المجادلة

تفسير سورة المجادلة

الترجمة الأورومية

Oromoo

الترجمة الأورومية

ترجمة معاني القرآن الكريم للغة الاورومية ترجمها غالي ابابور اباغونا، عام الطبعة 2009م

﴿بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ قَدْ سَمِعَ اللَّهُ قَوْلَ الَّتِي تُجَادِلُكَ فِي زَوْجِهَا وَتَشْتَكِي إِلَى اللَّهِ وَاللَّهُ يَسْمَعُ تَحَاوُرَكُمَا ۚ إِنَّ اللَّهَ سَمِيعٌ بَصِيرٌ﴾

Dhugumatti Rabbiin jecha ishee waa'ee abbaa manaa ishee keessatti siin wal –falmituufi gara Rabbiitti himannaa dhiyeeffattuu dhaga'eeraRabbiinis falmii keessan lamaan ni dhaga'aDhugumatti Rabbiin dhagayaa, argaadha.

﴿الَّذِينَ يُظَاهِرُونَ مِنْكُمْ مِنْ نِسَائِهِمْ مَا هُنَّ أُمَّهَاتِهِمْ ۖ إِنْ أُمَّهَاتُهُمْ إِلَّا اللَّائِي وَلَدْنَهُمْ ۚ وَإِنَّهُمْ لَيَقُولُونَ مُنْكَرًا مِنَ الْقَوْلِ وَزُورًا ۚ وَإِنَّ اللَّهَ لَعَفُوٌّ غَفُورٌ﴾

Isaan isin keessaa dubartoota (haadhotii manaa) isaanii irraa ‘Zihaara’ godhan (‘ati anaaf akka dugda haadha kiyyaati’ jechuun kakatan), isaan (haadhotiin manaa) haadholii isaanii mitiHaadholiin isaanii isaanuma isaan da'an sana qofaDhugumatti, isaan jecha irraa isa fokkataafi soba ta'e dubbatuDhugumatti Rabbiinis dhiifama godhaa araaramaadha.

﴿وَالَّذِينَ يُظَاهِرُونَ مِنْ نِسَائِهِمْ ثُمَّ يَعُودُونَ لِمَا قَالُوا فَتَحْرِيرُ رَقَبَةٍ مِنْ قَبْلِ أَنْ يَتَمَاسَّا ۚ ذَٰلِكُمْ تُوعَظُونَ بِهِ ۚ وَاللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ خَبِيرٌ﴾

Isaan dubartoota isaanii irraa "Zihaara" godhanii ergasii waan jedhan keessa deebi'anus, odoo wal hin tuqin dura morma (gabraa) bilisa baasuutu isaan irra jiraKana akka isin ittiin gorfamtaniif (Rabbiin tume)Rabbiinis waan isin hojjattan keessa beekaadha.

﴿فَمَنْ لَمْ يَجِدْ فَصِيَامُ شَهْرَيْنِ مُتَتَابِعَيْنِ مِنْ قَبْلِ أَنْ يَتَمَاسَّا ۖ فَمَنْ لَمْ يَسْتَطِعْ فَإِطْعَامُ سِتِّينَ مِسْكِينًا ۚ ذَٰلِكَ لِتُؤْمِنُوا بِاللَّهِ وَرَسُولِهِ ۚ وَتِلْكَ حُدُودُ اللَّهِ ۗ وَلِلْكَافِرِينَ عَذَابٌ أَلِيمٌ﴾

Namni hin argatinis, odoo wal hin tuqin dura ji'oota walitti aanan lama soomuutu isaan irra jiraNamni (kanas) hin danda'in, miskiinoota (hiyyeeyyii) jaahaatama nyaachisuu qabaKun akka Rabbiifi ergamaa Isaatti amantaniifiAkkasumas, isheen kun daangaa RabbiitiKaafirootafis adabbii laaleessaa ta'etu jira.

﴿إِنَّ الَّذِينَ يُحَادُّونَ اللَّهَ وَرَسُولَهُ كُبِتُوا كَمَا كُبِتَ الَّذِينَ مِنْ قَبْلِهِمْ ۚ وَقَدْ أَنْزَلْنَا آيَاتٍ بَيِّنَاتٍ ۚ وَلِلْكَافِرِينَ عَذَابٌ مُهِينٌ﴾

Odoo Nuti dhugumaan ragaa ifaa buufnee jirruu warren Rabbiifi ergamaa Isaa faallessan akkuma warri isaaniin duraa salphatan salphataniiruKaafirootaafis adabbii xiqqeessaatu jira.

﴿يَوْمَ يَبْعَثُهُمُ اللَّهُ جَمِيعًا فَيُنَبِّئُهُمْ بِمَا عَمِلُوا ۚ أَحْصَاهُ اللَّهُ وَنَسُوهُ ۚ وَاللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ شَهِيدٌ﴾

Guyyaa Rabbiin hunda isaanii kaasee waan isaan hojjatan isaanitti himu [yaadadhu](Isaan) kan dagatan ta’anii Rabbiin beekee galmeesseraRabbiinis waan hunda irratti ragaadha.

﴿أَلَمْ تَرَ أَنَّ اللَّهَ يَعْلَمُ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۖ مَا يَكُونُ مِنْ نَجْوَىٰ ثَلَاثَةٍ إِلَّا هُوَ رَابِعُهُمْ وَلَا خَمْسَةٍ إِلَّا هُوَ سَادِسُهُمْ وَلَا أَدْنَىٰ مِنْ ذَٰلِكَ وَلَا أَكْثَرَ إِلَّا هُوَ مَعَهُمْ أَيْنَ مَا كَانُوا ۖ ثُمَّ يُنَبِّئُهُمْ بِمَا عَمِلُوا يَوْمَ الْقِيَامَةِ ۚ إِنَّ اللَّهَ بِكُلِّ شَيْءٍ عَلِيمٌ﴾

Sila Rabbiin waan samii keessa jiruufi waan dachii keessa jiru kan beeku ta'uu hin argituu? Maqoon (iccitiin) gidduu namoota sadiitti, Inni afraffaa isaanii ta'u malee hin argamu, giddu namoota shaniittis Inni jahaffaa isaanii ta'u malee, giddu namoota sanaa gadiis ta'ee kan sanaa olii iddoma isaan ta’anitti isaan waliin ta’u malee (hin argamu)Ergasii, Guyyaa Qiyaamaa waan isaan dalagan (hunda) isaanitti odeessaDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti beekaadha.

﴿أَلَمْ تَرَ إِلَى الَّذِينَ نُهُوا عَنِ النَّجْوَىٰ ثُمَّ يَعُودُونَ لِمَا نُهُوا عَنْهُ وَيَتَنَاجَوْنَ بِالْإِثْمِ وَالْعُدْوَانِ وَمَعْصِيَتِ الرَّسُولِ وَإِذَا جَاءُوكَ حَيَّوْكَ بِمَا لَمْ يُحَيِّكَ بِهِ اللَّهُ وَيَقُولُونَ فِي أَنْفُسِهِمْ لَوْلَا يُعَذِّبُنَا اللَّهُ بِمَا نَقُولُ ۚ حَسْبُهُمْ جَهَنَّمُ يَصْلَوْنَهَا ۖ فَبِئْسَ الْمَصِيرُ﴾

Sila gara warra iccitii (badaa) irraa dhorgamanii, ergasii gara waan irraa dhorgamanii deebi'anii, akkasumas badii, miidhaafi ergamicha faallessuu irratti wal mari'atanuu hin ilaallee? Yeroo sitti dhufanis waan Rabbiin ittiin nagaa si hin gaafatiniin nagaa si gaafatuLubbuu isaanii keessatti (Gidduu isaaniitti) "dhuguma Muhammad yoo nabiyyii ta’eef) Rabbiin maaliif waan nuti jennuun nu hin adabne?" jedhuJahannam isaaniif ga'aadha; ishee seenuDeebichi (isaanii) waa fokkate!

﴿يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِذَا تَنَاجَيْتُمْ فَلَا تَتَنَاجَوْا بِالْإِثْمِ وَالْعُدْوَانِ وَمَعْصِيَتِ الرَّسُولِ وَتَنَاجَوْا بِالْبِرِّ وَالتَّقْوَىٰ ۖ وَاتَّقُوا اللَّهَ الَّذِي إِلَيْهِ تُحْشَرُونَ﴾

Yaa warra (Rabbitti) amantan! Yeroo iccitii dubbattan badii, miidhaafi faallaa ajaja ergamaa Rabbii irratti hin mari'atinaatii toltuufi sodaa Rabbii irratti mari'adhaaRabbii gara Isaatti oofamtanis sodaadhaa.

﴿إِنَّمَا النَّجْوَىٰ مِنَ الشَّيْطَانِ لِيَحْزُنَ الَّذِينَ آمَنُوا وَلَيْسَ بِضَارِّهِمْ شَيْئًا إِلَّا بِإِذْنِ اللَّهِ ۚ وَعَلَى اللَّهِ فَلْيَتَوَكَّلِ الْمُؤْمِنُونَ﴾

Dhugumatti, iccitiin (badaan) sheyxaana qofa irraayi(Sheyxaanni) warra amanan ittiin gaddisiisuf (kana hojjata)Eeyyama Rabbiitiin alas waan tokkollee isaan hin miidhuMu’uminoonnis Rabbiin qofa irratti haa hirkatan.

﴿يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِذَا قِيلَ لَكُمْ تَفَسَّحُوا فِي الْمَجَالِسِ فَافْسَحُوا يَفْسَحِ اللَّهُ لَكُمْ ۖ وَإِذَا قِيلَ انْشُزُوا فَانْشُزُوا يَرْفَعِ اللَّهُ الَّذِينَ آمَنُوا مِنْكُمْ وَالَّذِينَ أُوتُوا الْعِلْمَ دَرَجَاتٍ ۚ وَاللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ خَبِيرٌ﴾

Yaa warra (Rabbitti) amantan! Yeroo teessumma keessa waliif babal'isaa isiniin jedhame waliif babal'isaa; Rabbiin isiniif bal'isaaYeroo ka'aa jedhames ka'aaRabbiin isin irraa warra amananiifi isaan beekumsi kennameef sadarkaa baay’ee isaan ol kaasaRabbiinis waan isin hojjattan keessa Beekaadha.

﴿يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِذَا نَاجَيْتُمُ الرَّسُولَ فَقَدِّمُوا بَيْنَ يَدَيْ نَجْوَاكُمْ صَدَقَةً ۚ ذَٰلِكَ خَيْرٌ لَكُمْ وَأَطْهَرُ ۚ فَإِنْ لَمْ تَجِدُوا فَإِنَّ اللَّهَ غَفُورٌ رَحِيمٌ﴾

.
Yaa warra (Rabbitti) amantan! Yeroo ergamaa (Rabbii) wajjiin maqoo gochuu feetan, maqoo keessan dura sadaqaa heddu dursaa (kennaa)Kun isiniif irra caalaafi (dilii keessaniifis) irra qulquleessaadhaYoo (waan sadaqaa kennitan) hin argatin immoo, dhugumatti Rabbiin Araaramaa Rahmata Godhaadha.

﴿أَأَشْفَقْتُمْ أَنْ تُقَدِّمُوا بَيْنَ يَدَيْ نَجْوَاكُمْ صَدَقَاتٍ ۚ فَإِذْ لَمْ تَفْعَلُوا وَتَابَ اللَّهُ عَلَيْكُمْ فَأَقِيمُوا الصَّلَاةَ وَآتُوا الزَّكَاةَ وَأَطِيعُوا اللَّهَ وَرَسُولَهُ ۚ وَاللَّهُ خَبِيرٌ بِمَا تَعْمَلُونَ﴾

Sila maqoo keessan (kan Nabiyyii SAW wajjiin gootan) dura sadaqaa dursuu sodaattanii? Yoo raawwachuu baattanis Rabbiin dhiifama isiniif godheeraSalaata dhaabaa; zakaas kennaa; Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajamaaRabbiin waan isin hojjattan keessa beekaadha.

﴿۞ أَلَمْ تَرَ إِلَى الَّذِينَ تَوَلَّوْا قَوْمًا غَضِبَ اللَّهُ عَلَيْهِمْ مَا هُمْ مِنْكُمْ وَلَا مِنْهُمْ وَيَحْلِفُونَ عَلَى الْكَذِبِ وَهُمْ يَعْلَمُونَ﴾

Sila gara Isaan namoota Rabbiin itti dallane (Yahuudota) jaalallee godhatanii hin agarree? Isaan isin irraayis miti; isaan irraayis miti; odoo beekanuu kijiba irratti kakatu

﴿أَعَدَّ اللَّهُ لَهُمْ عَذَابًا شَدِيدًا ۖ إِنَّهُمْ سَاءَ مَا كَانُوا يَعْمَلُونَ﴾

Rabbiin adabbii cimaa isaanif qopheessee jiraDhugumatti, isaan wanti isaan hojjachaa turan waa fokkate!

﴿اتَّخَذُوا أَيْمَانَهُمْ جُنَّةً فَصَدُّوا عَنْ سَبِيلِ اللَّهِ فَلَهُمْ عَذَابٌ مُهِينٌ﴾

Kakuu isaanii gaachena taasifatanii karaa Rabbii irraa (namoota) deebisuKanaafuu, isaaniif adabbii xiqqeessaatu jira.

﴿لَنْ تُغْنِيَ عَنْهُمْ أَمْوَالُهُمْ وَلَا أَوْلَادُهُمْ مِنَ اللَّهِ شَيْئًا ۚ أُولَٰئِكَ أَصْحَابُ النَّارِ ۖ هُمْ فِيهَا خَالِدُونَ﴾

Qabeenyi isaaniifi ijoolleen isaaniis (adabbii) Rabbii irraa wama tokko isaan hin duroomsanuIsaan sun warra Ibiddaati; isaan ishee keessatti hafoodha.

﴿يَوْمَ يَبْعَثُهُمُ اللَّهُ جَمِيعًا فَيَحْلِفُونَ لَهُ كَمَا يَحْلِفُونَ لَكُمْ ۖ وَيَحْسَبُونَ أَنَّهُمْ عَلَىٰ شَيْءٍ ۚ أَلَا إِنَّهُمْ هُمُ الْكَاذِبُونَ﴾

Guyyaa Rabbiin hunda isaanii (murtiif) kaasu sana akkuma isiniif kakataa turan Isaafis (Rabbiifis) kakatuWaan (haqa) wahii irra jiran of se'uDhagayaa! dhugumatti, isaanumatu sobdoota.

﴿اسْتَحْوَذَ عَلَيْهِمُ الشَّيْطَانُ فَأَنْسَاهُمْ ذِكْرَ اللَّهِ ۚ أُولَٰئِكَ حِزْبُ الشَّيْطَانِ ۚ أَلَا إِنَّ حِزْبَ الشَّيْطَانِ هُمُ الْخَاسِرُونَ﴾

Sheyxaanni isaan irratti moo'ee faaruu Rabbii isaan dagachiiseeraIsaan garee sheyxaanatiDhaga'aa! Dhugumatti, gareen sheyxaanaa isaanumatu hoonga’oodha.

﴿إِنَّ الَّذِينَ يُحَادُّونَ اللَّهَ وَرَسُولَهُ أُولَٰئِكَ فِي الْأَذَلِّينَ﴾

Isaan Rabbiifi ergamaa isaa faallessan, isaan sun warra gadi aanoo keessa ta’u..

﴿كَتَبَ اللَّهُ لَأَغْلِبَنَّ أَنَا وَرُسُلِي ۚ إِنَّ اللَّهَ قَوِيٌّ عَزِيزٌ﴾

Rabbiin "dhugumatti, Anaafi Ergamtoonni Kiyya ni mo'anna" (jechuun) murteesseeraDhugumatti, Rabbiin Jabaa, Injifataadha.

﴿لَا تَجِدُ قَوْمًا يُؤْمِنُونَ بِاللَّهِ وَالْيَوْمِ الْآخِرِ يُوَادُّونَ مَنْ حَادَّ اللَّهَ وَرَسُولَهُ وَلَوْ كَانُوا آبَاءَهُمْ أَوْ أَبْنَاءَهُمْ أَوْ إِخْوَانَهُمْ أَوْ عَشِيرَتَهُمْ ۚ أُولَٰئِكَ كَتَبَ فِي قُلُوبِهِمُ الْإِيمَانَ وَأَيَّدَهُمْ بِرُوحٍ مِنْهُ ۖ وَيُدْخِلُهُمْ جَنَّاتٍ تَجْرِي مِنْ تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ خَالِدِينَ فِيهَا ۚ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُمْ وَرَضُوا عَنْهُ ۚ أُولَٰئِكَ حِزْبُ اللَّهِ ۚ أَلَا إِنَّ حِزْبَ اللَّهِ هُمُ الْمُفْلِحُونَ﴾

Ummata Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amananu, namoota Rabbiifi ergamaa Isaa morman odoma abbootii isaanii, yookiin ilmaan isaanii, yookiin obboleeyyan isaanii, yookiin firoota isaanii ta'anillee, kan (isaan keessaan) jaallatanu hin argituIsaan sana (Rabbiin) onnee isaanii keessatti iimaana barreessee jira; tumsa Isa irraa ta'eenis isaan jabeesseeraJannatoota laggeen ishee jala yaatus achi keessaatti hafoo haala ta'aniin isaan seensisaRabbiin isaan irraa jaallateera; isaanis Isa irraa jaalataniiruIsaan garee RabbiitiDhagayaa! Dhugumatti, cifraan (gareen) Rabbii isaantu milkaawoodha.

الترجمات والتفاسير لهذه السورة: