المنان
المنّان في اللغة صيغة مبالغة على وزن (فعّال) من المَنّ وهو على...
Yeroo argamtuun (Qiyaamaan) argamte,
(Gareen tokko) warra mirgaati; warri mirgaa akkam (milkaa’oo dha)!
(Gareen lammaffaan) warra bitaati; warri bitaa akkam (hoonga’oo dha)!
Ijoollee (ijoollummaan) yeroo hunda jiraatantu isaan irra naanna’a
Kubbaayyaa, quluufi geeba (xoofoo) farsoo irraa ta’een.
Isii (jannata) keessatti wacaafi wal arrabsuus hin dhaga’an.
Warri mirgaa; warra mirgaa waa’een isaanii akkam tola!
Kan maddi isaanii hin cinneefi kan irraa hin dhorgamne (keessa).
“Sila yeroo duunee biyyeefi lafee taane, dhugumatti nuti kaafamoodhaa?” jedhaa turan
“(Yaa Muhammad!) dhugumatti, isaan jalqabaas ta’ee isaan boodaas (ni kaafamu)” jedhiin
Beellama guyyaa beekamaa keessatti walitti qabamuuf jiru.
Ergasii isin yaa jallattoota sobsiiftotaa!
Nutu du’a gidduu keessanitti murteesseNuti dadhabsiifamoo miti.
Fakkaataa keessan jijjiiree, waan isin hin beekne keessatti isin uumuu irratti (dadhaboo miti).
Dhugumatti, akkaataa uumama jalqabaa beektanii jirtu; maaliif hin gorfamne?
Isintu isa biqilcha moo Nutu biqilchoo dha?
Odoo feenee caccabaa gooneeti kan dinqisiifattan taatan.
Sila duumessa irraa isintu isa buusee? Moo Nutu (isa) buusoo dha?
Odoo feenee soogiddoo (kuraawaa) isa taasifnaSila maaliif (Rabbiin) hin galatoomfanne?
Sila muka ishee isintu biqilchee? Moo Nutu biqilchoo dha?
Nuti ibidda kana gorsaafi qananii imaltoonni itti fayyadaman ishee goone.
Inni dhugumatti, odoo kan beektan ta’ee kakuu guddaadha.
(Galata) rizqii (rooba) keessanii kijibsiisuu gootanii?
Yeroo (lubbuun) kokkee geesse, (maaliif hin deebiftanuu)?
Isin hin argitan malee Nuti isin caalaa gara isaatti dhihoo jirra.
Yoo (kaafamtanii) kan galata hin galfamne taatan (lubbuu san deebisaa).
Yoo kan dhugaa dubbattan taatan maaliif hin deebiftanu?
Yoo inni (namni du’e sun) namoota Rabbitti dhiyeeffaman irraa ta’e,
(Isaaf) haara galfii, gammachuufi jannata qananiitu jira.
Warra mirgaa irraa waan taateef nagaan siif haa jiraatu” (isaan jedhama)
Yoo sobsiiftota jallattoota irraa ta’e immoo,
Dhugumatti, inni (wanti suuraan ibsite) kun haqa mirkanaa’aadha.