنْقُضُونَ عَهْدَهُمْ فِي كُلِّ مَرَّةٍ وَهُمْ لَا يَتَّقُونَ﴾

 (Isaan) warra ati waadaa isaan irraa fuutee, yeroo (waadaa seenan) hunda kan Rabbiin hin sodaanne ta’anii waadaa isaanii diiganiidha.

﴿فَإِمَّا تَثْقَفَنَّهُمْ فِي الْحَرْبِ فَشَرِّدْ بِهِمْ مَنْ خَلْفَهُمْ لَعَلَّهُمْ يَذَّكَّرُونَ﴾

  Yoo lola irratti isaan argite akka isaan gorfamaniif jecha namoota isaan boodaa isaaniin addaan facaasi.

﴿وَإِمَّا تَخَافَنَّ مِنْ قَوْمٍ خِيَانَةً فَانْبِذْ إِلَيْهِمْ عَلَىٰ سَوَاءٍ ۚ إِنَّ اللَّهَ لَا يُحِبُّ الْخَائِنِينَ﴾

  Garuu yoo namoota irraa ganiinsa sodaatte ifaan ifatti (waadaa isaanii) gara isaanitti darbiDhugumatti, Rabbiin warra (waadaa) ganan hin jaalatu.

﴿وَلَا يَحْسَبَنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا سَبَقُوا ۚ إِنَّهُمْ لَا يُعْجِزُونَ﴾

  Isaan kafaran (adaba Rabbii jalaa) miliquu hin yaadinDhugumatti, isaan Nu hin dadhabsiisanu.

﴿وَأَعِدُّوا لَهُمْ مَا اسْتَطَعْتُمْ مِنْ قُوَّةٍ وَمِنْ رِبَاطِ الْخَيْلِ تُرْهِبُونَ بِهِ عَدُوَّ اللَّهِ وَعَدُوَّكُمْ وَآخَرِينَ مِنْ دُونِهِمْ لَا تَعْلَمُونَهُمُ اللَّهُ يَعْلَمُهُمْ ۚ وَمَا تُنْفِقُوا مِنْ شَيْءٍ فِي سَبِيلِ اللَّهِ يُوَفَّ إِلَيْكُمْ وَأَنْتُمْ لَا تُظْلَمُونَ﴾

  Humnaafi faradoo hidhaman irraas ta’ee waan dandeessaniin, kan ittiin diina Rabbii, diina keessaniifi ummattoota biraa kan isaan hin tahin, kan Rabbiin isaan beeku, isin isaan hin beekne ittiin akka sodaachiftaniif isaaniif qopheessaaWanti karaa Rabbii keessatti (isin) arjoomtan kamillee (mindaan isaa) isiniif kennamaIsin hin miidhamtanu.

﴿۞ وَإِنْ جَنَحُوا لِلسَّلْمِ فَاجْنَحْ لَهَا وَتَوَكَّلْ عَلَى اللَّهِ ۚ إِنَّهُ هُوَ السَّمِيعُ الْعَلِيمُ﴾

  Yoo gara araaraatti daban, atis gara isheetti dabi; Rabbi irratti irkadhuDhugumatti, Inni dhaga’aa, argaadha.

﴿وَإِنْ يُرِيدُوا أَنْ يَخْدَعُوكَ فَإِنَّ حَسْبَكَ اللَّهُ ۚ هُوَ الَّذِي أَيَّدَكَ بِنَصْرِهِ وَبِالْمُؤْمِنِينَ﴾

  Yoo isaan si ganuu fedhanis, dhugumatti ga’aan kee RabbumaInni Isa tumsa Isaatiifi mu’uminootaan si jabeesseedha.

﴿وَأَلَّفَ بَيْنَ قُلُوبِهِمْ ۚ لَوْ أَنْفَقْتَ مَا فِي الْأَرْضِ جَمِيعًا مَا أَلَّفْتَ بَيْنَ قُلُوبِهِمْ وَلَٰكِنَّ اللَّهَ أَلَّفَ بَيْنَهُمْ ۚ إِنَّهُ عَزِيزٌ حَكِيمٌ﴾

  Gidduu onnee isaaniis kan wal taasiseedhaGaruu Rabbitu wal taasise malee odoo (wal taasisuuf) waan dachii keessaa hunda arjoomteeyyuu, gidduu onnee isaanii wal taasisuu hin dandeessuDhugumatti Inni injifataa, ogeessa.

﴿يَا أَيُّهَا النَّبِيُّ حَسْبُكَ اللَّهُ وَمَنِ اتَّبَعَكَ مِنَ الْمُؤْمِنِينَ﴾

  Yaa nabiyyii (kiyya)! Siifi mu’uminoota irraa namoota si hordofaniifis Rabbiin gahaadha.

﴿يَا أَيُّهَا النَّبِيُّ حَرِّضِ الْمُؤْمِنِينَ عَلَى الْقِتَالِ ۚ إِنْ يَكُنْ مِنْكُمْ عِشْرُونَ صَابِرُونَ يَغْلِبُوا مِائَتَيْنِ ۚ وَإِنْ يَكُنْ مِنْكُمْ مِائَةٌ يَغْلِبُوا أَلْفًا مِنَ الَّذِينَ كَفَرُوا بِأَنَّهُمْ قَوْمٌ لَا يَفْقَهُونَ﴾

  Yaa nabiyyii (kiyya)! Mu’uminoota lola irratti kakaasiIsin irraa obsitoonni digdamni yoo argame, dhibba lama haa injifatanuIsin irraa dhibbi tokko yoo argame, waan isaan ummata hin hubanne ta’aniif isaan kafaran irraa kuma haa injifatanu.

﴿الْآنَ خَفَّفَ اللَّهُ عَنْكُمْ وَعَلِمَ أَنَّ فِيكُمْ ضَعْفًا ۚ فَإِنْ يَكُنْ مِنْكُمْ مِائَةٌ صَابِرَةٌ يَغْلِبُوا مِائَتَيْنِ ۚ وَإِنْ يَكُنْ مِنْكُمْ أَلْفٌ يَغْلِبُوا أَلْفَيْنِ بِإِذْنِ اللَّهِ ۗ وَاللَّهُ مَعَ الصَّابِرِينَ﴾

  Amma Rabbiin isin irraa laaffiseeraIsin keessa dadhabbiin akka jirus beekeeraIsin irraa obsitoonni dhibbi tokko yoo argame, dhibba lama haa injifatuIsin irraa kumni tokko yoo argame, hayyama Rabbiitiin kuma lama haa injifatuRabbiinis obsitootaa wajjin jira.

﴿مَا كَانَ لِنَبِيٍّ أَنْ يَكُونَ لَهُ أَسْرَىٰ حَتَّىٰ يُثْخِنَ فِي الْأَرْضِ ۚ تُرِيدُونَ عَرَضَ الدُّنْيَا وَاللَّهُ يُرِيدُ الْآخِرَةَ ۗ وَاللَّهُ عَزِيزٌ حَكِيمٌ﴾

  Nabiyyii kamiifuu hanga lafa irratti injifatutti (ajjeechaa isaanii bakkaan gahutti), booji’amtoonni isaaf ta’uun isaaf hin maluIsin meeshaa (faa’idaa) addunyaa feetu; Rabbiin immoo Aakhiraa (isiniif) fedhaRabbiin injifataa, ogeessa.

﴿لَوْلَا كِتَابٌ مِنَ اللَّهِ سَبَقَ لَمَسَّكُمْ فِيمَا أَخَذْتُمْ عَذَابٌ عَظِيمٌ﴾

  Odoo murtiin Rabbi irraa dabre ta’uu baatee, silaa waan isin fudhattaniif adabbiin guddaan isin mudata ture.

﴿فَكُلُوا مِمَّا غَنِمْتُمْ حَلَالًا طَيِّبًا ۚ وَاتَّقُوا اللَّهَ ۚ إِنَّ اللَّهَ غَفُورٌ رَحِيمٌ﴾

  Haala hayyamamaafi gaarii ta’een waan boojitan irraa nyaadhaaRabbiinis sodaadhaaDhugumatti, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha

﴿يَا أَيُّهَا النَّبِيُّ قُلْ لِمَنْ فِي أَيْدِيكُمْ مِنَ الْأَسْرَىٰ إِنْ يَعْلَمِ اللَّهُ فِي قُلُوبِكُمْ خَيْرًا يُؤْتِكُمْ خَيْرًا مِمَّا أُخِذَ مِنْكُمْ وَيَغْفِرْ لَكُمْ ۗ وَاللَّهُ غَفُورٌ رَحِيمٌ﴾

  Yaa nabiyyii (kiyya)! Booji’amtoota irraa namoota harka kee keessa jiraniin jedhi: “Odoo Rabbiin onnee keessan keessatti toltuu wahii beekee, silaa waan isin irraa fudhatame waan caalu isiniif kenna ture; isiniifis ni araarama tureRabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.

﴿وَإِنْ يُرِيدُوا خِيَانَتَكَ فَقَدْ خَانُوا اللَّهَ مِنْ قَبْلُ فَأَمْكَنَ مِنْهُمْ ۗ وَاللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ﴾

  Yoo isaan si ganuu fedhan, dhugumatti kana duras Rabbiin gananii jiru; isaan irraas (ajjeesuufi booji’uun) mijjeeffatee jiraRabbiin beekaa, ogeessa.

﴿إِنَّ الَّذِينَ آمَنُوا وَهَاجَرُوا وَجَاهَدُوا بِأَمْوَالِهِمْ وَأَنْفُسِهِمْ فِي سَبِيلِ اللَّهِ وَالَّذِينَ آوَوْا وَنَصَرُوا أُولَٰئِكَ بَعْضُهُمْ أَوْلِيَاءُ بَعْضٍ ۚ وَالَّذِينَ آمَنُوا وَلَمْ يُهَاجِرُوا مَا لَكُمْ مِنْ وَلَايَتِهِمْ مِنْ شَيْءٍ حَتَّىٰ يُهَاجِرُوا ۚ وَإِنِ اسْتَنْصَرُوكُمْ فِي الدِّينِ فَعَلَيْكُمُ النَّصْرُ إِلَّا عَلَىٰ قَوْمٍ بَيْنَكُمْ وَبَيْنَهُمْ مِيثَاقٌ ۗ وَاللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرٌ﴾

  Dhugumatti, isaan amananii godaananii, karaa Rabbii keessattis qabeenyaafi lubbuu isaanitiin qabsaa’aniifi isaan (isin) qubsiisanii, gargaarsas (isiniif) godhan, warri sun gariin isaanii jaalallee gariitiIsaan amananii hin godaanin immoo hanga godaananitti jaalala isaanii irraa homtuu isiniif hin taaneYoo amantii keessatti gargaarsa isin gaafatan, namoota gidduu keessaniifi gidduu isaanii waadaan jiru irratti (yoo ta’e) malee isaan gargaaruun isin irratti dirqamaRabbiin waan isin hojjattan argaadha.

﴿وَالَّذِينَ كَفَرُوا بَعْضُهُمْ أَوْلِيَاءُ بَعْضٍ ۚ إِلَّا تَفْعَلُوهُ تَكُنْ فِتْنَةٌ فِي الْأَرْضِ وَفَسَادٌ كَبِيرٌ﴾

  Isaan kafaranis gariin isaanii jaalallee gariitiYoo isin isa (mu’uminoota jaallattanii kaafiroota jibbuu) raawwachuu baattan dachii keessatti balaa (shirkii)fi badii guddaatu argama.

﴿وَالَّذِينَ آمَنُوا وَهَاجَرُوا وَجَاهَدُوا فِي سَبِيلِ اللَّهِ وَالَّذِينَ آوَوْا وَنَصَرُوا أُولَٰئِكَ هُمُ الْمُؤْمِنُونَ حَقًّا ۚ لَهُمْ مَغْفِرَةٌ وَرِزْقٌ كَرِيمٌ﴾

  Isaan amananii, godaananii, karaa Rabbii keessatti qabsaa’aniifi isaan (isin) qubsiisanii, gargaarsa (isiniif) godhan, warri sun isaanumatu mu’uminoota dhugaatiIsaaniif araaramaafi soorata gaariitu jira.

﴿وَالَّذِينَ آمَنُوا مِنْ بَعْدُ وَهَاجَرُوا وَجَاهَدُوا مَعَكُمْ فَأُولَٰئِكَ مِنْكُمْ ۚ وَأُولُو الْأَرْحَامِ بَعْضُهُمْ أَوْلَىٰ بِبَعْضٍ فِي كِتَابِ اللَّهِ ۗ إِنَّ اللَّهَ بِكُلِّ شَيْءٍ عَلِيمٌ﴾

  Warri sana booda amananii, godaananiifi isin waliin qabsaa’an, isaan isin irraayyi(Dhaala ilaalchisee) kitaaba Rabbii keessatti warri firaa gariin isaanii garii (dhaaluu)tti irra caalaadhaDhugumatti, Rabbiin waan hunda beekaadha

الترجمات والتفاسير لهذه السورة: