آل عمران

تفسير سورة آل عمران

الترجمة الأورومية

Oromoo

الترجمة الأورومية

ترجمة معاني القرآن الكريم للغة الاورومية ترجمها غالي ابابور اباغونا، عام الطبعة 2009م

﴿بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ الم﴾

Alif Laam Miim

﴿اللَّهُ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ الْحَيُّ الْقَيُّومُ﴾

Rabbiin Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru[Inni] jiraataa, waan hundaan dhaabbataadha.

﴿نَزَّلَ عَلَيْكَ الْكِتَابَ بِالْحَقِّ مُصَدِّقًا لِمَا بَيْنَ يَدَيْهِ وَأَنْزَلَ التَّوْرَاةَ وَالْإِنْجِيلَ﴾

Waan isaan duraa kan dhugoomsu haala ta'een kitaaba dhugaadhaan sirratti buuseTawraatiifi Injiiliinis ni buuse.

﴿مِنْ قَبْلُ هُدًى لِلنَّاسِ وَأَنْزَلَ الْفُرْقَانَ ۗ إِنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا بِآيَاتِ اللَّهِ لَهُمْ عَذَابٌ شَدِيدٌ ۗ وَاللَّهُ عَزِيزٌ ذُو انْتِقَامٍ﴾

[Qur’aana] dura namootaaf qajeelfama godhee [isaan buuse]Dhugaafi soba adda baasaas ni buuseDhugumatti, warri keeyyattoota Rabbiitti kafaran isaaniif adabbii cimaatu jiraRabbiin injifataa, abbaa haaloo bayannaati.

﴿إِنَّ اللَّهَ لَا يَخْفَىٰ عَلَيْهِ شَيْءٌ فِي الْأَرْضِ وَلَا فِي السَّمَاءِ﴾

Dhugumatti, Rabbiin dachii keessattis ta’ee samii keessatti homtuu isa jalaa hin dhokatu.

﴿هُوَ الَّذِي يُصَوِّرُكُمْ فِي الْأَرْحَامِ كَيْفَ يَشَاءُ ۚ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ﴾

Inni Isa gadaamessa keessatti akka fedhetti isin bocuHaqaan gabbaramaan isa malee hin jiru[Inni] injifataa, ogeessa.

﴿هُوَ الَّذِي أَنْزَلَ عَلَيْكَ الْكِتَابَ مِنْهُ آيَاتٌ مُحْكَمَاتٌ هُنَّ أُمُّ الْكِتَابِ وَأُخَرُ مُتَشَابِهَاتٌ ۖ فَأَمَّا الَّذِينَ فِي قُلُوبِهِمْ زَيْغٌ فَيَتَّبِعُونَ مَا تَشَابَهَ مِنْهُ ابْتِغَاءَ الْفِتْنَةِ وَابْتِغَاءَ تَأْوِيلِهِ ۗ وَمَا يَعْلَمُ تَأْوِيلَهُ إِلَّا اللَّهُ ۗ وَالرَّاسِخُونَ فِي الْعِلْمِ يَقُولُونَ آمَنَّا بِهِ كُلٌّ مِنْ عِنْدِ رَبِّنَا ۗ وَمَا يَذَّكَّرُ إِلَّا أُولُو الْأَلْبَابِ﴾

Inni isa sirratti kitaaba buuseIsa irraa keeyyata ifaatu jiraIsaan bu’uura kitaabaatiKan biraa immoo wal fafakkaattuudhaWarri onnee isaanii keessa jal’inni jiru fitnaa barbaachaaf yookiin hiika isa dhokataa barbaachaaf jecha isa wal fafakkaataa hordofuHiika isaa isa dhokataa Rabbiin malee homtuu hin beekuWarri beekumsa keessa fagaatan immoo “hundinuu Rabbii keenya biraayyii itti amanne” jedhuWarra sammuu qabu malee namni biroo hin gorfamu.

﴿رَبَّنَا لَا تُزِغْ قُلُوبَنَا بَعْدَ إِذْ هَدَيْتَنَا وَهَبْ لَنَا مِنْ لَدُنْكَ رَحْمَةً ۚ إِنَّكَ أَنْتَ الْوَهَّابُ﴾

[Isaanis ni jedhu]: “Gooftaa keenya! Erga nu qajeelchitee booda onnee keenya [dhugaa irraa] hin jal'isinRahmata Si biraa ta’e nuuf kenniDhugumatti Ati akkaan kennaadha.

﴿رَبَّنَا إِنَّكَ جَامِعُ النَّاسِ لِيَوْمٍ لَا رَيْبَ فِيهِ ۚ إِنَّ اللَّهَ لَا يُخْلِفُ الْمِيعَادَ﴾

Gooftaa keenya! Ati guyyaa isa keessa mamiin hin jirreef nama walitti qabuuf jirtaDhugumatti Rabbiin beellama kan diiguu miti" [jedhu].

﴿إِنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا لَنْ تُغْنِيَ عَنْهُمْ أَمْوَالُهُمْ وَلَا أَوْلَادُهُمْ مِنَ اللَّهِ شَيْئًا ۖ وَأُولَٰئِكَ هُمْ وَقُودُ النَّارِ﴾

Dhugumatti isaan kafaran qabeenyiifi ilmaan isaanii Rabbirraa (adaba Isaa irraa) homaa isaan hin duroomsituAmmas warri sun qoraan ibiddaati

﴿كَدَأْبِ آلِ فِرْعَوْنَ وَالَّذِينَ مِنْ قَبْلِهِمْ ۚ كَذَّبُوا بِآيَاتِنَا فَأَخَذَهُمُ اللَّهُ بِذُنُوبِهِمْ ۗ وَاللَّهُ شَدِيدُ الْعِقَابِ﴾

| [Haalli isaanii] akka naamusa namoota Fir’awniifi warra isaan dura turaniitiKeeyyattoota keenya kijibsiisanii Rabbiin badii isaanitiin isaan qabeRabbiin abbaa adabbii cimaati.

﴿قُلْ لِلَّذِينَ كَفَرُوا سَتُغْلَبُونَ وَتُحْشَرُونَ إِلَىٰ جَهَنَّمَ ۚ وَبِئْسَ الْمِهَادُ﴾

Isaan kafaraniin jedhi: “fuulduratti ni injifatamtu; gara jahannamittis ni oofamtuIddoon qubannichaas fokkateera.”

﴿قَدْ كَانَ لَكُمْ آيَةٌ فِي فِئَتَيْنِ الْتَقَتَا ۖ فِئَةٌ تُقَاتِلُ فِي سَبِيلِ اللَّهِ وَأُخْرَىٰ كَافِرَةٌ يَرَوْنَهُمْ مِثْلَيْهِمْ رَأْيَ الْعَيْنِ ۚ وَاللَّهُ يُؤَيِّدُ بِنَصْرِهِ مَنْ يَشَاءُ ۗ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَعِبْرَةً لِأُولِي الْأَبْصَارِ﴾

Dhugumatti, gareewwan waraanaa lamaan [guyyaa Badrii] wal qunnaman keessa mallattootu isiniif jiraGareen tokko karaa Rabbii keessatti loltiIsheen biraa immoo kaafiraIsaan (kaafiroonni) ilaalcha ijaatiin (lakkoofsa Muslimootaa) dachaa isaanii ta’anii isaan arguRabbiin nama fedhe tumsa Isaatiin isa deeggaraDhugumatti warra sammuu qabaniif kana keessa gorsatu jira.

﴿زُيِّنَ لِلنَّاسِ حُبُّ الشَّهَوَاتِ مِنَ النِّسَاءِ وَالْبَنِينَ وَالْقَنَاطِيرِ الْمُقَنْطَرَةِ مِنَ الذَّهَبِ وَالْفِضَّةِ وَالْخَيْلِ الْمُسَوَّمَةِ وَالْأَنْعَامِ وَالْحَرْثِ ۗ ذَٰلِكَ مَتَاعُ الْحَيَاةِ الدُّنْيَا ۖ وَاللَّهُ عِنْدَهُ حُسْنُ الْمَآبِ﴾

Namootaaf jaalalli wantoota lubbuun isaanii feetuu kan dubartootaafi ilmaan irraa, warqeefi meeta kuufamaa irraa, faradoo malateeffamtee miidhagfamte, beelladaafi dachii qonnaaf mijooftu irraa ta’e miidhagfamee jiraKun meeshaa jireenya addunyaatiRabbiin immoo Isa bira deebii bareedaatu jira.

﴿۞ قُلْ أَؤُنَبِّئُكُمْ بِخَيْرٍ مِنْ ذَٰلِكُمْ ۚ لِلَّذِينَ اتَّقَوْا عِنْدَ رَبِّهِمْ جَنَّاتٌ تَجْرِي مِنْ تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ خَالِدِينَ فِيهَا وَأَزْوَاجٌ مُطَهَّرَةٌ وَرِضْوَانٌ مِنَ اللَّهِ ۗ وَاللَّهُ بَصِيرٌ بِالْعِبَادِ﴾

Jedhi: “Sila waan sana caalu isiniif odeessuu? Isaan Rabbiin sodaataniif Gooftaa isaanii bira jannata laggeen ishee jala yaatu kan yeroo hunda ishee keessa jiraatantu isaaniif jiraAmmas niitolii qulqulleeffamaniifi jaalala Rabbiin biraa ta’etu [isaaniif jira]Rabbiin gabroota argaadha."

﴿الَّذِينَ يَقُولُونَ رَبَّنَا إِنَّنَا آمَنَّا فَاغْفِرْ لَنَا ذُنُوبَنَا وَقِنَا عَذَابَ النَّارِ﴾

Isaan warra “Gooftaa keenya! Dhugumatti, nuti amanneerra; kanaaf badii keenya nuuf araarami; adabbii ibiddaas nu baraari” jedhan.

﴿الصَّابِرِينَ وَالصَّادِقِينَ وَالْقَانِتِينَ وَالْمُنْفِقِينَ وَالْمُسْتَغْفِرِينَ بِالْأَسْحَارِ﴾

Obsitoota, dhugaa dubbattoota, [Rabbiif] ajajamtoota, kennattootaafi warra obboroo keessa dhiifama kadhatanin [faarsa].

﴿شَهِدَ اللَّهُ أَنَّهُ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ وَالْمَلَائِكَةُ وَأُولُو الْعِلْمِ قَائِمًا بِالْقِسْطِ ۚ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ﴾

Rabbiin haqaan dhaabbataa ta’ee akka Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jirre ragaa ba’e; maleeykonniifi warri beekumsaas [ragaa ba’aniiru]Isa hunda injifataa, ogeessa malee haqaan gabbaramaan hin jiru.

﴿إِنَّ الدِّينَ عِنْدَ اللَّهِ الْإِسْلَامُ ۗ وَمَا اخْتَلَفَ الَّذِينَ أُوتُوا الْكِتَابَ إِلَّا مِنْ بَعْدِ مَا جَاءَهُمُ الْعِلْمُ بَغْيًا بَيْنَهُمْ ۗ وَمَنْ يَكْفُرْ بِآيَاتِ اللَّهِ فَإِنَّ اللَّهَ سَرِيعُ الْحِسَابِ﴾

Dhugumatti amantiin Rabbiin biratti [fudhatama qabu] Islaama qofaIsaan kitaabni kennameef erga beekumsi isaaniif dhufee booda jibbaa gidduu isaanii jiruuf jecha malee [san dura] wal hin dhabneNamni keeyyattoota Rabbiitti kafare dhugumatti Rabbiin ariifataa qormaataati.

﴿فَإِنْ حَاجُّوكَ فَقُلْ أَسْلَمْتُ وَجْهِيَ لِلَّهِ وَمَنِ اتَّبَعَنِ ۗ وَقُلْ لِلَّذِينَ أُوتُوا الْكِتَابَ وَالْأُمِّيِّينَ أَأَسْلَمْتُمْ ۚ فَإِنْ أَسْلَمُوا فَقَدِ اهْتَدَوْا ۖ وَإِنْ تَوَلَّوْا فَإِنَّمَا عَلَيْكَ الْبَلَاغُ ۗ وَاللَّهُ بَصِيرٌ بِالْعِبَادِ﴾

Yoo isaan siin falmanis: “Ani fedha Rabbii jala butameera; namni ana hordofes [akkasuma]” jedhiWarra kitaabni isaaniif kennameefi wallaaltotaanis “sila islaamoftaniittuu?” jedhiYoo islaama'aniif dhugumatti qajeelaniiruYoo irraa garagalan wanti sirra jiru ergaa geessisuu qofaRabbiin gabroota argaadha.

﴿إِنَّ الَّذِينَ يَكْفُرُونَ بِآيَاتِ اللَّهِ وَيَقْتُلُونَ النَّبِيِّينَ بِغَيْرِ حَقٍّ وَيَقْتُلُونَ الَّذِينَ يَأْمُرُونَ بِالْقِسْطِ مِنَ النَّاسِ فَبَشِّرْهُمْ بِعَذَابٍ أَلِيمٍ﴾

Dhugumatti isaan keeyyattoota Rabbiitti kafaranu, karaan ala nabiyyoota ajjeesanuufi namoota irraas warra haqatti ajajanis ajjeesanu, adabbii laalessaan isaan gammachiisi.

﴿أُولَٰئِكَ الَّذِينَ حَبِطَتْ أَعْمَالُهُمْ فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ وَمَا لَهُمْ مِنْ نَاصِرِينَ﴾

Isaan warra dalagaaleen isaanii addunyaafi Aakhirattis jalaa baddeedhaIsaaniif tumsitoonni hin jiran.

﴿أَلَمْ تَرَ إِلَى الَّذِينَ أُوتُوا نَصِيبًا مِنَ الْكِتَابِ يُدْعَوْنَ إِلَىٰ كِتَابِ اللَّهِ لِيَحْكُمَ بَيْنَهُمْ ثُمَّ يَتَوَلَّىٰ فَرِيقٌ مِنْهُمْ وَهُمْ مُعْرِضُونَ﴾

Sila gara isaan kitaaba irraa qoodni wahii isaaniif kennamee hin ilaallee? Akka jidduu isaaniitti murteessuuf gara kitaaba Rabbii waamamanii ergasii gareen isaan irraa ta’e didaa ta’ee gara gala.

﴿ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ قَالُوا لَنْ تَمَسَّنَا النَّارُ إِلَّا أَيَّامًا مَعْدُودَاتٍ ۖ وَغَرَّهُمْ فِي دِينِهِمْ مَا كَانُوا يَفْتَرُونَ﴾

Kun waan isaan “ibiddi guyyoota lakkaa’amtuu malee nu hin tuqxu” jedhaniifiKijibni isaan [of biraa] uumaa turan amantii isaanii keessatti isaan gowwoomse.

﴿فَكَيْفَ إِذَا جَمَعْنَاهُمْ لِيَوْمٍ لَا رَيْبَ فِيهِ وَوُفِّيَتْ كُلُّ نَفْسٍ مَا كَسَبَتْ وَهُمْ لَا يُظْلَمُونَ﴾

Sila yeroo Nuti guyyaa mamii hin qabneef walitti isaan qabnee lubbuun hundi waan hojjatte guutuutti argatte akkam ta’u? Garuu isaan hin miidhamanu.

﴿قُلِ اللَّهُمَّ مَالِكَ الْمُلْكِ تُؤْتِي الْمُلْكَ مَنْ تَشَاءُ وَتَنْزِعُ الْمُلْكَ مِمَّنْ تَشَاءُ وَتُعِزُّ مَنْ تَشَاءُ وَتُذِلُّ مَنْ تَشَاءُ ۖ بِيَدِكَ الْخَيْرُ ۖ إِنَّكَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ﴾

[Yaa Muhammad!] jedhi: "yaa Rabbii abbaa mootummaa taate! Mootummaa nama feeteef kennita; nama feete irraa immoo mootummaa mulqitaNama feetes ni jabeessitaNama feetes ni xiqqeessitaToltuun hundi harka kee jiraDhugumatti Ati waan hunda irratti danda’aadha.

﴿تُولِجُ اللَّيْلَ فِي النَّهَارِ وَتُولِجُ النَّهَارَ فِي اللَّيْلِ ۖ وَتُخْرِجُ الْحَيَّ مِنَ الْمَيِّتِ وَتُخْرِجُ الْمَيِّتَ مِنَ الْحَيِّ ۖ وَتَرْزُقُ مَنْ تَشَاءُ بِغَيْرِ حِسَابٍ﴾

Halkan guyyaa keessa seensiftaGuyyaas halkan keessa seensiftaDu’aa irraas jiraa baaftaJiraa irraas du’aa baaftaNama feetes herrega malee soorta" [jedhi]

﴿لَا يَتَّخِذِ الْمُؤْمِنُونَ الْكَافِرِينَ أَوْلِيَاءَ مِنْ دُونِ الْمُؤْمِنِينَ ۖ وَمَنْ يَفْعَلْ ذَٰلِكَ فَلَيْسَ مِنَ اللَّهِ فِي شَيْءٍ إِلَّا أَنْ تَتَّقُوا مِنْهُمْ تُقَاةً ۗ وَيُحَذِّرُكُمُ اللَّهُ نَفْسَهُ ۗ وَإِلَى اللَّهِ الْمَصِيرُ﴾

Mu’uminoonni mu’uminootaan alatti kaafiroota jaalallee hin godhatinYoo eeggannaa wahii isaan irraa eeggachuuf ta’e malee namni kana dalage, [diinii] Rabbii irraa homaa keessa hin jiruRabbiin nafsii Isaa (adabbii Isaa) isin sodaachisaDeebiinis garuma Rabbiiti.

﴿قُلْ إِنْ تُخْفُوا مَا فِي صُدُورِكُمْ أَوْ تُبْدُوهُ يَعْلَمْهُ اللَّهُ ۗ وَيَعْلَمُ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۗ وَاللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ﴾

“Yoo waan qoma keessan keessa jiru dhoksitan yookiin isa mul’iftanis Rabbiin isa beeka[Inni] waan samii keessa jiruufi waan dachii keessa jiru ni beekaRabbiin waan hunda danda’aadha” jedhi!

﴿يَوْمَ تَجِدُ كُلُّ نَفْسٍ مَا عَمِلَتْ مِنْ خَيْرٍ مُحْضَرًا وَمَا عَمِلَتْ مِنْ سُوءٍ تَوَدُّ لَوْ أَنَّ بَيْنَهَا وَبَيْنَهُ أَمَدًا بَعِيدًا ۗ وَيُحَذِّرُكُمُ اللَّهُ نَفْسَهُ ۗ وَاللَّهُ رَءُوفٌ بِالْعِبَادِ﴾

Guyyaa lubbuun hundi toltuu irraa waan hojjatte dhiyaataa ta'ee argitu [yaadadhu]Hamtuu irraa waan hojjatte immoo odoo jidduu isheetiifi jidduu isaa fageenyi dheeraan jiraatee jaal’attiRabbiin nafsii Isaa isin sodaachisaRabbiin gabroota akkaan mararfataadha.

﴿قُلْ إِنْ كُنْتُمْ تُحِبُّونَ اللَّهَ فَاتَّبِعُونِي يُحْبِبْكُمُ اللَّهُ وَيَغْفِرْ لَكُمْ ذُنُوبَكُمْ ۗ وَاللَّهُ غَفُورٌ رَحِيمٌ﴾

”Yoo kan Rabbiin jaallattan taataniif ana hordofaa Rabbiin isin jaallata; badii keessanis isiniif araaramaRabbiin araaramaa, rahmata godhaadha” jedhiin.

﴿قُلْ أَطِيعُوا اللَّهَ وَالرَّسُولَ ۖ فَإِنْ تَوَلَّوْا فَإِنَّ اللَّهَ لَا يُحِبُّ الْكَافِرِينَ﴾

”Rabbiifi ergamaan bulaa” jedhiYoo irraa garagalaniif [kafaraniiru]Dhugumatti Rabbiin kaafiroota hin jaalatu.

﴿۞ إِنَّ اللَّهَ اصْطَفَىٰ آدَمَ وَنُوحًا وَآلَ إِبْرَاهِيمَ وَآلَ عِمْرَانَ عَلَى الْعَالَمِينَ﴾

Dhugumatti Rabbiin Aadam, Nuuh, maatii Ibraahimiifi maatii Imraan aalama hunda irra filateera.

﴿ذُرِّيَّةً بَعْضُهَا مِنْ بَعْضٍ ۗ وَاللَّهُ سَمِيعٌ عَلِيمٌ﴾

Sanyii gariin ishee garii irraa taate san [filate]Rabbiin dhagayaa, beekaadha.

﴿إِذْ قَالَتِ امْرَأَتُ عِمْرَانَ رَبِّ إِنِّي نَذَرْتُ لَكَ مَا فِي بَطْنِي مُحَرَّرًا فَتَقَبَّلْ مِنِّي ۖ إِنَّكَ أَنْتَ السَّمِيعُ الْعَلِيمُ﴾

Yeroo niitiin Imraan “Gooftaa kiyya! ani waan garaa kiyya keessa jiru bilisa godhee siif nazareeraa narraa qeebali” jette [yaadadhu]Dhugumatti Ati simatu dhagayaa, beekaadha.”

﴿فَلَمَّا وَضَعَتْهَا قَالَتْ رَبِّ إِنِّي وَضَعْتُهَا أُنْثَىٰ وَاللَّهُ أَعْلَمُ بِمَا وَضَعَتْ وَلَيْسَ الذَّكَرُ كَالْأُنْثَىٰ ۖ وَإِنِّي سَمَّيْتُهَا مَرْيَمَ وَإِنِّي أُعِيذُهَا بِكَ وَذُرِّيَّتَهَا مِنَ الشَّيْطَانِ الرَّجِيمِ﴾

Yeroma ishee deesses “Gooftaa kiyya! ani dubran daye" jetteRabbiin irra beekaa waan isheen deesseeti“Dhiirri akka durbaa hin taaneAnis Maryamitti ishee moggaaseeraAni sheyxaana abaaramaa irraa isheefi sanyii ishees siinan tiksa” [jette].

﴿فَتَقَبَّلَهَا رَبُّهَا بِقَبُولٍ حَسَنٍ وَأَنْبَتَهَا نَبَاتًا حَسَنًا وَكَفَّلَهَا زَكَرِيَّا ۖ كُلَّمَا دَخَلَ عَلَيْهَا زَكَرِيَّا الْمِحْرَابَ وَجَدَ عِنْدَهَا رِزْقًا ۖ قَالَ يَا مَرْيَمُ أَنَّىٰ لَكِ هَٰذَا ۖ قَالَتْ هُوَ مِنْ عِنْدِ اللَّهِ ۖ إِنَّ اللَّهَ يَرْزُقُ مَنْ يَشَاءُ بِغَيْرِ حِسَابٍ﴾

Gooftaan ishee qeebaltii gaarii ta’een ishee qeebaleGuddina gaariis ishee guddiseZakariyyaan itti gaafatama ishee fudhateZakariyyaan dhawaatuma ishee irratti mihraaba seenuun soorata ishee biratti arga“Yaa maryam kun eessaa siif dhufa?” jedhe“Inni Rabbiin biraayyi” jetteDhugumatti Rabbiin nama fedhe herrega malee soora.

﴿هُنَالِكَ دَعَا زَكَرِيَّا رَبَّهُ ۖ قَالَ رَبِّ هَبْ لِي مِنْ لَدُنْكَ ذُرِّيَّةً طَيِّبَةً ۖ إِنَّكَ سَمِيعُ الدُّعَاءِ﴾

Bakka sanatti Zakariyyaan “Gooftaa kiyya! Ati Suma biraa ilmaan gaarii naaf kenniDhugumatti Ati dhagayaa kadhaati" jedhe.

﴿فَنَادَتْهُ الْمَلَائِكَةُ وَهُوَ قَائِمٌ يُصَلِّي فِي الْمِحْرَابِ أَنَّ اللَّهَ يُبَشِّرُكَ بِيَحْيَىٰ مُصَدِّقًا بِكَلِمَةٍ مِنَ اللَّهِ وَسَيِّدًا وَحَصُورًا وَنَبِيًّا مِنَ الصَّالِحِينَ﴾

Malaa’ikoonnis isaa mihraaba keessa sagadaaf dhaabbataa jiruu “Dhugumatti Rabbiin Yahyaa, dhugoomsaa jecha Rabbi irraa ta'e, caalaa, qunnamtii saalaa irraa eegamaafi nabiyyii gaggaarii irraa ta’een si gammachiisa" [jettee] isatti lallabde.

﴿قَالَ رَبِّ أَنَّىٰ يَكُونُ لِي غُلَامٌ وَقَدْ بَلَغَنِيَ الْكِبَرُ وَامْرَأَتِي عَاقِرٌ ۖ قَالَ كَذَٰلِكَ اللَّهُ يَفْعَلُ مَا يَشَاءُ﴾

[Innis] “yaa Gooftaa kiyya! Sila ani odoo dhugaatti dullumni na qabee jiruufi niitiin kiyyas maseena taatee jirtuu akkamittin ilma argadha?" jedhe[Rabbiinis] “Akka kanatti Rabbiin waan fedhe hojjata” jedheen.

﴿قَالَ رَبِّ اجْعَلْ لِي آيَةً ۖ قَالَ آيَتُكَ أَلَّا تُكَلِّمَ النَّاسَ ثَلَاثَةَ أَيَّامٍ إِلَّا رَمْزًا ۗ وَاذْكُرْ رَبَّكَ كَثِيرًا وَسَبِّحْ بِالْعَشِيِّ وَالْإِبْكَارِ﴾

[Innis] “yaa Gooftaa kiyya! mallattoo naaf taasisi” jedhe(Rabbiinis) “Guyyoota sadii mallattoon malee namootatti dubbachuu dhabuu keeti.[] Gooftaa keetis baay’inaan faarsiGalgalaafi ganamas Isa qulqulleessi” jedheen.

﴿وَإِذْ قَالَتِ الْمَلَائِكَةُ يَا مَرْيَمُ إِنَّ اللَّهَ اصْطَفَاكِ وَطَهَّرَكِ وَاصْطَفَاكِ عَلَىٰ نِسَاءِ الْعَالَمِينَ﴾

Yeroo Malaa’ikoonni “Yaa Maryam! Dhugumatti Rabbiin si filateeraSi qulqulleesseerasDubartoota aalama hundaa irras si filateera” jedhan [yaadadhu].

﴿يَا مَرْيَمُ اقْنُتِي لِرَبِّكِ وَاسْجُدِي وَارْكَعِي مَعَ الرَّاكِعِينَ﴾

”Yaa Maryam! Gooftaa keetiif akkaan ajajamiSujuudas godhiWarra gadi jedhan waliinis gadi jedhi (rukuu’a godhi)."

﴿ذَٰلِكَ مِنْ أَنْبَاءِ الْغَيْبِ نُوحِيهِ إِلَيْكَ ۚ وَمَا كُنْتَ لَدَيْهِمْ إِذْ يُلْقُونَ أَقْلَامَهُمْ أَيُّهُمْ يَكْفُلُ مَرْيَمَ وَمَا كُنْتَ لَدَيْهِمْ إِذْ يَخْتَصِمُونَ﴾

Kun oduuwwan fagoo kan Nuti gara keetti beeksifnuudhaYeroo ‘eenyu Maryamiin akka guddisu’ carraa isaanii darban ati isaan bira hin turreYeroo isaan wal falmanis ati isaan bira hin turre.

﴿إِذْ قَالَتِ الْمَلَائِكَةُ يَا مَرْيَمُ إِنَّ اللَّهَ يُبَشِّرُكِ بِكَلِمَةٍ مِنْهُ اسْمُهُ الْمَسِيحُ عِيسَى ابْنُ مَرْيَمَ وَجِيهًا فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ وَمِنَ الْمُقَرَّبِينَ﴾

Yeroo malaa’ikoonni “yaa Maryam! dhugumatti Rabbiin jecha Isa biraa ta’e, kan maqaan isaa Al-Masiih Iisaa ilma Maryam jedhamu, kan addunyaafi Aakhiraattis kabajamaafi warra Rabbitti dhiheeffaman irraa ta’een si gammachiisa” jette [yaadadhu]

﴿وَيُكَلِّمُ النَّاسَ فِي الْمَهْدِ وَكَهْلًا وَمِنَ الصَّالِحِينَ﴾

Daa’imummaafi erga guddateeyis namaan dubbataWarra gaggaarii irraayis ta’a.

﴿قَالَتْ رَبِّ أَنَّىٰ يَكُونُ لِي وَلَدٌ وَلَمْ يَمْسَسْنِي بَشَرٌ ۖ قَالَ كَذَٰلِكِ اللَّهُ يَخْلُقُ مَا يَشَاءُ ۚ إِذَا قَضَىٰ أَمْرًا فَإِنَّمَا يَقُولُ لَهُ كُنْ فَيَكُونُ﴾

[Maryamis] “yaa Gooftaa kiyya! Odoo namni tokkollee ana hin tuqne akkamitti ilmi naaf argama?” jette[Rabbiinis] “Akka kanatti Rabbiin waan fedhe uumaInni yeroo waan tokko murteesse ‘ta’i!’ qofa isaan jedha; yeroma san ta’a” jedhe.

﴿وَيُعَلِّمُهُ الْكِتَابَ وَالْحِكْمَةَ وَالتَّوْرَاةَ وَالْإِنْجِيلَ﴾

(Rabbiin) Barreeffama, ogummaa, Tawraatiifi Injiiliinis isa barsiisa.”

﴿وَرَسُولًا إِلَىٰ بَنِي إِسْرَائِيلَ أَنِّي قَدْ جِئْتُكُمْ بِآيَةٍ مِنْ رَبِّكُمْ ۖ أَنِّي أَخْلُقُ لَكُمْ مِنَ الطِّينِ كَهَيْئَةِ الطَّيْرِ فَأَنْفُخُ فِيهِ فَيَكُونُ طَيْرًا بِإِذْنِ اللَّهِ ۖ وَأُبْرِئُ الْأَكْمَهَ وَالْأَبْرَصَ وَأُحْيِي الْمَوْتَىٰ بِإِذْنِ اللَّهِ ۖ وَأُنَبِّئُكُمْ بِمَا تَأْكُلُونَ وَمَا تَدَّخِرُونَ فِي بُيُوتِكُمْ ۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَةً لَكُمْ إِنْ كُنْتُمْ مُؤْمِنِينَ﴾

Gara ilmaan Israa’iilittis ergamaa [isa godha]“Ani dhugumatti Gooftaa keessan irraa raajiidhaanan isinitti dhufeAni dhoqqee irraa waan akka allaattiin isiniif uuma; isa keessattis nan afuufa; eeyyama Rabbiitiin allaattiis ni ta’aEeyyama Rabbiitiin jaamaafi lamxii nan fayyisaEeyyama Rabbiitiin du’aas nan jiraachisaWaan isin nyaattaniifi waan isin manneen keessan keessa ol kaayattanis isinittin himaDhugumatti kana keessa yoo kan amantan taataniif mallattoo gaariitu isiniif jira.

﴿وَمُصَدِّقًا لِمَا بَيْنَ يَدَيَّ مِنَ التَّوْرَاةِ وَلِأُحِلَّ لَكُمْ بَعْضَ الَّذِي حُرِّمَ عَلَيْكُمْ ۚ وَجِئْتُكُمْ بِآيَةٍ مِنْ رَبِّكُمْ فَاتَّقُوا اللَّهَ وَأَطِيعُونِ﴾

Waan na dura ture Tawraatiin kanan dhugoomsu ta'ee garii wantoota dhorgaa isin irratti taasifamanii halaala isiniif taasisuuf jechan ragaa Gooftaa keessan irraa ta’een isinitti dhufeRabbiin sodaadhaatii anaaf ajajamaa.

﴿إِنَّ اللَّهَ رَبِّي وَرَبُّكُمْ فَاعْبُدُوهُ ۗ هَٰذَا صِرَاطٌ مُسْتَقِيمٌ﴾

Dhugumatti Rabbiin Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan; kanaafuu Isa gabbaraaKun karaa qajeelaadha.”

﴿۞ فَلَمَّا أَحَسَّ عِيسَىٰ مِنْهُمُ الْكُفْرَ قَالَ مَنْ أَنْصَارِي إِلَى اللَّهِ ۖ قَالَ الْحَوَارِيُّونَ نَحْنُ أَنْصَارُ اللَّهِ آمَنَّا بِاللَّهِ وَاشْهَدْ بِأَنَّا مُسْلِمُونَ﴾

Iisaan yeroma kufrii isaan irraa hubatu “namni [waamicha ani] gara Rabbiitti godhu keessatti na tumsu eenyu?” jedheHawaariyyoonnis “nutu tumsitoota Rabbiiti.[] Rabbitti amanneerraAkka nuti Muslimoota taanes ragaa nuuf ba’i” jedhan.

﴿رَبَّنَا آمَنَّا بِمَا أَنْزَلْتَ وَاتَّبَعْنَا الرَّسُولَ فَاكْتُبْنَا مَعَ الشَّاهِدِينَ﴾

“Yaa Gooftaa keenya! Nuti waan Ati buuftetti amanneerraErgamicha (Iisaas) hordofne; kanaafuu warra [Rabbiin malee Gooftaan biraa akka hin jirre] ragaa ba’an wajjin nu barreessi” [jedhan].

﴿وَمَكَرُوا وَمَكَرَ اللَّهُ ۖ وَاللَّهُ خَيْرُ الْمَاكِرِينَ﴾

Isaanis tooftaa baasani; Rabbiinis tooftaa baaseRabbiin immoo irra caalaa warra tooftaa baasuuti.

﴿إِذْ قَالَ اللَّهُ يَا عِيسَىٰ إِنِّي مُتَوَفِّيكَ وَرَافِعُكَ إِلَيَّ وَمُطَهِّرُكَ مِنَ الَّذِينَ كَفَرُوا وَجَاعِلُ الَّذِينَ اتَّبَعُوكَ فَوْقَ الَّذِينَ كَفَرُوا إِلَىٰ يَوْمِ الْقِيَامَةِ ۖ ثُمَّ إِلَيَّ مَرْجِعُكُمْ فَأَحْكُمُ بَيْنَكُمْ فِيمَا كُنْتُمْ فِيهِ تَخْتَلِفُونَ﴾

Yeroo Rabbiin jedhes [yaadadhu]:[] “Yaa Iisaa! Ani si raffisaadhaGara kiyyattis ol si fuudhaadhaIsaan kafaran irraas si qulqulleessaadhaIsaan si hordofanis hanga Guyyaa Qiyaamatti warra kafaran irratti ol taasisaadhaErgasii deebiin keessan gara kiyya; waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan keessattis gidduu keessanitti nan murteessa.

﴿فَأَمَّا الَّذِينَ كَفَرُوا فَأُعَذِّبُهُمْ عَذَابًا شَدِيدًا فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ وَمَا لَهُمْ مِنْ نَاصِرِينَ﴾

Isaan kafaran addunyaafi Aakhiratti adabbii cimaan isaan adaba; tumsaanis isaaniif hin jiru.

﴿وَأَمَّا الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ فَيُوَفِّيهِمْ أُجُورَهُمْ ۗ وَاللَّهُ لَا يُحِبُّ الظَّالِمِينَ﴾

Warra amananii gaggaarii dalagan immoo mindaa isaanii ni guutaafiRabbiin miidhaa raawwattoota hin jaal’atu.

﴿ذَٰلِكَ نَتْلُوهُ عَلَيْكَ مِنَ الْآيَاتِ وَالذِّكْرِ الْحَكِيمِ﴾

Kana keeyyattootaafi gorsa ogummaa irraa ta’e sirratti dubbifna.

﴿إِنَّ مَثَلَ عِيسَىٰ عِنْدَ اللَّهِ كَمَثَلِ آدَمَ ۖ خَلَقَهُ مِنْ تُرَابٍ ثُمَّ قَالَ لَهُ كُنْ فَيَكُونُ﴾

Dhugumatti, fakkeenyi Iisaa Rabbiin biratti akka fakkeenya AadamiBiyyee irraa isa uumeErgasii ‘ta’i’ isaan jedheInnis yeroma san ta’e

﴿الْحَقُّ مِنْ رَبِّكَ فَلَا تَكُنْ مِنَ الْمُمْتَرِينَ﴾

Dhugaan Gooftaa kee biraayyi; shakkitoota irraa hin ta’in.

﴿فَمَنْ حَاجَّكَ فِيهِ مِنْ بَعْدِ مَا جَاءَكَ مِنَ الْعِلْمِ فَقُلْ تَعَالَوْا نَدْعُ أَبْنَاءَنَا وَأَبْنَاءَكُمْ وَنِسَاءَنَا وَنِسَاءَكُمْ وَأَنْفُسَنَا وَأَنْفُسَكُمْ ثُمَّ نَبْتَهِلْ فَنَجْعَلْ لَعْنَتَ اللَّهِ عَلَى الْكَاذِبِينَ﴾

Nama erga beekumsi sitti dhufee booda isa keessatti siin falmeen “Kottaa; ilmaan keenyaafi ilmaan keessan, dubartoota keenyaafi dubartoota keessan, lubbuu keenyaafi lubbuu keessan haa waamnuErgasii du'aa'iitti jabaannee abaarsa Rabbii kijibdoota irra haa goonu” jedhiin.

﴿إِنَّ هَٰذَا لَهُوَ الْقَصَصُ الْحَقُّ ۚ وَمَا مِنْ إِلَٰهٍ إِلَّا اللَّهُ ۚ وَإِنَّ اللَّهَ لَهُوَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ﴾

Dhugumatti kun isumatu seenaa dhugaatiRabbiin malee dhugaan gabbaramaan hin jiruDhugumatti Rabbiin Isatu injifataa, ogeessa.

﴿فَإِنْ تَوَلَّوْا فَإِنَّ اللَّهَ عَلِيمٌ بِالْمُفْسِدِينَ﴾

Yoo [dhugaa] irraa gara galaniif, Rabbiin beekaa balleessitootaati.

﴿قُلْ يَا أَهْلَ الْكِتَابِ تَعَالَوْا إِلَىٰ كَلِمَةٍ سَوَاءٍ بَيْنَنَا وَبَيْنَكُمْ أَلَّا نَعْبُدَ إِلَّا اللَّهَ وَلَا نُشْرِكَ بِهِ شَيْئًا وَلَا يَتَّخِذَ بَعْضُنَا بَعْضًا أَرْبَابًا مِنْ دُونِ اللَّهِ ۚ فَإِنْ تَوَلَّوْا فَقُولُوا اشْهَدُوا بِأَنَّا مُسْلِمُونَ﴾

Jedhi: “yaa warra kitaabaa! Gara jecha nuufi isin gidduutti wal qixa taatee kottaa[Isheenis] akka Rabbiin malee waan biraa hin gabbarre; Isattis waan biraa akka hin qindeessine, gariin keenyas garii Rabbiin alatti gabbaramaa akka hin taasifanneedhaYoo isaan [kana] irraa gara galan “akka nuti Muslimoota taane ragaa ba’aa” jedhaa.

﴿يَا أَهْلَ الْكِتَابِ لِمَ تُحَاجُّونَ فِي إِبْرَاهِيمَ وَمَا أُنْزِلَتِ التَّوْرَاةُ وَالْإِنْجِيلُ إِلَّا مِنْ بَعْدِهِ ۚ أَفَلَا تَعْقِلُونَ﴾

Yaa warra kitaabaa! Maaliif waa’ee Ibraahiim keessatti wal falmitu? Tawraatiifi Injiil isa booda malee hin buune; sila hin xiinxaltanuu!

﴿هَا أَنْتُمْ هَٰؤُلَاءِ حَاجَجْتُمْ فِيمَا لَكُمْ بِهِ عِلْمٌ فَلِمَ تُحَاجُّونَ فِيمَا لَيْسَ لَكُمْ بِهِ عِلْمٌ ۚ وَاللَّهُ يَعْلَمُ وَأَنْتُمْ لَا تَعْلَمُونَ﴾

Dhaga’aa! isin warri kun waan beekumsi isaa isiniif jiru keessatti wal falmitaniittu! Maaliif waan beekumsi isaa isiniif hin jirre keessatti wal falmitu? Rabbiin ni beekaa isin hin beektanu.

﴿مَا كَانَ إِبْرَاهِيمُ يَهُودِيًّا وَلَا نَصْرَانِيًّا وَلَٰكِنْ كَانَ حَنِيفًا مُسْلِمًا وَمَا كَانَ مِنَ الْمُشْرِكِينَ﴾

Ibraahiim yahuudas kiristaanas hin taaneGaruu inni Muslima qajeelaa tureInni mushrikoota irraas hin taane.

﴿إِنَّ أَوْلَى النَّاسِ بِإِبْرَاهِيمَ لَلَّذِينَ اتَّبَعُوهُ وَهَٰذَا النَّبِيُّ وَالَّذِينَ آمَنُوا ۗ وَاللَّهُ وَلِيُّ الْمُؤْمِنِينَ﴾

Namoonni Ibraahiimitti irra aanan: isaan isa hordofan, nabiyyii kanaafi warra amananiidhaRabbiin gargaaraa mu’uminootaati.

﴿وَدَّتْ طَائِفَةٌ مِنْ أَهْلِ الْكِتَابِ لَوْ يُضِلُّونَكُمْ وَمَا يُضِلُّونَ إِلَّا أَنْفُسَهُمْ وَمَا يَشْعُرُونَ﴾

Gareen warra kitaabaa irraa taate tokko isin jallisuu jaalatteLubbuu isaanii malee homaa hin jallisanu; garuu isaan hin beekanu

﴿يَا أَهْلَ الْكِتَابِ لِمَ تَكْفُرُونَ بِآيَاتِ اللَّهِ وَأَنْتُمْ تَشْهَدُونَ﴾

Yaa warra kitaabaa! odoo beektanuu maaliif keyyattoota Rabbiitti kafartu?

﴿يَا أَهْلَ الْكِتَابِ لِمَ تَلْبِسُونَ الْحَقَّ بِالْبَاطِلِ وَتَكْتُمُونَ الْحَقَّ وَأَنْتُمْ تَعْلَمُونَ﴾

Yaa warra kitaabaa! maaliif dhugaa sobaan walitti maktanii odoo beektanuu dhugaa dhoksitu?

﴿وَقَالَتْ طَائِفَةٌ مِنْ أَهْلِ الْكِتَابِ آمِنُوا بِالَّذِي أُنْزِلَ عَلَى الَّذِينَ آمَنُوا وَجْهَ النَّهَارِ وَاكْفُرُوا آخِرَهُ لَعَلَّهُمْ يَرْجِعُونَ﴾

Gareen warra kitaabaa irraa taate tokkos ni jette: “jalqaba guyyaa isa warra amanan irratti bu’etti amanaaAkka isaan [Islaama] irraa deebi’aniif jecha dhuma guyyaa immoo itti kafaraa.

﴿وَلَا تُؤْمِنُوا إِلَّا لِمَنْ تَبِعَ دِينَكُمْ قُلْ إِنَّ الْهُدَىٰ هُدَى اللَّهِ أَنْ يُؤْتَىٰ أَحَدٌ مِثْلَ مَا أُوتِيتُمْ أَوْ يُحَاجُّوكُمْ عِنْدَ رَبِّكُمْ ۗ قُلْ إِنَّ الْفَضْلَ بِيَدِ اللَّهِ يُؤْتِيهِ مَنْ يَشَاءُ ۗ وَاللَّهُ وَاسِعٌ عَلِيمٌ﴾

Tokkoon namaa fakkii waan isin fudhattanii fudhachuu yookiin kan Rabbii keessan biratti ittiin isin falman ta’uu warra amantii keessan hordofeef malee hin amaninaa (ifa hin baasinaa)(Yaa Muhammad SAW) “qajeelfamichis qajeelfama Rabbiiti" jedhi“Tolli (Islaamummaa) harka Rabbiiti; abbaa fedheef isa kenna” jedhiRabbiin (kenni isaa) bal’aa, beekaadha.

﴿يَخْتَصُّ بِرَحْمَتِهِ مَنْ يَشَاءُ ۗ وَاللَّهُ ذُو الْفَضْلِ الْعَظِيمِ﴾

Inni nama fedhe rahmata Isaatiif (nabiyyummaadhaaf) filataRabbiin abbaa tola guddaati.

﴿۞ وَمِنْ أَهْلِ الْكِتَابِ مَنْ إِنْ تَأْمَنْهُ بِقِنْطَارٍ يُؤَدِّهِ إِلَيْكَ وَمِنْهُمْ مَنْ إِنْ تَأْمَنْهُ بِدِينَارٍ لَا يُؤَدِّهِ إِلَيْكَ إِلَّا مَا دُمْتَ عَلَيْهِ قَائِمًا ۗ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ قَالُوا لَيْسَ عَلَيْنَا فِي الْأُمِّيِّينَ سَبِيلٌ وَيَقُولُونَ عَلَى اللَّهِ الْكَذِبَ وَهُمْ يَعْلَمُونَ﴾

Warra kitaabaa irraas nama yoo ati qabeenya guddaan isa amante isa siif deebisutu jiraIsaan irraas nama yoo maallaqa warqeetiin isa amante hanga yeroo dheeraa isaaf eegdutti isa siif hin deebifnetu jiraKun waan isaan “wallaaltota (qabeenya isaanii nyaachuu) keessatti badiin nurra hin jiru” jedhaniifi odoo beekanuu Rabbi irratti kijiba odeessaniifi.

﴿بَلَىٰ مَنْ أَوْفَىٰ بِعَهْدِهِ وَاتَّقَىٰ فَإِنَّ اللَّهَ يُحِبُّ الْمُتَّقِينَ﴾

Eeyyeen! (badiin isaan irra ni jira)namni waadaa isaa guuteefi (Rabbiin) sodaate, dhugumatti Rabbiin warra (Isa) sodaatanu ni jaalata.

﴿إِنَّ الَّذِينَ يَشْتَرُونَ بِعَهْدِ اللَّهِ وَأَيْمَانِهِمْ ثَمَنًا قَلِيلًا أُولَٰئِكَ لَا خَلَاقَ لَهُمْ فِي الْآخِرَةِ وَلَا يُكَلِّمُهُمُ اللَّهُ وَلَا يَنْظُرُ إِلَيْهِمْ يَوْمَ الْقِيَامَةِ وَلَا يُزَكِّيهِمْ وَلَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ﴾

Dhugumatti, isaan waadaa Rabbiifi kakuu isaanii gatii xiqqaan jijjiirratan, isaan Aakhiratti qoodni homaatuu isaaniif hin jiruRabbiinis Guyyaa Qiyaamaa isaan hin dubbisu; gara isaaniis hin ilaalu; isaan hin qulqulleessusadabbiin laalessaanis isaaniif jira.

﴿وَإِنَّ مِنْهُمْ لَفَرِيقًا يَلْوُونَ أَلْسِنَتَهُمْ بِالْكِتَابِ لِتَحْسَبُوهُ مِنَ الْكِتَابِ وَمَا هُوَ مِنَ الْكِتَابِ وَيَقُولُونَ هُوَ مِنْ عِنْدِ اللَّهِ وَمَا هُوَ مِنْ عِنْدِ اللَّهِ وَيَقُولُونَ عَلَى اللَّهِ الْكَذِبَ وَهُمْ يَعْلَمُونَ﴾

Isaan irraayis, odoo inni kitaaba irraa hin ta’in akka isin kitaaba irraayi jettanii isa yaaddaniif jecha garee arraba isaanii kitaabaan micciirantu jiraOdoo inni Rabbiin biraa hin ta’inis Rabbiin biraayi jedhuOdoma beekanuu Rabbirratti kijiba dubbatu.

﴿مَا كَانَ لِبَشَرٍ أَنْ يُؤْتِيَهُ اللَّهُ الْكِتَابَ وَالْحُكْمَ وَالنُّبُوَّةَ ثُمَّ يَقُولَ لِلنَّاسِ كُونُوا عِبَادًا لِي مِنْ دُونِ اللَّهِ وَلَٰكِنْ كُونُوا رَبَّانِيِّينَ بِمَا كُنْتُمْ تُعَلِّمُونَ الْكِتَابَ وَبِمَا كُنْتُمْ تَدْرُسُونَ﴾

Ilma namaa tokkoof Rabbiin kitaaba, hukmii (beekumsaafi hubannoo seera amantii)fi nabiyyummaa isaaf kennee, ergasii namootaan “Rabbii gaditti gabroota naaf ta’aa” jechuun (isaaf) hin maluGaruu (kan inni isaaniin jedhu) waan kitaaba barsiisaa turtaniifi waan qu'ataa turtaniif jecha beektota beekumsa isaaniitiin hojjatan ta’aa jechuudha.

﴿وَلَا يَأْمُرَكُمْ أَنْ تَتَّخِذُوا الْمَلَائِكَةَ وَالنَّبِيِّينَ أَرْبَابًا ۗ أَيَأْمُرُكُمْ بِالْكُفْرِ بَعْدَ إِذْ أَنْتُمْ مُسْلِمُونَ﴾

Maleykotaafi nabiyyoota gabbaramaa taasifachuutti isin ajajuun isaaf hin maluSila erga isin Muslimoota taatanii booda kufritti isin ajajaa?

﴿وَإِذْ أَخَذَ اللَّهُ مِيثَاقَ النَّبِيِّينَ لَمَا آتَيْتُكُمْ مِنْ كِتَابٍ وَحِكْمَةٍ ثُمَّ جَاءَكُمْ رَسُولٌ مُصَدِّقٌ لِمَا مَعَكُمْ لَتُؤْمِنُنَّ بِهِ وَلَتَنْصُرُنَّهُ ۚ قَالَ أَأَقْرَرْتُمْ وَأَخَذْتُمْ عَلَىٰ ذَٰلِكُمْ إِصْرِي ۖ قَالُوا أَقْرَرْنَا ۚ قَالَ فَاشْهَدُوا وَأَنَا مَعَكُمْ مِنَ الشَّاهِدِينَ﴾

Yeroo Rabbiin nabiyyoota irraa “waan ani kitaabaafi ogummaa irraa isiniif kennee, ergasii ergamaan waan isinii wajjin jiru dhugoomsu isinitti dhufe, akka isatti amantaniifi isa tumsitanu” (jechuun) waadaa qabate [yaadadhu](Rabbiinis) "mirkaneessitanii? Sana irrattis waadaa kiyya qabdanii?" jedhe[Isaan] "mirkaneessine" jedhan; (Rabbiinis) “Ragaa ta’aa; anis warra isinii wajjin ragaa ta’u irraayi” jedhe.

﴿فَمَنْ تَوَلَّىٰ بَعْدَ ذَٰلِكَ فَأُولَٰئِكَ هُمُ الْفَاسِقُونَ﴾

Namni sana booda garagale, warri sun isaantu finciltoota.

﴿أَفَغَيْرَ دِينِ اللَّهِ يَبْغُونَ وَلَهُ أَسْلَمَ مَنْ فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ طَوْعًا وَكَرْهًا وَإِلَيْهِ يُرْجَعُونَ﴾

Sila odoo wantoonni samiifi dachii keessaa hunduu fedhaan yookiin dirqamaan Rabbiif ajajamaniifi gara isaatti deebi’anii, amantii kan Rabbiin alaa barabaaduu?

﴿قُلْ آمَنَّا بِاللَّهِ وَمَا أُنْزِلَ عَلَيْنَا وَمَا أُنْزِلَ عَلَىٰ إِبْرَاهِيمَ وَإِسْمَاعِيلَ وَإِسْحَاقَ وَيَعْقُوبَ وَالْأَسْبَاطِ وَمَا أُوتِيَ مُوسَىٰ وَعِيسَىٰ وَالنَّبِيُّونَ مِنْ رَبِّهِمْ لَا نُفَرِّقُ بَيْنَ أَحَدٍ مِنْهُمْ وَنَحْنُ لَهُ مُسْلِمُونَ﴾

(Yaa Muhammad SAW) “Rabbitti, Waan nurratti bu’etti, Waan Ibraahiim, Ismaa’iil, Isihaaq, Ya’aquub, ilmaan Ya’aquub irratti buufametti, waan Muusaa, Iisaafi nabiyyoonni Gooftaa isaanii irraa kennamanittis amannee jirraIsaan irraa gidduu nama tokkoos addaan hin foonuNutis isaaf ajajamtoota” jedhi.

﴿وَمَنْ يَبْتَغِ غَيْرَ الْإِسْلَامِ دِينًا فَلَنْ يُقْبَلَ مِنْهُ وَهُوَ فِي الْآخِرَةِ مِنَ الْخَاسِرِينَ﴾

Namni Islaamaan alatti amantii barbaade isarraa hin qeebalamuAakhiraattis inni warra hoonga’an irraayi.

﴿كَيْفَ يَهْدِي اللَّهُ قَوْمًا كَفَرُوا بَعْدَ إِيمَانِهِمْ وَشَهِدُوا أَنَّ الرَّسُولَ حَقٌّ وَجَاءَهُمُ الْبَيِّنَاتُ ۚ وَاللَّهُ لَا يَهْدِي الْقَوْمَ الظَّالِمِينَ﴾

Sila ummata amanantii isaanii booda, erga ergamaan Rabbii dhugaa ta’uu ragaa ba’aniifi ragoonni ifa ta’an isaanitti dhufanii (booda) kafaran Rabbiin akkamitti qajeelcha? Rabbiinis miidhaa hojjattoota hin qajeelchu.

﴿أُولَٰئِكَ جَزَاؤُهُمْ أَنَّ عَلَيْهِمْ لَعْنَةَ اللَّهِ وَالْمَلَائِكَةِ وَالنَّاسِ أَجْمَعِينَ﴾

Warri sun mindaan isaanii abaarsi Rabbii, kan maleeykotaafi namoota hundaa isaan irra jiraachuudha.

﴿خَالِدِينَ فِيهَا لَا يُخَفَّفُ عَنْهُمُ الْعَذَابُ وَلَا هُمْ يُنْظَرُونَ﴾

Ishee (ibidda) keessatti hafoodhaAdabichis isaan irraa hin salphifamuYeroonis isaaniif hin kennamu.

﴿إِلَّا الَّذِينَ تَابُوا مِنْ بَعْدِ ذَٰلِكَ وَأَصْلَحُوا فَإِنَّ اللَّهَ غَفُورٌ رَحِيمٌ﴾

Garuu isaan sana booda tawbatanii toltuu hojjatan (isaaniif ni dhiifama)Dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.

﴿إِنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا بَعْدَ إِيمَانِهِمْ ثُمَّ ازْدَادُوا كُفْرًا لَنْ تُقْبَلَ تَوْبَتُهُمْ وَأُولَٰئِكَ هُمُ الضَّالُّونَ﴾

Warra iimaana isaanii booda kafaranii ergasiis kufrii dabalatan tawbaan isaanii hin qeebalamtuIsaan, isaanumatu jallattoota.

﴿إِنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا وَمَاتُوا وَهُمْ كُفَّارٌ فَلَنْ يُقْبَلَ مِنْ أَحَدِهِمْ مِلْءُ الْأَرْضِ ذَهَبًا وَلَوِ افْتَدَىٰ بِهِ ۗ أُولَٰئِكَ لَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ وَمَا لَهُمْ مِنْ نَاصِرِينَ﴾

Dhugumatti isaan kafaranii, kaafiroota ta’anii du’an, warqee dachii guutuun, odoma ittiin of bituu fedheeyyuu tokkoon isaanii irraa hin qeebalamuSunniin isaaniif adabbii laalessaa ta’etu jiraIsaaniif tumsitoonnis hin jiran.

﴿لَنْ تَنَالُوا الْبِرَّ حَتَّىٰ تُنْفِقُوا مِمَّا تُحِبُّونَ ۚ وَمَا تُنْفِقُوا مِنْ شَيْءٍ فَإِنَّ اللَّهَ بِهِ عَلِيمٌ﴾

Hanga waan jaalattan irraa kennattanitti khayrii hin argattanWanta isin qabeenya irraa kennattan Rabbiin isa beeka.

﴿۞ كُلُّ الطَّعَامِ كَانَ حِلًّا لِبَنِي إِسْرَائِيلَ إِلَّا مَا حَرَّمَ إِسْرَائِيلُ عَلَىٰ نَفْسِهِ مِنْ قَبْلِ أَنْ تُنَزَّلَ التَّوْرَاةُ ۗ قُلْ فَأْتُوا بِالتَّوْرَاةِ فَاتْلُوهَا إِنْ كُنْتُمْ صَادِقِينَ﴾

Waan Israa’iil odoo Tawraat hin bu’in dura lubbuu isaa irratti haraama taasise malee nyaanni hunduu Ilmaan Israa’iiliif halaala ture(Yaa Muhammad) "yoo kan dhugaa dubbattan taataniif Tawraatiin fidaa dubbisaa” jedhi.

﴿فَمَنِ افْتَرَىٰ عَلَى اللَّهِ الْكَذِبَ مِنْ بَعْدِ ذَٰلِكَ فَأُولَٰئِكَ هُمُ الظَّالِمُونَ﴾

Namni sana booda Rabbi irratti kijiba uume, warri sun isaantu miidhaa hojjattoota.

﴿قُلْ صَدَقَ اللَّهُ ۗ فَاتَّبِعُوا مِلَّةَ إِبْرَاهِيمَ حَنِيفًا وَمَا كَانَ مِنَ الْمُشْرِكِينَ﴾

“Rabbiin dhugaa dubbateera; karaa amantii Ibraahiim qajeelaa ta’e hordofaaInnis mushrikoota irraa hin taane" jedhi.

﴿إِنَّ أَوَّلَ بَيْتٍ وُضِعَ لِلنَّاسِ لَلَّذِي بِبَكَّةَ مُبَارَكًا وَهُدًى لِلْعَالَمِينَ﴾

Dhugumatti manni jalqaba ilma namaatiif haala barakeeffamaafi aalama hundaaf qajeelfama ta’een kaayame isa Bakkaan (Makkaan) jiruudha.

﴿فِيهِ آيَاتٌ بَيِّنَاتٌ مَقَامُ إِبْرَاهِيمَ ۖ وَمَنْ دَخَلَهُ كَانَ آمِنًا ۗ وَلِلَّهِ عَلَى النَّاسِ حِجُّ الْبَيْتِ مَنِ اسْتَطَاعَ إِلَيْهِ سَبِيلًا ۚ وَمَنْ كَفَرَ فَإِنَّ اللَّهَ غَنِيٌّ عَنِ الْعَالَمِينَ﴾

Isa keessa mallattoolee ifa ta’an Maqaama Ibraahiimtu jiraNamni isa seenes nagaa ta’aRabbiif nama irratti, kan gara isaa deemuu danda'e irratti, manicha hajja'uutu dirqamni jiraNamni kafares, dhugumatti Rabbiin aalama irraa duroomaadha.

﴿قُلْ يَا أَهْلَ الْكِتَابِ لِمَ تَكْفُرُونَ بِآيَاتِ اللَّهِ وَاللَّهُ شَهِيدٌ عَلَىٰ مَا تَعْمَلُونَ﴾

“Yaa warra kitaabaa! Sila odoo Rabbiin waan isin dalagdanu beekaa ta’uu maaliif keeyyattoota Rabbiitti kafartu?” jedhi.

﴿قُلْ يَا أَهْلَ الْكِتَابِ لِمَ تَصُدُّونَ عَنْ سَبِيلِ اللَّهِ مَنْ آمَنَ تَبْغُونَهَا عِوَجًا وَأَنْتُمْ شُهَدَاءُ ۗ وَمَا اللَّهُ بِغَافِلٍ عَمَّا تَعْمَلُونَ﴾

“Yaa warra kitaabaa! Sila maaliif odoo beektanuu jallina ishee barbaachaaf karaa Rabbii irraa nama debiftu? Rabbiinis waan isin dalagdanu irraa dagataa miti" jedhi.

﴿يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِنْ تُطِيعُوا فَرِيقًا مِنَ الَّذِينَ أُوتُوا الْكِتَابَ يَرُدُّوكُمْ بَعْدَ إِيمَانِكُمْ كَافِرِينَ﴾

Yaa warra amantan! Yoo garee warra kitaabni kennameef irraa ta’een ajajamtan, erga amantanii booda gara kufriitti isin deebisu.

﴿وَكَيْفَ تَكْفُرُونَ وَأَنْتُمْ تُتْلَىٰ عَلَيْكُمْ آيَاتُ اللَّهِ وَفِيكُمْ رَسُولُهُ ۗ وَمَنْ يَعْتَصِمْ بِاللَّهِ فَقَدْ هُدِيَ إِلَىٰ صِرَاطٍ مُسْتَقِيمٍ﴾

Sila odoo keeyyattoonni Rabbii isin irratti qara’amaniifi ergamaan Isaa isin keessa jiruu akkamitti kafartu? Namni Rabbiin of tikse dhugumatti karaa sirraawaa qajeelfameera.

﴿يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا اتَّقُوا اللَّهَ حَقَّ تُقَاتِهِ وَلَا تَمُوتُنَّ إِلَّا وَأَنْتُمْ مُسْلِمُونَ﴾

Yaa warra amantan! Dhugaa sodaa isaa Rabbiin sodaadhaa; Muslimoota taatan malees hin du’inaa.

﴿وَاعْتَصِمُوا بِحَبْلِ اللَّهِ جَمِيعًا وَلَا تَفَرَّقُوا ۚ وَاذْكُرُوا نِعْمَتَ اللَّهِ عَلَيْكُمْ إِذْ كُنْتُمْ أَعْدَاءً فَأَلَّفَ بَيْنَ قُلُوبِكُمْ فَأَصْبَحْتُمْ بِنِعْمَتِهِ إِخْوَانًا وَكُنْتُمْ عَلَىٰ شَفَا حُفْرَةٍ مِنَ النَّارِ فَأَنْقَذَكُمْ مِنْهَا ۗ كَذَٰلِكَ يُبَيِّنُ اللَّهُ لَكُمْ آيَاتِهِ لَعَلَّكُمْ تَهْتَدُونَ﴾

Haada Rabbiis (Qur’aana) hunda ta'aa qabadhaa; adda addas hin ba’inaaNi’imaa Rabbii kan yeroo isin diina walii turtan Inni onnee keessan wal simsiisuun ni’imaa Isaatiin obboleeyyan taatan san, isin irra jiruufi (yeroo) isin qarqara boolla ibiddaa irra turtanii ishee irraa isin baraarses yaadadhaaAkka isin sirrooftaniif jecha Rabbiin akka kanatti keeyyattoota Isaa isiniif addeessa.

﴿وَلْتَكُنْ مِنْكُمْ أُمَّةٌ يَدْعُونَ إِلَى الْخَيْرِ وَيَأْمُرُونَ بِالْمَعْرُوفِ وَيَنْهَوْنَ عَنِ الْمُنْكَرِ ۚ وَأُولَٰئِكَ هُمُ الْمُفْلِحُونَ﴾

Isin irraa ummanni gara khayrii waamtuufi kan gaariitti ajajju badii irraa dhorgitus haa jiraattuWarri sun isaantu milkaa’oodha.

﴿وَلَا تَكُونُوا كَالَّذِينَ تَفَرَّقُوا وَاخْتَلَفُوا مِنْ بَعْدِ مَا جَاءَهُمُ الْبَيِّنَاتُ ۚ وَأُولَٰئِكَ لَهُمْ عَذَابٌ عَظِيمٌ﴾

Akka warra erga ragoota ifa ta’an isaanitti dhufee booda addaan faca’aniifi wal dhabanii hin ta’inaaWarra sanis isaaniif adabbii laalessaatu jira.

﴿يَوْمَ تَبْيَضُّ وُجُوهٌ وَتَسْوَدُّ وُجُوهٌ ۚ فَأَمَّا الَّذِينَ اسْوَدَّتْ وُجُوهُهُمْ أَكَفَرْتُمْ بَعْدَ إِيمَانِكُمْ فَذُوقُوا الْعَذَابَ بِمَا كُنْتُمْ تَكْفُرُونَ﴾

Guyyaa fuulli gariin addaataniifi fuulli gariin gurraacha’an (adabamu)Warri fuulli isaanii gurraachofte immoo “sila erga amantan booda kafartanii? Waan kafaraa turtaniif adabbii dhandhamaa” (isaaniin jedhama).

﴿وَأَمَّا الَّذِينَ ابْيَضَّتْ وُجُوهُهُمْ فَفِي رَحْمَةِ اللَّهِ هُمْ فِيهَا خَالِدُونَ﴾

Warri fuulli isaanii addaatte immoo rahmata Rabbii keessa ta’u; Isaan ishee keessatti hafoodha

﴿تِلْكَ آيَاتُ اللَّهِ نَتْلُوهَا عَلَيْكَ بِالْحَقِّ ۗ وَمَا اللَّهُ يُرِيدُ ظُلْمًا لِلْعَالَمِينَ﴾

Isheen sun, kan Nuti dhugaan ishee sirratti qaraanu taatee, keeyyattoota RabbiitiRabbiinis aalama hundaafuu miidhaa kan fedhu hin taane.

﴿وَلِلَّهِ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۚ وَإِلَى اللَّهِ تُرْجَعُ الْأُمُورُ﴾

Wantoonni samiifi wantoonni dachii keessa jiran (hundi) kan RabbiitiWantoonni hunduu gara Rabbiitti deebi’u

﴿كُنْتُمْ خَيْرَ أُمَّةٍ أُخْرِجَتْ لِلنَّاسِ تَأْمُرُونَ بِالْمَعْرُوفِ وَتَنْهَوْنَ عَنِ الْمُنْكَرِ وَتُؤْمِنُونَ بِاللَّهِ ۗ وَلَوْ آمَنَ أَهْلُ الْكِتَابِ لَكَانَ خَيْرًا لَهُمْ ۚ مِنْهُمُ الْمُؤْمِنُونَ وَأَكْثَرُهُمُ الْفَاسِقُونَ﴾

Isin caaltuu ummata namaaf mul'ifamtee taataniittuToltutti ajajju; hamtuu irraas ni dhorgitu; Rabbittis ni amantuOdoo abbootiin kitaabaa amananii, silaa gaarii isaaniif ta’a tureIsaan irraa mu'uminoonnis ni jiru; garuu irra hedduun isaanii finciltoota.

﴿لَنْ يَضُرُّوكُمْ إِلَّا أَذًى ۖ وَإِنْ يُقَاتِلُوكُمْ يُوَلُّوكُمُ الْأَدْبَارَ ثُمَّ لَا يُنْصَرُونَ﴾

  Rakkisuu malee isin hin miidhanuOdoo isiniin lolaniiyyuu duuba isin irraa deebi’uErgasii tumsa hin argatan.

﴿ضُرِبَتْ عَلَيْهِمُ الذِّلَّةُ أَيْنَ مَا ثُقِفُوا إِلَّا بِحَبْلٍ مِنَ اللَّهِ وَحَبْلٍ مِنَ النَّاسِ وَبَاءُوا بِغَضَبٍ مِنَ اللَّهِ وَضُرِبَتْ عَلَيْهِمُ الْمَسْكَنَةُ ۚ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ كَانُوا يَكْفُرُونَ بِآيَاتِ اللَّهِ وَيَقْتُلُونَ الْأَنْبِيَاءَ بِغَيْرِ حَقٍّ ۚ ذَٰلِكَ بِمَا عَصَوْا وَكَانُوا يَعْتَدُونَ﴾

Yoo waadaa Rabbirraa ta’eefi waadaa nama irraa ta’een (eegaman) malee bakkuma isaan jiran hundatti salphinni isaan irra kaayamteettiDallansuu Rabbirraa ta’eenis deebi’an; hiyyummaanis isaan irra kaayamteKun waan isaan keeyyattoota Rabbiitti kafaraa turaniifi karaan ala nabiyyoota ajjeesaa turaniifiKun waan isaan ajaja Rabbii didaniifi daangaa dabraa turaniifi.

﴿۞ لَيْسُوا سَوَاءً ۗ مِنْ أَهْلِ الْكِتَابِ أُمَّةٌ قَائِمَةٌ يَتْلُونَ آيَاتِ اللَّهِ آنَاءَ اللَّيْلِ وَهُمْ يَسْجُدُونَ﴾

Isaan wal qixa mitiAbbootii kitaabaa irraa namoota dhugaaf dhaabbatan, kan sujuudaa sa’aatii halkanii keeyyattoota Rabbii qara’antu jira.

﴿يُؤْمِنُونَ بِاللَّهِ وَالْيَوْمِ الْآخِرِ وَيَأْمُرُونَ بِالْمَعْرُوفِ وَيَنْهَوْنَ عَنِ الْمُنْكَرِ وَيُسَارِعُونَ فِي الْخَيْرَاتِ وَأُولَٰئِكَ مِنَ الصَّالِحِينَ﴾

Rabbittiifi guyyaa Aakhiraatti amanu; toltuuttis ni ajaju; hamtuu irraas ni dhorgu; gaggaarii keessattis ni arifatuIsaan sun warra gaggaarii irraayi.

﴿وَمَا يَفْعَلُوا مِنْ خَيْرٍ فَلَنْ يُكْفَرُوهُ ۗ وَاللَّهُ عَلِيمٌ بِالْمُتَّقِينَ﴾

Toltuu irraa wanta hojjatan kamillee hin dhorgatamanuRabbiin warra (Isa) sodaatan beekaadha.

﴿إِنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا لَنْ تُغْنِيَ عَنْهُمْ أَمْوَالُهُمْ وَلَا أَوْلَادُهُمْ مِنَ اللَّهِ شَيْئًا ۖ وَأُولَٰئِكَ أَصْحَابُ النَّارِ ۚ هُمْ فِيهَا خَالِدُونَ﴾

Dhugumatti isaannan kafaran, qabeenyiifi ilmaan isaanii (adabbii) Rabbii irraa homaa isaan hin deebiftuSunniin warra ibiddaatiIsaan ishee keessatti hafoodha.

﴿مَثَلُ مَا يُنْفِقُونَ فِي هَٰذِهِ الْحَيَاةِ الدُّنْيَا كَمَثَلِ رِيحٍ فِيهَا صِرٌّ أَصَابَتْ حَرْثَ قَوْمٍ ظَلَمُوا أَنْفُسَهُمْ فَأَهْلَكَتْهُ ۚ وَمَا ظَلَمَهُمُ اللَّهُ وَلَٰكِنْ أَنْفُسَهُمْ يَظْلِمُونَ﴾

Fakkeenyi waan isaan jiruu addunyaa tana keessatti sadaqatanii akka fakkeenya bubbee qorri hamaan isa keessa jiru, kan ooyruu warra lubbuu isaanii miidhanii tuqxee, isa balleessiteetiRabbiin isaan hin miine; garuu isaantu lubbuu isaanii miidha.

﴿يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تَتَّخِذُوا بِطَانَةً مِنْ دُونِكُمْ لَا يَأْلُونَكُمْ خَبَالًا وَدُّوا مَا عَنِتُّمْ قَدْ بَدَتِ الْبَغْضَاءُ مِنْ أَفْوَاهِهِمْ وَمَا تُخْفِي صُدُورُهُمْ أَكْبَرُ ۚ قَدْ بَيَّنَّا لَكُمُ الْآيَاتِ ۖ إِنْ كُنْتُمْ تَعْقِلُونَ﴾

Yaa warra amantan! namoota isin irraa hin ta’in jaalalloo iccitii hin godhatinaaIsin balleessuu irraa duubatti hin deebi’anuRakkina keessan hawwaniDhugumatti, jibbaan afaan isaanii irraa mul’atteWanti qomni isaanii dhoksitu immoo irra guddaadhaYoo kan xiinxaltan taataniif raajiwwan ifa isiniif taasifnee jirra.

﴿هَا أَنْتُمْ أُولَاءِ تُحِبُّونَهُمْ وَلَا يُحِبُّونَكُمْ وَتُؤْمِنُونَ بِالْكِتَابِ كُلِّهِ وَإِذَا لَقُوكُمْ قَالُوا آمَنَّا وَإِذَا خَلَوْا عَضُّوا عَلَيْكُمُ الْأَنَامِلَ مِنَ الْغَيْظِ ۚ قُلْ مُوتُوا بِغَيْظِكُمْ ۗ إِنَّ اللَّهَ عَلِيمٌ بِذَاتِ الصُّدُورِ﴾

Dhaga'aa! isin warri sun isaan jaallattu; isaan immo isin hin jaalatanuIsin kitaabota hundatti ni amantuYeroo isin qunnaman “nuti amannee jirra” jedhuYeroo kophaa ba’an immoo dallansuu irraa kan ka'e quba isaanii isin irratti ciniinu“Dallansuu keessaniin du’aa" jedhiDhugumatti Rabbiin beekaa waan qoma keessa jiruuti.

﴿إِنْ تَمْسَسْكُمْ حَسَنَةٌ تَسُؤْهُمْ وَإِنْ تُصِبْكُمْ سَيِّئَةٌ يَفْرَحُوا بِهَا ۖ وَإِنْ تَصْبِرُوا وَتَتَّقُوا لَا يَضُرُّكُمْ كَيْدُهُمْ شَيْئًا ۗ إِنَّ اللَّهَ بِمَا يَعْمَلُونَ مُحِيطٌ﴾

Yoo toltuun wahii isin tuqe, isaan gaddisiisaYoo hamtuun isin tuqe immoo isheetti gammaduYoo isin obsitanii (Rabbiin) sodaattaniif malli isaanii homaa isin hin miidhuDhugumatti Rabbiin waan isaan dalagan (beekumsa Isaatiin) marsaadha.

﴿وَإِذْ غَدَوْتَ مِنْ أَهْلِكَ تُبَوِّئُ الْمُؤْمِنِينَ مَقَاعِدَ لِلْقِتَالِ ۗ وَاللَّهُ سَمِيعٌ عَلِيمٌ﴾

Yeroo ati mu’uminoota iddoowwan lolaa kan qubsiiftu taatee maatii kee irraa ganamaan baatu [yaadadhu]Rabbiinis dhagayaa, beekaadha

﴿إِذْ هَمَّتْ طَائِفَتَانِ مِنْكُمْ أَنْ تَفْشَلَا وَاللَّهُ وَلِيُّهُمَا ۗ وَعَلَى اللَّهِ فَلْيَتَوَكَّلِ الْمُؤْمِنُونَ﴾

Yeroo gareen lamaan isin irraa ta'an odoo Rabbiin gargaaraa isaan lamaanii ta’uu lunnoomuu yaadan [yaadadhaa]Mu’uminoonnis Rabbirratti qofa haa irkatanu.

﴿وَلَقَدْ نَصَرَكُمُ اللَّهُ بِبَدْرٍ وَأَنْتُمْ أَذِلَّةٌ ۖ فَاتَّقُوا اللَّهَ لَعَلَّكُمْ تَشْكُرُونَ﴾

Dugumatti haala isin xiqqoo taataniin, dirree Badriitti Rabbiin isin tumseeraAkka galateeffattaniif jecha Rabbiin sodaadhaa.

﴿إِذْ تَقُولُ لِلْمُؤْمِنِينَ أَلَنْ يَكْفِيَكُمْ أَنْ يُمِدَّكُمْ رَبُّكُمْ بِثَلَاثَةِ آلَافٍ مِنَ الْمَلَائِكَةِ مُنْزَلِينَ﴾

Yeroo ati mu’uminootaan “sila Gooftaan keessan maleeykota kuma sadii (samii irraa) buufamoota ta'aniin isin gargaaruun isin hin ga'uu?” jettu [yaadadhaa].

﴿بَلَىٰ ۚ إِنْ تَصْبِرُوا وَتَتَّقُوا وَيَأْتُوكُمْ مِنْ فَوْرِهِمْ هَٰذَا يُمْدِدْكُمْ رَبُّكُمْ بِخَمْسَةِ آلَافٍ مِنَ الْمَلَائِكَةِ مُسَوِّمِينَ﴾

Eeyyeen; yoo obsitaniifi Rabbiin sodaattan, (mushrikoonnis) battalumatti isinitti dhufan; Gooftaan keessan maleeykota mallatteeffamoo ta’an kuma shaniin isin gargaara

﴿وَمَا جَعَلَهُ اللَّهُ إِلَّا بُشْرَىٰ لَكُمْ وَلِتَطْمَئِنَّ قُلُوبُكُمْ بِهِ ۗ وَمَا النَّصْرُ إِلَّا مِنْ عِنْدِ اللَّهِ الْعَزِيزِ الْحَكِيمِ﴾

Isin gammachiisuufi onneen keessan ittiin haa tasgabbooftuuf malee Rabbiin (waan biraatiif) isa hin taasifneTumsis Rabbii injifataa, ogeessa ta’e irraa malee hin jiru.

﴿لِيَقْطَعَ طَرَفًا مِنَ الَّذِينَ كَفَرُوا أَوْ يَكْبِتَهُمْ فَيَنْقَلِبُوا خَائِبِينَ﴾

Akka xiqqaatanii deebi’aniif Isaan kafaran irraa garii balleessuuf yookiin isaan salphisuuf (kana godhe).

﴿لَيْسَ لَكَ مِنَ الْأَمْرِ شَيْءٌ أَوْ يَتُوبَ عَلَيْهِمْ أَوْ يُعَذِّبَهُمْ فَإِنَّهُمْ ظَالِمُونَ﴾

Hanga Rabbiin toobaa isaanii qeebalutti yookiin waan isaan miidhaa raawwattoota ta'aniif isaan adabutti siif murtiin homaayyuu hin jiru.

﴿وَلِلَّهِ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۚ يَغْفِرُ لِمَنْ يَشَاءُ وَيُعَذِّبُ مَنْ يَشَاءُ ۚ وَاللَّهُ غَفُورٌ رَحِيمٌ﴾

Wantoonni samii keessa jiraniifi wantoonni dachii keessa jiran (hundi) kan Rabbiiti(Inni) nama fedheef ni araarama; nama fedhe immoo ni adabaRabbiinis araaramaa, rahmata godhaadha.

﴿يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تَأْكُلُوا الرِّبَا أَضْعَافًا مُضَاعَفَةً ۖ وَاتَّقُوا اللَّهَ لَعَلَّكُمْ تُفْلِحُونَ﴾

Yaa warra amantan! dhala dachaalee dachaafamaa ta'e hin nyaatinaaAkka milkooftaniif jechas Rabbiin sodaadhaa.

﴿وَاتَّقُوا النَّارَ الَّتِي أُعِدَّتْ لِلْكَافِرِينَ﴾

Ibidda kaafirootaaf qopheeffamte san sodaadhaa.

﴿وَأَطِيعُوا اللَّهَ وَالرَّسُولَ لَعَلَّكُمْ تُرْحَمُونَ﴾

Akka mararfatamtaniif jecha Rabbiifi ergamichaaf ajajamaa.

﴿۞ وَسَارِعُوا إِلَىٰ مَغْفِرَةٍ مِنْ رَبِّكُمْ وَجَنَّةٍ عَرْضُهَا السَّمَاوَاتُ وَالْأَرْضُ أُعِدَّتْ لِلْمُتَّقِينَ﴾

Gara araarama Gooftaa keessan irraa ta’eefi gara jannata warra Rabbiin sodaataniif qophooftee kan bal’inni ishee akka samiifi dachii taateetti ariifadhaa.

﴿الَّذِينَ يُنْفِقُونَ فِي السَّرَّاءِ وَالضَّرَّاءِ وَالْكَاظِمِينَ الْغَيْظَ وَالْعَافِينَ عَنِ النَّاسِ ۗ وَاللَّهُ يُحِبُّ الْمُحْسِنِينَ﴾

(Isaan) warra yeroo gammachuufi gaddaa arjooman; kan dallansuu liqimsaniifi namootaaf dhiifama godhaniidhaRabbiinis toltuu hojjattoota ni jaalata.

﴿وَالَّذِينَ إِذَا فَعَلُوا فَاحِشَةً أَوْ ظَلَمُوا أَنْفُسَهُمْ ذَكَرُوا اللَّهَ فَاسْتَغْفَرُوا لِذُنُوبِهِمْ وَمَنْ يَغْفِرُ الذُّنُوبَ إِلَّا اللَّهُ وَلَمْ يُصِرُّوا عَلَىٰ مَا فَعَلُوا وَهُمْ يَعْلَمُونَ﴾

(Isaan) warra yeroo waan fokkataa hojjatan yookiin lubbuu ofii miidhan Rabbiin yaadatanii badii isaaniitiif araarama gaafataniifi haala (badii ta’uu isaa) beekaniin waan hojjatan irra hin turreedhaRabbiin malee namni badii araaramu hin jiru

﴿أُولَٰئِكَ جَزَاؤُهُمْ مَغْفِرَةٌ مِنْ رَبِّهِمْ وَجَنَّاتٌ تَجْرِي مِنْ تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ خَالِدِينَ فِيهَا ۚ وَنِعْمَ أَجْرُ الْعَامِلِينَ﴾

Isaan sun mindaan isaanii araarama Gooftaa isaanii biraa ta’eefi jannata laggeen ishee jala yaatuudhaIsaan ishee keessatti hafoodhaMindaan hojjattootaa (jannata ta'uun) waa tole!

﴿قَدْ خَلَتْ مِنْ قَبْلِكُمْ سُنَنٌ فَسِيرُوا فِي الْأَرْضِ فَانْظُرُوا كَيْفَ كَانَ عَاقِبَةُ الْمُكَذِّبِينَ﴾

Dhugumatti, isiniin dura karaaleen[] darbiteettiDachii keessa deemaatii booddeen (xumurri) kijibsiiftotaa akkam akka ta’e ilaalaa.

﴿هَٰذَا بَيَانٌ لِلنَّاسِ وَهُدًى وَمَوْعِظَةٌ لِلْمُتَّقِينَ﴾

Kun namootaaf ibsa; warra (Rabbiin) sodaataniif immoo qajeelfamaafi gorsa.

﴿وَلَا تَهِنُوا وَلَا تَحْزَنُوا وَأَنْتُمُ الْأَعْلَوْنَ إِنْ كُنْتُمْ مُؤْمِنِينَ﴾

Yoo mu’uminoota taataniif isintu irra aanaa hin laafinaa; hin gaddinaas.

﴿إِنْ يَمْسَسْكُمْ قَرْحٌ فَقَدْ مَسَّ الْقَوْمَ قَرْحٌ مِثْلُهُ ۚ وَتِلْكَ الْأَيَّامُ نُدَاوِلُهَا بَيْنَ النَّاسِ وَلِيَعْلَمَ اللَّهُ الَّذِينَ آمَنُوا وَيَتَّخِذَ مِنْكُمْ شُهَدَاءَ ۗ وَاللَّهُ لَا يُحِبُّ الظَّالِمِينَ﴾

Yoo madaan isin tuqes, dhugumatti ummatas (diinotas) madaan fakkaataan isaan tuqeeraGuyyoota sana gidduu namaatti nanaannessinaRabbiin isaan amanan mul’isuufi isin irraas wareegamtoota taasisuuf (kana godhe)Rabbiin miidhaa hojjattoota hin jaalatu.

﴿وَلِيُمَحِّصَ اللَّهُ الَّذِينَ آمَنُوا وَيَمْحَقَ الْكَافِرِينَ﴾

Rabbiin warra amanan qulqulleessuufi kaafiroota immoo balleessuf (kana godhe).

﴿أَمْ حَسِبْتُمْ أَنْ تَدْخُلُوا الْجَنَّةَ وَلَمَّا يَعْلَمِ اللَّهُ الَّذِينَ جَاهَدُوا مِنْكُمْ وَيَعْلَمَ الصَّابِرِينَ﴾

Sila odoo Rabbiin isin irraa warra qabsaa’aniifi warra obsan hin mul’ifne jannata seenuu yaadduu?

﴿وَلَقَدْ كُنْتُمْ تَمَنَّوْنَ الْمَوْتَ مِنْ قَبْلِ أَنْ تَلْقَوْهُ فَقَدْ رَأَيْتُمُوهُ وَأَنْتُمْ تَنْظُرُونَ﴾

Dhugumatti isin isa qunnamuu keessan dura du’a hawwaa turtanDhugaatti (amma) kan laaltan taatanii isa argitaniittu.

﴿وَمَا مُحَمَّدٌ إِلَّا رَسُولٌ قَدْ خَلَتْ مِنْ قَبْلِهِ الرُّسُلُ ۚ أَفَإِنْ مَاتَ أَوْ قُتِلَ انْقَلَبْتُمْ عَلَىٰ أَعْقَابِكُمْ ۚ وَمَنْ يَنْقَلِبْ عَلَىٰ عَقِبَيْهِ فَلَنْ يَضُرَّ اللَّهَ شَيْئًا ۗ وَسَيَجْزِي اللَّهُ الشَّاكِرِينَ﴾

Muhammad ergamaa dhugumatti ergamoonni dura isaa dabran malee homaa mitiSila yoo inni du’e yookiin ajjeefame of duuba deebituu? Namni faana isaa irra of duuba deebi’e Rabbiin homaa hin miidhuRabbiin galateeffattootaaf fuulduratti mindaa ni galcha.

﴿وَمَا كَانَ لِنَفْسٍ أَنْ تَمُوتَ إِلَّا بِإِذْنِ اللَّهِ كِتَابًا مُؤَجَّلًا ۗ وَمَنْ يُرِدْ ثَوَابَ الدُّنْيَا نُؤْتِهِ مِنْهَا وَمَنْ يُرِدْ ثَوَابَ الْآخِرَةِ نُؤْتِهِ مِنْهَا ۚ وَسَنَجْزِي الشَّاكِرِينَ﴾

Lubbuu kamiifuu eeyyama Rabbiitiin ala du'uun isheef hin taaneMurtee baallamamaa (Rabbiin murteesseedha)Nama mindaa addunyaa fedhes ishee irraa isaaf kenninaNama mindaa Aakhiraa fedhes, ishee irraa isaaf kenninaGalateeffattoota fuulduratti mindaa galchuuf jirra.

﴿وَكَأَيِّنْ مِنْ نَبِيٍّ قَاتَلَ مَعَهُ رِبِّيُّونَ كَثِيرٌ فَمَا وَهَنُوا لِمَا أَصَابَهُمْ فِي سَبِيلِ اللَّهِ وَمَا ضَعُفُوا وَمَا اسْتَكَانُوا ۗ وَاللَّهُ يُحِبُّ الصَّابِرِينَ﴾

Nabiyyoota irraa kan beektonni heddu isaa wajjin lolan baay'eedhaWaan karaa Rabbii keessatti isaan mudateefis hin laafne; hin dadhabnes; (diinaafis) hin jilbiiffanneRabbiin obsitoota ni jaallata.

﴿وَمَا كَانَ قَوْلَهُمْ إِلَّا أَنْ قَالُوا رَبَّنَا اغْفِرْ لَنَا ذُنُوبَنَا وَإِسْرَافَنَا فِي أَمْرِنَا وَثَبِّتْ أَقْدَامَنَا وَانْصُرْنَا عَلَى الْقَوْمِ الْكَافِرِينَ﴾

Jechi isaaniis “Gooftaa keenya! badii keenyaafi dhimmoota keenya keessatti daangaa dabriinsa keenya nuuf araarami; faana keenyas gadi dhaabi; ummata kaafirootaa irrattis nu tumsi” jechuu malee kan biraa hin taane.

﴿فَآتَاهُمُ اللَّهُ ثَوَابَ الدُّنْيَا وَحُسْنَ ثَوَابِ الْآخِرَةِ ۗ وَاللَّهُ يُحِبُّ الْمُحْسِنِينَ﴾

Rabbiin mindaa addunyaatiifi gaarii mindaa Aakhiraa isaaniif kenneRabbiinis toltuu hojjattoota ni jaalata.

﴿يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِنْ تُطِيعُوا الَّذِينَ كَفَرُوا يَرُدُّوكُمْ عَلَىٰ أَعْقَابِكُمْ فَتَنْقَلِبُوا خَاسِرِينَ﴾

Yaa warra amantan! Yoo warra kafaraniif ajajamtan faana keessan irra (of duuba) isin deebifnaan hoonga’oota taatanii duubatti deebitu.

﴿بَلِ اللَّهُ مَوْلَاكُمْ ۖ وَهُوَ خَيْرُ النَّاصِرِينَ﴾

Dhugaatti Rabbiin gargaaraa keessaniInni irra caalaa tumsitootati.

﴿سَنُلْقِي فِي قُلُوبِ الَّذِينَ كَفَرُوا الرُّعْبَ بِمَا أَشْرَكُوا بِاللَّهِ مَا لَمْ يُنَزِّلْ بِهِ سُلْطَانًا ۖ وَمَأْوَاهُمُ النَّارُ ۚ وَبِئْسَ مَثْوَى الظَّالِمِينَ﴾

Waan isaan wantoota inni ragaa qabatamaa ittiin hin buusin Rabbitti qindeessaniif jecha, onnee warra kafaranii keessa fuulduratti sodaa darbinaTeessoon isaanii ibiddaTeessoon miidhaa raawwattootaa waa fokkate!

﴿وَلَقَدْ صَدَقَكُمُ اللَّهُ وَعْدَهُ إِذْ تَحُسُّونَهُمْ بِإِذْنِهِ ۖ حَتَّىٰ إِذَا فَشِلْتُمْ وَتَنَازَعْتُمْ فِي الْأَمْرِ وَعَصَيْتُمْ مِنْ بَعْدِ مَا أَرَاكُمْ مَا تُحِبُّونَ ۚ مِنْكُمْ مَنْ يُرِيدُ الدُّنْيَا وَمِنْكُمْ مَنْ يُرِيدُ الْآخِرَةَ ۚ ثُمَّ صَرَفَكُمْ عَنْهُمْ لِيَبْتَلِيَكُمْ ۖ وَلَقَدْ عَفَا عَنْكُمْ ۗ وَاللَّهُ ذُو فَضْلٍ عَلَى الْمُؤْمِنِينَ﴾

Yeroo isin eeyyama Isaatiin isaan ajjeeftan Rabbiin waadaa Isaa isiniif dhugoomseeraErga (Rabbiin) waan jaalattan isin agarsiisee, yeroma isin lunnoomtanii ajaja keessattis wal dhabdanii, faallessitan (Rabbiinis isinii tumsuu dhiise)Isin irraa nama addunyaa fedhutu jiraIsin irraas nama Aakhiraa fedhutu jiraErgasii isin qormaatuuf jecha isaan irraa isin deebiseDhugumatti Rabbiin irra isiniif dabreeraRabbiin mu’uminoota irratti abbaa tolaati.

﴿۞ إِذْ تُصْعِدُونَ وَلَا تَلْوُونَ عَلَىٰ أَحَدٍ وَالرَّسُولُ يَدْعُوكُمْ فِي أُخْرَاكُمْ فَأَثَابَكُمْ غَمًّا بِغَمٍّ لِكَيْلَا تَحْزَنُوا عَلَىٰ مَا فَاتَكُمْ وَلَا مَا أَصَابَكُمْ ۗ وَاللَّهُ خَبِيرٌ بِمَا تَعْمَلُونَ﴾

Odoo ergamaan duuba keessanii isin waamuu namtokkollee kan hin millanne taatanii yeroo baqattanu [yaadadhaa]Akka isin waan isin jala dabreefi waan isin tuqe irratti hin gaddineef jecha gadda irraan gadda isinitti buuseRabbiinis waan isin dalagdan hunda akkaan beekaadha

﴿ثُمَّ أَنْزَلَ عَلَيْكُمْ مِنْ بَعْدِ الْغَمِّ أَمَنَةً نُعَاسًا يَغْشَىٰ طَائِفَةً مِنْكُمْ ۖ وَطَائِفَةٌ قَدْ أَهَمَّتْهُمْ أَنْفُسُهُمْ يَظُنُّونَ بِاللَّهِ غَيْرَ الْحَقِّ ظَنَّ الْجَاهِلِيَّةِ ۖ يَقُولُونَ هَلْ لَنَا مِنَ الْأَمْرِ مِنْ شَيْءٍ ۗ قُلْ إِنَّ الْأَمْرَ كُلَّهُ لِلَّهِ ۗ يُخْفُونَ فِي أَنْفُسِهِمْ مَا لَا يُبْدُونَ لَكَ ۖ يَقُولُونَ لَوْ كَانَ لَنَا مِنَ الْأَمْرِ شَيْءٌ مَا قُتِلْنَا هَاهُنَا ۗ قُلْ لَوْ كُنْتُمْ فِي بُيُوتِكُمْ لَبَرَزَ الَّذِينَ كُتِبَ عَلَيْهِمُ الْقَتْلُ إِلَىٰ مَضَاجِعِهِمْ ۖ وَلِيَبْتَلِيَ اللَّهُ مَا فِي صُدُورِكُمْ وَلِيُمَحِّصَ مَا فِي قُلُوبِكُمْ ۗ وَاللَّهُ عَلِيمٌ بِذَاتِ الصُّدُورِ﴾

Ergasii cinqaa booda tasgabbii, hirriba garee isin irraa ta’e haguugu, isin irratti buuseGaree biraa immoo dhugumatti lubbuun isaanii isaan yaachifteettiWaan dhugaa hin ta’in, yaada jaahiliyyaa, Rabbi irratti yaadu“Sila nuti dhimmicha[] irraa qooda wahii qabnaa?” jedhu(Yaa Muhammad!) jedhi: “Dhugumatti dhimmichi hundi isaatuu kan Rabbiiti." Waan siif hin mul’ifne lubbuu isaanii keessatti dhoksu“Odoo dhimmicha irraa waan tokko qabaannee silaa asitti hin ajjeefamnu turre” jedhuJedhi “odoma manneen keessan keessa taataniiyyuu, warri duuti isaan irratti barreeffame gara iddoo itti du’anii ni bahu turan." Rabbiin waan qoma keessan keessa jiru qormaatuufi waan (badii) onnee keessan keessa jiran mul'isuuf (kana godhe)Rabbiinis waan qoma keessaa beekaadha.

﴿إِنَّ الَّذِينَ تَوَلَّوْا مِنْكُمْ يَوْمَ الْتَقَى الْجَمْعَانِ إِنَّمَا اسْتَزَلَّهُمُ الشَّيْطَانُ بِبَعْضِ مَا كَسَبُوا ۖ وَلَقَدْ عَفَا اللَّهُ عَنْهُمْ ۗ إِنَّ اللَّهَ غَفُورٌ حَلِيمٌ﴾

Dhugumatti warri isin irraa guyyaa gareewwan lamaan wal qunnaman duubatti deebi’an, sababaa garii wantoota isaan hojjataniitiif kan isaan mucuceesse sheyxaanumaDhugumatti Rabbiin dhiifama isaaniif godheeraRabbiin araaramaa, obsaadha.

﴿يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تَكُونُوا كَالَّذِينَ كَفَرُوا وَقَالُوا لِإِخْوَانِهِمْ إِذَا ضَرَبُوا فِي الْأَرْضِ أَوْ كَانُوا غُزًّى لَوْ كَانُوا عِنْدَنَا مَا مَاتُوا وَمَا قُتِلُوا لِيَجْعَلَ اللَّهُ ذَٰلِكَ حَسْرَةً فِي قُلُوبِهِمْ ۗ وَاللَّهُ يُحْيِي وَيُمِيتُ ۗ وَاللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرٌ﴾

Yaa warra amantan! akka warra kafaranii obboleeyyan isaaniitiin, yeroo isaan dachii keessa deeman yookiin loltoota ta'an “odoo nu bira ta’anii silaa hin du’anu; hin ajjeefamanus” jedhanii hin ta’inaaRabbiin kana onnee isaanii keessatti gaabbii gochuuf (kana jedhan)Rabbiin ni jiraachisa; ni ajjeesasRabbiin waan isin dalagdanis argaadha.

﴿وَلَئِنْ قُتِلْتُمْ فِي سَبِيلِ اللَّهِ أَوْ مُتُّمْ لَمَغْفِرَةٌ مِنَ اللَّهِ وَرَحْمَةٌ خَيْرٌ مِمَّا يَجْمَعُونَ﴾

Yoo karaa Rabbii keessatti ajjeefamtan yookiin duutan, araaramaafi rahmata Rabbi irraa ta’etu waan isaan walitti qaban irra caala.

﴿وَلَئِنْ مُتُّمْ أَوْ قُتِلْتُمْ لَإِلَى اللَّهِ تُحْشَرُونَ﴾

Yoo duutan yookiin ajjeefamtanis, dhugumatti isin garuma Rabbiitti walitti qabamtu.

﴿فَبِمَا رَحْمَةٍ مِنَ اللَّهِ لِنْتَ لَهُمْ ۖ وَلَوْ كُنْتَ فَظًّا غَلِيظَ الْقَلْبِ لَانْفَضُّوا مِنْ حَوْلِكَ ۖ فَاعْفُ عَنْهُمْ وَاسْتَغْفِرْ لَهُمْ وَشَاوِرْهُمْ فِي الْأَمْرِ ۖ فَإِذَا عَزَمْتَ فَتَوَكَّلْ عَلَى اللَّهِ ۚ إِنَّ اللَّهَ يُحِبُّ الْمُتَوَكِّلِينَ﴾

)Yaa Muhammad!) rahmata Rabbi irraa ta’een isaaniif laafteOdoo ati nama haala gadheefi qalbii gogaa taatee silaa si biraa faca’uIrra isaaniif darbi; isaaniifis araarama kadhu; dhimmoota (adda addaa) irrattis isaan mari’achiisiYeroo murattes Rabbirratti hirkadhuDhugumatti, Rabbiin warra (Isa) irratti hirkatan ni jaalata.

﴿إِنْ يَنْصُرْكُمُ اللَّهُ فَلَا غَالِبَ لَكُمْ ۖ وَإِنْ يَخْذُلْكُمْ فَمَنْ ذَا الَّذِي يَنْصُرُكُمْ مِنْ بَعْدِهِ ۗ وَعَلَى اللَّهِ فَلْيَتَوَكَّلِ الْمُؤْمِنُونَ﴾

Yoo Rabbiin isin gargaare, wanti isin injifatu hin jiruYoo Inni isin xiqqeesse immoo, inni booda isaatii isin gargaaru sun eenyu? Mu’uminoonni Rabbuma irratti haa hirkatanu.

﴿وَمَا كَانَ لِنَبِيٍّ أَنْ يَغُلَّ ۚ وَمَنْ يَغْلُلْ يَأْتِ بِمَا غَلَّ يَوْمَ الْقِيَامَةِ ۚ ثُمَّ تُوَفَّىٰ كُلُّ نَفْسٍ مَا كَسَبَتْ وَهُمْ لَا يُظْلَمُونَ﴾

Nabiyyii kamiifuu (boojuu) dhokfachuun hin taaneNamni boojuu irraa miliqfate, Guyyaa Qiyaamaa waan miliqfate qabatee dhufaErgasii lubbuun hundi mindaa waan hojjattee guutuutti argattiIsaanis hin miidhamanu

﴿أَفَمَنِ اتَّبَعَ رِضْوَانَ اللَّهِ كَمَنْ بَاءَ بِسَخَطٍ مِنَ اللَّهِ وَمَأْوَاهُ جَهَنَّمُ ۚ وَبِئْسَ الْمَصِيرُ﴾

Sila namni jaalala Rabbii hordofe akka nama dallansuu Rabbi irraa ta’een deebi’ee manni isaa jahannam ta'eetii? Deebiin isaa waa fokkate!

﴿هُمْ دَرَجَاتٌ عِنْدَ اللَّهِ ۗ وَاللَّهُ بَصِيرٌ بِمَا يَعْمَلُونَ﴾

Isaan Rabbiin biratti sadarkaa adda addaa qabuRabbiinis waan isaan dalagan argaadha.

﴿لَقَدْ مَنَّ اللَّهُ عَلَى الْمُؤْمِنِينَ إِذْ بَعَثَ فِيهِمْ رَسُولًا مِنْ أَنْفُسِهِمْ يَتْلُو عَلَيْهِمْ آيَاتِهِ وَيُزَكِّيهِمْ وَيُعَلِّمُهُمُ الْكِتَابَ وَالْحِكْمَةَ وَإِنْ كَانُوا مِنْ قَبْلُ لَفِي ضَلَالٍ مُبِينٍ﴾

Dhugumatti Rabbiin yeroo ergamaa isaan irraa ta’e, kan keeyyattoota Isaa isaan irratti qara’u, (badii) irraas isaan qulqulleessu, kitaabaafi sunnaa (hikmaa) isaan barsiisu isaan keessatti ergu mu’uminoota irratti tola ooleeraDhugaatti sana dura isaan jallina ifa bahaa keessa turan.

﴿أَوَلَمَّا أَصَابَتْكُمْ مُصِيبَةٌ قَدْ أَصَبْتُمْ مِثْلَيْهَا قُلْتُمْ أَنَّىٰ هَٰذَا ۖ قُلْ هُوَ مِنْ عِنْدِ أَنْفُسِكُمْ ۗ إِنَّ اللَّهَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ﴾

Sila yeroma rakkoon kan isin fakkaataa ishee lama (injifannoo) argattan isin mudattu “kun eessaa nutti dhufe” jettuu? “Inni isinuma biraayyi" jedhiDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.

﴿وَمَا أَصَابَكُمْ يَوْمَ الْتَقَى الْجَمْعَانِ فَبِإِذْنِ اللَّهِ وَلِيَعْلَمَ الْمُؤْمِنِينَ﴾

Wanti guyyaa gareewwan lamaan wal qunnaman isin tuqe hayyamuma Rabbiitiini(Rabbiin) mu’uminootas (ittiin) ifa baasuuf (akkas godhe).

﴿وَلِيَعْلَمَ الَّذِينَ نَافَقُوا ۚ وَقِيلَ لَهُمْ تَعَالَوْا قَاتِلُوا فِي سَبِيلِ اللَّهِ أَوِ ادْفَعُوا ۖ قَالُوا لَوْ نَعْلَمُ قِتَالًا لَاتَّبَعْنَاكُمْ ۗ هُمْ لِلْكُفْرِ يَوْمَئِذٍ أَقْرَبُ مِنْهُمْ لِلْإِيمَانِ ۚ يَقُولُونَ بِأَفْوَاهِهِمْ مَا لَيْسَ فِي قُلُوبِهِمْ ۗ وَاللَّهُ أَعْلَمُ بِمَا يَكْتُمُونَ﴾

Isaan munaafiqoomanii “kottaa; karaa Rabbii keessatti lolaa; yookiin ofirraa deebisaa” isaaniin jedhamnaan “nuti odoo lola beeknee silaa isin hordofna turre” jedhanis akka ifa baasuufIsaan guyyaa san amantii caalaa kufriitti irra dhihoodhaWaan onnee isaanii keessa hin jirre afaan isaaniitiin jedhuRabbiinis irra beekaa waan isaan dhoksaniiti.

﴿الَّذِينَ قَالُوا لِإِخْوَانِهِمْ وَقَعَدُوا لَوْ أَطَاعُونَا مَا قُتِلُوا ۗ قُلْ فَادْرَءُوا عَنْ أَنْفُسِكُمُ الْمَوْتَ إِنْ كُنْتُمْ صَادِقِينَ﴾

(Isaan) warra taa’anii obboleeyyan isaaniitiin “odoo nuuf ajajamanii silaa hin ajjeefamanu turan” jedhaniidha“Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif du’a lubbuu keessan irraa deebisaa” jedhi

﴿وَلَا تَحْسَبَنَّ الَّذِينَ قُتِلُوا فِي سَبِيلِ اللَّهِ أَمْوَاتًا ۚ بَلْ أَحْيَاءٌ عِنْدَ رَبِّهِمْ يُرْزَقُونَ﴾

Warra karaa Rabbii keessatti du’an du’aatti hin yaadinDhugumatti isaan Gooftaa isaanii biratti jiraatoodha; ni sooramu.

﴿فَرِحِينَ بِمَا آتَاهُمُ اللَّهُ مِنْ فَضْلِهِ وَيَسْتَبْشِرُونَ بِالَّذِينَ لَمْ يَلْحَقُوا بِهِمْ مِنْ خَلْفِهِمْ أَلَّا خَوْفٌ عَلَيْهِمْ وَلَا هُمْ يَحْزَنُونَ﴾

Isaan waan Rabbiin tola Isaa irraa isaaniif kenneen gammadoo ta'anii (sooramu)Warra isaan boodaa kan isaan hin dhaqqabiniinis waan sodaan isaan irra hin jirreefi isaanis hin gaddineef jecha ni gammadu.

﴿۞ يَسْتَبْشِرُونَ بِنِعْمَةٍ مِنَ اللَّهِ وَفَضْلٍ وَأَنَّ اللَّهَ لَا يُضِيعُ أَجْرَ الْمُؤْمِنِينَ﴾

Ni’imaafi tola Rabbirraa ta’eefi Rabbiin mindaa mu’uminootaa balleessuu dhabuun ni gammadu.

﴿الَّذِينَ اسْتَجَابُوا لِلَّهِ وَالرَّسُولِ مِنْ بَعْدِ مَا أَصَابَهُمُ الْقَرْحُ ۚ لِلَّذِينَ أَحْسَنُوا مِنْهُمْ وَاتَّقَوْا أَجْرٌ عَظِيمٌ﴾

)Isaan) warra erga madaan isaan tuqee booda Rabbiifi ergamaaf awwaataniidhaIsaan irraa warra toltuu hojjataniifi Rabbiin sodaataniif mindaa guddaatu jira.

﴿الَّذِينَ قَالَ لَهُمُ النَّاسُ إِنَّ النَّاسَ قَدْ جَمَعُوا لَكُمْ فَاخْشَوْهُمْ فَزَادَهُمْ إِيمَانًا وَقَالُوا حَسْبُنَا اللَّهُ وَنِعْمَ الْوَكِيلُ﴾

)Isaan) warra namoonni isaaniin “Namoonni isiniif (waraana) walitti qabanii jiruu sodaadhaa” jennaan iimaana isaaniif dabalee “ga’aan keenya Rabbii, isarratti hirkachuun toleera” jedhaniidha.

﴿فَانْقَلَبُوا بِنِعْمَةٍ مِنَ اللَّهِ وَفَضْلٍ لَمْ يَمْسَسْهُمْ سُوءٌ وَاتَّبَعُوا رِضْوَانَ اللَّهِ ۗ وَاللَّهُ ذُو فَضْلٍ عَظِيمٍ﴾

Odoo hamtuun isaan hin tuqin jaalala Rabbiis hordofanii ni’imaa Rabbi irraa ta’eefi tola isaatiin deebi’anRabbiin abbaa tola guddaati.

﴿إِنَّمَا ذَٰلِكُمُ الشَّيْطَانُ يُخَوِّفُ أَوْلِيَاءَهُ فَلَا تَخَافُوهُمْ وَخَافُونِ إِنْ كُنْتُمْ مُؤْمِنِينَ﴾

Inni sun sheyxaana; jaalalloo isaa (isin) sodaachisaa, yoo mu’umina taataniif isaan hin sodaatinaatii anuma sodaadhaa.

﴿وَلَا يَحْزُنْكَ الَّذِينَ يُسَارِعُونَ فِي الْكُفْرِ ۚ إِنَّهُمْ لَنْ يَضُرُّوا اللَّهَ شَيْئًا ۗ يُرِيدُ اللَّهُ أَلَّا يَجْعَلَ لَهُمْ حَظًّا فِي الْآخِرَةِ ۖ وَلَهُمْ عَذَابٌ عَظِيمٌ﴾

Isaan kufrii keessatti ariifatan si hin gaddisiisinIsaan Rabbiin homaa hin miidhanuRabbiin akka isaaniif Aakhiratti qooda homaatuu hin taasifne fedhaIsaaniifis adabbii guddaatu jira.

﴿إِنَّ الَّذِينَ اشْتَرَوُا الْكُفْرَ بِالْإِيمَانِ لَنْ يَضُرُّوا اللَّهَ شَيْئًا وَلَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ﴾

Dhugumatti isaan iimaanaan kufriijijjiirratan, Rabbiin homaa hin miidhanuAmmas isaaniif adabbii laalessaatu jira.

﴿وَلَا يَحْسَبَنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا أَنَّمَا نُمْلِي لَهُمْ خَيْرٌ لِأَنْفُسِهِمْ ۚ إِنَّمَا نُمْلِي لَهُمْ لِيَزْدَادُوا إِثْمًا ۚ وَلَهُمْ عَذَابٌ مُهِينٌ﴾

Warri kafaran (adabbii) isaaniif tursiisuun gaarii isaaniif ta'uu hin yaadinKan Nuti isaaniif tursiifnuuf akka badii dabalataniif qofaAmmas isaaniif adabbii xiqqeessaatu jira.

﴿مَا كَانَ اللَّهُ لِيَذَرَ الْمُؤْمِنِينَ عَلَىٰ مَا أَنْتُمْ عَلَيْهِ حَتَّىٰ يَمِيزَ الْخَبِيثَ مِنَ الطَّيِّبِ ۗ وَمَا كَانَ اللَّهُ لِيُطْلِعَكُمْ عَلَى الْغَيْبِ وَلَٰكِنَّ اللَّهَ يَجْتَبِي مِنْ رُسُلِهِ مَنْ يَشَاءُ ۖ فَآمِنُوا بِاللَّهِ وَرُسُلِهِ ۚ وَإِنْ تُؤْمِنُوا وَتَتَّقُوا فَلَكُمْ أَجْرٌ عَظِيمٌ﴾

Hanga fokkataa gaarii irraa adda fooyutti Rabbiin waan isin irra jirtan irratti kan mu’uminoota dhiisu hin taaneAmmas Rabbiin fagoo irratti kan isin mullisu hin taaneGaruu Rabbiin ergamtoota Isaa irraa nama fedhe filataRabbiifi ergamaa Isaatti amanaaYoo amantanii (Rabbiin) sodaattan, mindaa guddaatu isiniif jira.

﴿وَلَا يَحْسَبَنَّ الَّذِينَ يَبْخَلُونَ بِمَا آتَاهُمُ اللَّهُ مِنْ فَضْلِهِ هُوَ خَيْرًا لَهُمْ ۖ بَلْ هُوَ شَرٌّ لَهُمْ ۖ سَيُطَوَّقُونَ مَا بَخِلُوا بِهِ يَوْمَ الْقِيَامَةِ ۗ وَلِلَّهِ مِيرَاثُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۗ وَاللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ خَبِيرٌ﴾

Warri waan Rabbiin tola Isaa irraa isaaniif kenneen don’oomanu inni isaaniif gaarii ta'uu hin yaadinDhugumatti inni isaaniif badaadhaFuulduratti wanti isaan ittiin don’ooman Guyyaa Qiyaamaa (bofa ta’ee) isaanitti fannifamaDhaalli samiifi dachii kanuma RabbiitiRabbiinis waan isin dalagdan beekaadha.

﴿لَقَدْ سَمِعَ اللَّهُ قَوْلَ الَّذِينَ قَالُوا إِنَّ اللَّهَ فَقِيرٌ وَنَحْنُ أَغْنِيَاءُ ۘ سَنَكْتُبُ مَا قَالُوا وَقَتْلَهُمُ الْأَنْبِيَاءَ بِغَيْرِ حَقٍّ وَنَقُولُ ذُوقُوا عَذَابَ الْحَرِيقِ﴾

Dhugumatti Rabbiin jecha warra “Rabbiin hiyyeessa; nuti dureeyyiidha” jedhanii dhagayeeraWaan isaan jedhaniifi ajjeechaa isaan nabiyyoota irratti haqaan ala raawwatanis ni barreessina“Adaba (ibidda) gubaas dhandhamaa” isaaniin jenna.

﴿ذَٰلِكَ بِمَا قَدَّمَتْ أَيْدِيكُمْ وَأَنَّ اللَّهَ لَيْسَ بِظَلَّامٍ لِلْعَبِيدِ﴾

Sun sababaa waan harki keessan dabarfatteefi Rabbiinis gabroota kan miidhu ta'uu dhabuu isaatiini.

﴿الَّذِينَ قَالُوا إِنَّ اللَّهَ عَهِدَ إِلَيْنَا أَلَّا نُؤْمِنَ لِرَسُولٍ حَتَّىٰ يَأْتِيَنَا بِقُرْبَانٍ تَأْكُلُهُ النَّارُ ۗ قُلْ قَدْ جَاءَكُمْ رُسُلٌ مِنْ قَبْلِي بِالْبَيِّنَاتِ وَبِالَّذِي قُلْتُمْ فَلِمَ قَتَلْتُمُوهُمْ إِنْ كُنْتُمْ صَادِقِينَ﴾

)Isaan) warra “hanga inni kennaa (qurbaana) ibiddi nyaatuun nutti dhufutti akka ergamaa kamittiyyuu hin amanne Rabbiin nu ajajeera” jedhaniidha“Dhugumatti ana duras ergamtoonni ragoota ifa ta’aniifi isa isin jettaniinis isinitti dhufanii jiruYoo kan dhugaa jettan taataniif maaliif isaan ajjeeftan?” jedhi.

﴿فَإِنْ كَذَّبُوكَ فَقَدْ كُذِّبَ رُسُلٌ مِنْ قَبْلِكَ جَاءُوا بِالْبَيِّنَاتِ وَالزُّبُرِ وَالْكِتَابِ الْمُنِيرِ﴾

Yoo si kijibsiisaniif, ergamtoonni si duraa kan ragoota ifa ta’an, xalayaafi kitaaba ibsaa ta'een dhufanis kijibsiifamanii jiru.

﴿كُلُّ نَفْسٍ ذَائِقَةُ الْمَوْتِ ۗ وَإِنَّمَا تُوَفَّوْنَ أُجُورَكُمْ يَوْمَ الْقِيَامَةِ ۖ فَمَنْ زُحْزِحَ عَنِ النَّارِ وَأُدْخِلَ الْجَنَّةَ فَقَدْ فَازَ ۗ وَمَا الْحَيَاةُ الدُّنْيَا إِلَّا مَتَاعُ الْغُرُورِ﴾

Lubbuun hundi du’a dhandhamtuudhaMindaawwan keessanis guutummaatti kan argattan Guyyaa QiyaamatiNamni ibidda irraa fageeffamee jannata seensifame, dhugumatti milkaayeeraJireenyi addunyaas meeshaa gowwoomsaa qofa.

﴿۞ لَتُبْلَوُنَّ فِي أَمْوَالِكُمْ وَأَنْفُسِكُمْ وَلَتَسْمَعُنَّ مِنَ الَّذِينَ أُوتُوا الْكِتَابَ مِنْ قَبْلِكُمْ وَمِنَ الَّذِينَ أَشْرَكُوا أَذًى كَثِيرًا ۚ وَإِنْ تَصْبِرُوا وَتَتَّقُوا فَإِنَّ ذَٰلِكَ مِنْ عَزْمِ الْأُمُورِ﴾

Isin dhugumatti qabeenya keessaniifi lubbuu keessan keessatti ni qormaatamtuWarra isin dura kitaabni kennameef irraafi warra (Rabbitti) qindeessan irraas wantoota isin rakkisan baay’ee dhageessuYoo obsitanii, (Rabbiin) sodaattan, dhugumatti kun gocha cimaadha.

﴿وَإِذْ أَخَذَ اللَّهُ مِيثَاقَ الَّذِينَ أُوتُوا الْكِتَابَ لَتُبَيِّنُنَّهُ لِلنَّاسِ وَلَا تَكْتُمُونَهُ فَنَبَذُوهُ وَرَاءَ ظُهُورِهِمْ وَاشْتَرَوْا بِهِ ثَمَنًا قَلِيلًا ۖ فَبِئْسَ مَا يَشْتَرُونَ﴾

Yeroo Rabbiin warra kitaaba kennamaniin “namootaaf isa ibsaa; akka isa hin dhoksine” (jedheenii) irraa waadaa kakuun jabeeffame fuudhe [yaadadhu]Isaan garuu dugda duuba isaaniitti isa darbanii gatii xiqqaattis isa gurguratanWanti isaan bitatan waa fokkate!

﴿لَا تَحْسَبَنَّ الَّذِينَ يَفْرَحُونَ بِمَا أَتَوْا وَيُحِبُّونَ أَنْ يُحْمَدُوا بِمَا لَمْ يَفْعَلُوا فَلَا تَحْسَبَنَّهُمْ بِمَفَازَةٍ مِنَ الْعَذَابِ ۖ وَلَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ﴾

Warra waan hojjatanitti gammadanii, waan hin dalagin irratti galateeffatamuu jaalatan hin yaadin; adabbii irraa baraaramuu isaaniis hin yaadinIsaaniifis adabbii laalessaa ta’etu jira.

﴿وَلِلَّهِ مُلْكُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۗ وَاللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ﴾

Mootummaan samiifi dachii kan RabbiitiRabbiinis waan hunda irratti danda’aadha.

﴿إِنَّ فِي خَلْقِ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَاخْتِلَافِ اللَّيْلِ وَالنَّهَارِ لَآيَاتٍ لِأُولِي الْأَلْبَابِ﴾

Uumuu samiifi dachii; wal bakka bu’uu halkaniifi guyyaa keessa warra sammuu qabaniif mallattooleetu jira.

﴿الَّذِينَ يَذْكُرُونَ اللَّهَ قِيَامًا وَقُعُودًا وَعَلَىٰ جُنُوبِهِمْ وَيَتَفَكَّرُونَ فِي خَلْقِ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ رَبَّنَا مَا خَلَقْتَ هَٰذَا بَاطِلًا سُبْحَانَكَ فَقِنَا عَذَابَ النَّارِ﴾

)Isaan) warra dhaabatanii, taa’anii, cinaacha isaanii irrattis Rabbiin faarsanii, “yaa Gooftaa keenya! Ati kana taphaaf hin uumne, qulqulloofte, adabbii ibiddaa irraas nu baraarsi" jedhaa uumama samiifi dachii keessattis xiinxalaniidha

﴿رَبَّنَا إِنَّكَ مَنْ تُدْخِلِ النَّارَ فَقَدْ أَخْزَيْتَهُ ۖ وَمَا لِلظَّالِمِينَ مِنْ أَنْصَارٍ﴾

)Ammas) "Gooftaa keenya! Ati nama ibidda seensifte, dhugumatti isa salphiftee jirtaMiidhaa hojjattootaaf gargaaraan hin jiru.

﴿رَبَّنَا إِنَّنَا سَمِعْنَا مُنَادِيًا يُنَادِي لِلْإِيمَانِ أَنْ آمِنُوا بِرَبِّكُمْ فَآمَنَّا ۚ رَبَّنَا فَاغْفِرْ لَنَا ذُنُوبَنَا وَكَفِّرْ عَنَّا سَيِّئَاتِنَا وَتَوَفَّنَا مَعَ الْأَبْرَارِ﴾

Gooftaa keenya! dhugumatti nuti lallabaa ‘Gooftaa keessanitti amanaa’ jechuun iimaanaaf lallabu dhageenyee amannee jirraGooftaa keenya! badii keenya nuuf araarami; hamtuuwwan keenyas nurraa harcaasi; warra qulqulluu wajjinis nu ajjeesi.

﴿رَبَّنَا وَآتِنَا مَا وَعَدْتَنَا عَلَىٰ رُسُلِكَ وَلَا تُخْزِنَا يَوْمَ الْقِيَامَةِ ۗ إِنَّكَ لَا تُخْلِفُ الْمِيعَادَ﴾

Gooftaa keenya! Waan ergamtoota kee irratti waadaa nuuf seente nuuf kenniGuyyaa Qiyaamaas nu hin salphisinDhugumatti Ati waadaa hin faallessitu" (jedhaa xiinxalanii dha).

﴿فَاسْتَجَابَ لَهُمْ رَبُّهُمْ أَنِّي لَا أُضِيعُ عَمَلَ عَامِلٍ مِنْكُمْ مِنْ ذَكَرٍ أَوْ أُنْثَىٰ ۖ بَعْضُكُمْ مِنْ بَعْضٍ ۖ فَالَّذِينَ هَاجَرُوا وَأُخْرِجُوا مِنْ دِيَارِهِمْ وَأُوذُوا فِي سَبِيلِي وَقَاتَلُوا وَقُتِلُوا لَأُكَفِّرَنَّ عَنْهُمْ سَيِّئَاتِهِمْ وَلَأُدْخِلَنَّهُمْ جَنَّاتٍ تَجْرِي مِنْ تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ ثَوَابًا مِنْ عِنْدِ اللَّهِ ۗ وَاللَّهُ عِنْدَهُ حُسْنُ الثَّوَابِ﴾

Gooftaan isaaniis “Ani dalagaa nama isin irraa dalagee kan dhiiraas ta’ee dhalaa hin balleessuGariin keessan garii irraayyi" jechuun isaaniif awwaateIsaannan godaananii; manneen isaanii irraa baafamanii, kan karaa kiyya keessatti rakkifamanii,fi lolaniifi ajjeefaman, dhugumatti hamtuuwwan isaanii isaan irraa harcaaseen ashaakiltii laggeen jala ishee yaatu isaan seensisaMindaa Rabbiin biraa ta’e (mindeffaman)Rabbiin isa bira mindaa gaariitu jira.

﴿لَا يَغُرَّنَّكَ تَقَلُّبُ الَّذِينَ كَفَرُوا فِي الْبِلَادِ﴾

Dachii keessa garagaggaluun warra kafaranii si hin gowwoomsin.

﴿مَتَاعٌ قَلِيلٌ ثُمَّ مَأْوَاهُمْ جَهَنَّمُ ۚ وَبِئْسَ الْمِهَادُ﴾

(Kun) qananii muraasaErgasii teesson isaanii jahannamiAfatichi waa fokkate!

﴿لَٰكِنِ الَّذِينَ اتَّقَوْا رَبَّهُمْ لَهُمْ جَنَّاتٌ تَجْرِي مِنْ تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ خَالِدِينَ فِيهَا نُزُلًا مِنْ عِنْدِ اللَّهِ ۗ وَمَا عِنْدَ اللَّهِ خَيْرٌ لِلْأَبْرَارِ﴾

Garuu isaan Gooftaa isaanii sodaatan ishee keessatti hafoo ta'anii isaaniif ashaakiltiilee laggeen ishee jala yaatutu jiraAffeerraa Rabbiin biraa ta’e (affeeraman)Waan Rabbin biraatu qulqullootaaf caalaadha.

﴿وَإِنَّ مِنْ أَهْلِ الْكِتَابِ لَمَنْ يُؤْمِنُ بِاللَّهِ وَمَا أُنْزِلَ إِلَيْكُمْ وَمَا أُنْزِلَ إِلَيْهِمْ خَاشِعِينَ لِلَّهِ لَا يَشْتَرُونَ بِآيَاتِ اللَّهِ ثَمَنًا قَلِيلًا ۗ أُولَٰئِكَ لَهُمْ أَجْرُهُمْ عِنْدَ رَبِّهِمْ ۗ إِنَّ اللَّهَ سَرِيعُ الْحِسَابِ﴾

Warra kitaabaa irraa kan Rabbiif of gadi qaban, Keeyyattoota Rabbii maallaqa xiqqaan hin jijjiirranne ta'anii warra Rabbiitti, waan gara keessanitti buufameefi waan gara isaaniitti buufamettis amanantu jiruWarri sun isaaniif mindaan isaanii Gooftaa isaanii bira jiraDhugumatti, Rabbiin qormaanni isaa ariifataadha.

﴿يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا اصْبِرُوا وَصَابِرُوا وَرَابِطُوا وَاتَّقُوا اللَّهَ لَعَلَّكُمْ تُفْلِحُونَ﴾

Yaa warra amantan! Obsaa; obsaan (diinota keessan) injifadhaa; karaa Rabbii keessattis of hidhaaAkka milkooftaniif jecha Rabbiin sodaadhaa

الترجمات والتفاسير لهذه السورة: