الشاكر
كلمة (شاكر) في اللغة اسم فاعل من الشُّكر، وهو الثناء، ويأتي...
Nuti halkan barakeeffamtuu keessa isa buufneNuti dinniinoo taaneerra.
Ishee (halkanittii) keessa dhimmi murteeffame hundi adda baafama,
Adda baafaminsa nu biraa ta’e (ibsina)Nuti ergitoota taaneerra
Rahmata Gooftaa kee irraa ta’eef (buufne)Inni Isumatu dhaga’aa, beekaadha.
(Rahmata) Gooftaa samii, dachiifi waan gidduu isaan lamaanii irraa ta’eetiYoo kan dhugoomsitan taataniif (kana hubadhaa).
Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiruNi jiraachisa; ni ajjeessas(Inni) Gooftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan kan jalqabaati.
Kanaafuu, guyyaa samiin aara ifa ba’aan dhuftu (waan isaan mudatu) eegi.
(Aarri kun) namoota haguugaKun adabbii laalessaadha.
(Kaafiroonni yeroo adabicha argan) “Gooftaa keenya! Adabicha nurraa kaasi nuti ni amannaa” (jedhu).
Odoo ergamaan ifa baasaan isaanitti dhufee jiruu, (erga adabaatii) gorfamuun akkamitti isaaniif jiraata?
Ergasii isa irraa gara galanii “(Inni) barsiifamaa maraatuudha” jedhan.
Nuti yeroo gabaabaaf adabbii saaqoodha; Isin (kufriitti) deebi’oodha.
Guyyaa qabaa guddaa qabnu Nuti haaloo bahatoodha.
Dhugumatti, Nuti isaan dura ummata Fir’awni mokkorree jirraErgamaan kabajamaanis isaanitti dhufe.
“Ani isiniif ergamaa amanamaadhaa, gabroota Rabbii gara kiyya kennaa!” jechuun (isaanitti dhufe).
“Rabbi irratti hin booninaa; ani ragaa ifa ta’een isinitti dhufaadha” jachuunis.
“Ani akka dhagaan tumtanii nan ajjeefne Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessanittin maganfadhe.
Gooftaa isaa ni kadhate: “Isaan kun ummata yakkamtoota” (jedhe).
(Rabbiin ni jedhe): “Gabroota kiyyaan halkaniin deemiDhugumatti isin hordofamtoota.
Galaana akkuma banametti dhiisiDhugumatti, isaan garee bishaaniin dhidhimfamoodha.”
Samiifi dachiin isaan irratti hin boonye; kan tursiifanis hin turre.
Dhugumatti, Ilmaan Israa’iil adabbii salphisaa irraa nagaya baafne.
Fir’awni irraa (ni baraarsine)Inni boonaa, daangaa dabraa irraa ta’eera.
Nuti beekumsaan aalama hunda irra isaan filanne.
Raajiiwwan irraas waan mokkorriin ifa ta’e isa keessa jiru isaaniif kennine.
“Du’a keenya kan jalqabaa malee isheen (biraa) hin jirtuNuti (kana booda) hin kaafamnu.
Yoo warra dhugaa dubbatu taataniif, abbootii keenya fidaa.”
Sila isaantu caala moo ummata Tubba’iifi warra isaan duraati? Isaan yakkamtoota taanaan isaan balleessine.
Samii, dachiifi waan isaan lamaan gidduu jirus taphatoo taanee hin uumne.
Dhugaan malee isaan lachan hin uumneGaruu irra hedduun isaanii hin beekanu.
Dhugumatti, Guyyaan murtii beellama isaan hundaati.
Guyyaa jaalalleen jaalallee irraa homaa hin deebifne, kan isaanis (kaafiroonnis) hin tumsamneedha.
Nama Rabbiin rahmata godheef maleeInni Isumatu injifataa, rahmata godhaadha.
(Ni jedhama): “Isa qabaatii gara walakkaa ibidda boba’aa harkisaa.
Ergasii mataa isaa gubbaatti adabbii bishaan danfaa irraa ta’e dhangalaasaa.
Dhandhami; dhugumatti, ati simatu cimaa, arjaa (of fakkeessuu) turtee!
Inni kun waan isa mamaa turtan sani” (isaaniin jedhama).
Walitti gara galoo ta’anii (uffata) hariira haphiifi hariira furdaa irraa ta’e uffatu
Akkuma kana dubra adaadii ija babala’aa isaan fuusifne
Achi keessattis nagaa ta’anii fuduraalee hunda waammatu.
Ishee keessatti du’a jalqabaa malee du’a hin dhandhamanRabbiin adabbii ibidda boba’aa irraa isaan tikse.
Tola Gooftaa kee irraa ta’eefSun isumatu milkii guddaadha
Akka gorfamaniif jacha isa (Qur’aana) arraba keetti laaffifne.